Category Archives: Oduu/News
Sadaasa 9 Guyyaa Yaadatnoo Fincila Diddaa Gabrummaa Ilaalchisee Ibsa Qeerroo Bilisummaa Oromoo
Aside
Guyyaa Yaadannoo Fincila Diddaa Gabrummaa (FDG) Waggaa 11ffaa Sadaasa 9,2005, Yaadannoo Sochii Warraaqsa Biyyoolessa Oromiyaa Fincila Xummura Garbummaa (FXG) Ebla 11,2014 Qabsiifamee Bifa Adda Ta’een Sadaasa 12,2015 Warraaqsa Dhoofamee Boqonnaa Tokko Malee Waggaa Guutuu Gaggeeffama jiru İlaalchisuun Qeerroon Bilisummaa Oromoo Ibsa dabarse.
Sochiin seenaa qabeessi Warraaqsi FDG Sadaasa 9 bara 2005 waamicha Qabsoo karaa nagaa ABO uummata Oromoo hundaaf godheen qabsiifame keessatti dargaggootni Oromoo, Barattootni Oromoo fi qonnaan bultootni bifa qindaa’ee fi İjaarameen itti hirmachuun wareegama qaalii baasuun mootummaa abbaa irree boqonnaa dhorkuun bilisummaa ofiifi walabummaa biyya jecha bara Oromoon gamtaan waamicha godhameef simatee falmachuutti jabaate dha.
Goototni Oromoo wareegama qaalii gootummaan hiriiruun lubbuu deebitee bakka buusaa hin qabne kennuun saba isaaniif falmachuun mooraa Qabsoo Bilisummaa Oromoo ABO durfamu biyya keessatti gadi jabeessuun uummata gidduu jiraachisuu danda’uu irra darbee Qeerroo Bilisummaa Oromoo har’a bifa jaarmiyaan ijaaramee qabsich bifa qindaa’een gaggeessuun sochii FDG irraa gara Sochii warraaqsaa Biyyoolessa Oromiyaa FXGtti tarkaanfachiisuun abbaa irreetti xummura gochuufi Uummata Oromoo balbala Bilisummaa irraan gahee jiruuf bu’uura kana buusuun danda’amedha. Continue reading
Wayyaaneen Marsaaleen Hawaasaa Akka Hin Banamne Irra Deddeebi’ee Ugguraa Jira.
Aside
Gurmuun Tumsa Qeerroo Perth Australia Qeerroo Bilisummaa Cinaa Dhaabbachuuf Maree Taasisan.
Aside
Gurmuun Tumsa Qeerroo Bilisumma Oromoo magaalaa Perth, Australia, guyyaa harra (30/10/2016) walitti dhufuun akkamiin qeerroo biyya keessaa, bobaa diinaa jala ta’anii qabsa’a jiraniif akkamiin daran cimsee akka tumsu mari’atee, Akkuma kanas, haala kabajaa guyyaa Fincila Diddaa Gabrummaa irratti yaada wal jijjirre jirra. Continue reading
[Video] Yemane Ghebreab slams TPLF regime, makes Oromo protest sign at UN
Aside
MANNI MAREE MOOTUMMAA KANAADAA GOCHAA DHIITTAA MIRGA DHALA NAMAA IRRATTI MOOTUMMAAN WAYYAANEE GEGGEESSAA JIRTU MORMMAN.
Aside
Maal Haabaasuuf Dhama Raasu
Aside
Damee Boruutin

Waan nama gadisiisu guddaan tokko yaroo bara baraan guddachuu dhabnu dha. Bara kana keessa yaroo uummatni diina wajjin kokee wal qabee xinnaa fi guddaan Bahaa amma Dhihaa, Kaaba amma Kibbaa dhiiga isaa lolaasaa jiru akkuma bara darbanii arrabaa fi abaarsa hojii keenyaa duraa godhachuun kan nama gadisiisu caalaa kan nama gaafachiisuu tahuu qabu. Gaaraa garumaan namootas tahee ijaarsota maqaa Oromoo mogaafatanii socho’aa jirra jedhan jidduu jiru amma diina wajjin hiriiroo hin galeetti kan lamaffaa fi kannagaa hiikamuu danda’u dha.
Qabsoon uummata Oromoo yoom iyyuu caalaa har’a bakka tokkotti itituu qaba. Kana jechuun ijaarsonni kun halkan tokkotti tokko tahanii buluu qabu jechuu miti. Waan akka tokko hin taanee isaan godhe waan jiruuf amma sana furatan yaroo fudhachuun hammeenya hin qabu. Waan baayyee nama dhibuu fi guddachuu dadhabne nama jechisiisu, ijaarsan qaba jedhanii waa’ee kaayyoo ijaarsa ofii injifannoo ijaarsi isaanii qabsoo uummata Oromoof galmeesse himachuu irraa waan ijaarsi biraa hojjechuu dadhabe, waan ijaarsi biraa balleesse odeessaa ooluun tooftaa qabsoo isa duraa taheeargamuu isaa ti. Kanaaf immoo itti gaafatama duraa warri qaban warra ijaarsa qabna jedhan yoo tahu. Warri isaan dhageenuus isaani irraa adda bahuu hin deenyu. Yaroo isaan ijaarsa biraa geeraruu qaban , kan ijaarsa kee qofaa nuuf himii achi irraa bu’ii jechuu qabna. Isa bareedaa hojjeeteef isa faarsinee isa hojjechuu dhadbabeef isa jajjabeesinee nagaa itti dhaamna.
Godina Arsii Keessatti Waraanni Wayyaanee Dhumaatii Ummata Oromoo Irraan Gahaa Jiru.
Aside
Labasii Wayyaanee Hojii Irra Oolchuuf Jecha Godina Arsii Lixaa fi Arsii Bahaa Keessatti Waraanni Agaazii Wayyaanee Gaga’ama Ajjeechaa fi Hidhaa Ummata Oromoo Irra Gahe Daran Ulfaataa Ta’uu Qeerroon Saaxile.
Onkoloolessa 29,2016
Qeerroo Bilisummaa Oromoo
- Nageellee Arsii irraa kanneen hidhamaan *335*, kan ajjeefaman *70*, kan dhabaman hin beekkamne.
2. Kofale irraa kanneen hidhaman nama *87*, kan ajjeefaman *6 *kan dhabaman hin beekkamne.
3. Shaallaa fi Ajjee irraa kanneen hidhaman *400*, kan ajjeefaman *85*, kan dhabaman hin beekkamne.
4. Adaabbaa irraa kanneen hidhaman *65*, kan ajjeefaman *3*, kan dhabaman hin beekkamne.
5. Dodola irraa kanneen hidhaman *77*, kan ajjeefaman *17*, kan dhabaman hin beekkaman.
6. Jaju irraa kanneen hidhaman *97*, kan ajjeefaman *5*, kan dhabaman hin beekkamne.
7. Saddiiqa irraa kanneen hidhaman *361*, kan ajjeefaman *16*, kan dhabaman hin beekkamne.
8. Munessa irraa kanneen hidhaman *345*, kan ajjeefaman *12*, kan dhabaman hin beekkamne.
9. Xiyyo irraa kanneen hidhaaman *180*, kan ajjeefaman *2*, kan dhabaman hin beekkamne.
10. Heeban Goljootaa irraa kanneen hidhaman *213*, kan ajjeefaman *2*, kan dhabaman hin beekkamne.
11. Digalu fi Xiijoo irraa kanneen hidhaman *235*, kan ajjeefaman *3*, kan dhabaman hin beekkamne.
12. Qoree irraa kanneen hidhaman *311*, kan ajjeefaman *25*, Isaan keessaa Fayyisoo Gammadaa Xabboo fa’aadha. kan dhabaman hin beekkamne.
13. Leemmoo fi Bilbilloo/Boqqojjii irraa kanneen hidhaman *300, *ajjeefamanii fi dhabaman hin beekkamne.
14. Shirka Xannaa irraa kanneen hidhaman 700, kan ajjeefaman 2, kan dhabamn hin beekkamne.
Sagalee QEERROO Bilisummaa Oromoo (SQ) Qophii Onkoloolessa 28,2016
Aside
Aside
Waamich Dirmannaa Xumura Fincila Garbummaa fi
Tumsa Qeerroo Bilisummaa Oromoo fi WBO!
Haala yeroo irratti MGS-ABO fi itti gaafatamaa Birkii Diplmasii biyya alaa J/Dr.Shigux Galataa, Miseensa hoggana WBO Zoonii Kibbaa fi J/Seenaa Dhugaa miseensa hoggana Qeerroo Bilisumaa irra ibsaa ni kennama. Akksumsas haala qabsoo kenyaa irraa jiruu fi egereen qabsoo keenyaa irraatti marii bal’aan ni taasifama.
Kutaa ABO Scandinavia (Iskandiinaviaya) Guuyyaa Yaadannoo FDG wagga 11ffa bara kana bifa addaan yaadachuuf karoorfatee jira. Haala qabatamaan biyya keessatti raawwatamaa jiruu fi sadarkaa qabsoo keenya irra jiru xiyyeefanna keessa galchuun; wareegama ilamaan Oromoo kaffalaa jiran galmaan ga’uun dirqama Oromoota hundaa ti.
Kanaaf Miseensonni, Deegartoonnii QBO fi Oromoon sabboonummaa Oromummaa qabnu hundi gumaacha qabsoo nugaafatu keessa; addatti Tinnisa diingdee fi yaadaa gumaachuun yaadannoo guyyaa FDG bara kana akka kabajaan isni afeerra.
Akkasumsa Artistoonni Oromoo Kanneen akka Hirphaa Ganfuree, Tottobaa Taddasaa fi Dangaa Hayile- Iyessuus sirboota qabsoo fi warraaqsaan hirmaattota walga’ii kan bohaarsuuf qopha’anii jiru.
Oromoon hundi Wareegama Oromoonni qabsoo Abbaa biyyummaa fi Bilisummaa isaanii baasa jiran galamaan ga’uuf gumaacha qabsoon nugaafatu ba’uuf koottaa waliin Qeerroo Bilisummaa Oromoo fi WBO bira waliin haa dhaabbannu!
IUO!
Kotaa ABO Scandinavia!


