Category Archives: Oduu/News
Oromo TV: Xurii irratti xurii biroo dabaluun ajaa/kosii hin qulqulleessu
Aside
Gootummaan Oromoo kana duraa ammas akka itti fufuu hawaasa keenya jajjabeessuuf gootummaa keenya kaleessaa beekùun barbaachisaadha!
Aside
Gootummaa kutaa 2ffaa
Noolee Buttaatiin
Oromoon gaafa lolaaf ba’u “lafee jedhee “nyaata” waliin nyaata namni nyaata sanatti akka tasaa dhaquyyuu dhiisee galuun qaaniidha…….
Kutaa darbe keessatti Gotummaa irratti gootummaa Oromoon dur qabuu fi har’as gootummaa qabaannee ilaacha warra lixaa fi rakkoolee keessaatiin qabsoon Oromoo keessattuu waggoota 11ffaaf adeemsifamaa jiru gara fuula duraatti Humna Ittisa Uummataa kan tooftaa waraana ammayyaa fi waraana riphe lolaa Gadaatti dhimma bahuu qaba ilaalcha jedhurraa ammas kutaa 2ffaa isaa isinii barreessuuf dirqameen jira.
Gootummaa Oromootiif lammiileen alaafi diinni ollaa Oromoo utuu hin hafin barreessaniiru,ragas ba’aniiru. Kan dhiironni barreessanirraa waan dubartoonni Goojjam dhiira isaaniitin jedhan kun qofti ga’aadha!
አመጣለዉ ብሎ ጆሮ ትልትል በረ
ጮማን ገብቶ ቀረ የጎጃም ገበረ
Bara 1840oota keessa hattootni Goojjam keessaa ka’anii uummata Oromoo saamuuf naannoo Horroo Guduruutti yeroo nam’an waraanni riphe lolaa Gadaa laaqii keessatti eeggatanii haleelanii achitti isaan fixaa turan keessattuu laaqiin Raaree Coomman lola kanaaf mijataa akka ture loltoonni yeroo sanaa filachuu isaanii barrooleen Seenaa Oromoo galmeessaniiru.
Yeroon kun yerootti Abiisheen weerartoota yeroo lamaa ol of irraa qolateefi humnoota akka Qadiidaa Wannabee isa Jimmaa Raaree,Teessoo Qannoo isaAmuru Jaartee fi Soorii Galaa isa Jimmaa Gannatii warra alagaa wajjin Goojam irratti qunnamtii tolfatuun waraana Oromoo naannoo sanaa irratti geggeessuuf utuu jiranii,tokkummaa dhabuu Oromoota Horroo Guduruu kan hubatte Haati Mootii Gudayyaa Dojaa Arbaas akkas jette jedhama. Continue reading
SBO: Sadaasa 06 Bara 2016. Oduu, Gaaffii fi Deebii miseensa Gumii Sabaa ABO Jaal Odaa Xasee waliin taasifamee fi Ibsa Ejjennoo Gurmuu Miseensota WBO Biyya Alaa.
Aside
ቄሮ : የኦሮሞ : ወጣቶች: ለነፃነት: ንቅናቄ : ድምፅ : የሳምንቱ : ዜና :: (SQ) November 4, 2016
Aside
Yuunibarsiitii Jimmaa Damee Kitoo Furdisaa (Technological science) Keessatti Barattoota Ambulaansiidhaan Rukutuun Ajeesanii Jirachuun Beekame
Aside
Sadaasa 5,2016
Dhumaatii fi Dhabamuu irra Dandamachuuf
Aside
Damee Boruu Irraa
Waraana Wayaanee amma funyaa isa gahutti meeshaa baraan hidhatee jiru Qeerroon Bilisumaa Oromoo harka qullaa murannoo guutuun dura dhaabbatee sochoosuu dorkuudhaan injifannoo isa duraa uummata Oromoof galmeesse jira. Uummatni Oromoos waamicha ijoollee isaa fudhatee Oromiyaa guututti irree tokkoon ka’e, “lakki nu gahii nu irraa deemaa” jechuudhaan qabsoon bilisummaa akka dagaagu gargaareera. Mootummaan TPLF,” amman bakkatti isaan galsha “jettee dhaadachaa turte waan qabduu fi waan gadi dhiistu walaaltee ofii bakka galtu mala dhachuu eegalte.
Mala argatte keessaa tokko Labsii Hattattamaa labsuudhaan uummata Oromoo caalaatti hiraarsuu fi sodaachisuu yaaluu akka tahe agarree jirra. Innis akka ishee baasuu hin dandeenye bareechitee hubatti. Gochi kun hunda caalaa saaxxila ishee baasee akka qullaa dhaabbatu ishee godhee jira. Kan dura qabeenyi biyya sana baayyee gudachaa fi demookraasiin biyyaa sana keessatti hedduu dagaagaa jira jedhanii warri ishee faarsaa ture hunduu wajjin salphate. Beelli karaa tokkoon uummata fixxaa jira. Ishee aangoo irraa turuuf jechaa humna ishee dura dhaabbatu hundaa fixxuuf abbalaa jirti. Haalli kuun lubbuu ishee gabaabsaa jira malee aangoo irra kan ishee tursiisu miti. Ummatni Impayeera Itoopiyaa sana keessa jiruu hunduu ishee xireefatee irratti ka’aa jira. Continue reading
Lixa Oromiyaa Aanaa Guutoo Giddaa Ukkee Qarsaatti Hidhaaf Dararaan Uummataa Mootummaa Wayyaanee Akkuma Itti Fufetti Jira
Aside
Sadaasa,3,2016
Oromiyaa bakkeewwan hedduu keessatti ilmaan Oromoo Ajjeefamaa,Gideedamaa,Hidhamaa,Reebamaa jiraachuu himamaa jira.Haalli kun daran kan hidda gadi fageeffatee jiru yoo ta’u Uummata dararuuf kinaanuun waan aangoo isaarra turu itti fakkaatullee dararaa suukanneessaan kun gadoof haaloo jabaa akka uummatni qabatu taasisaa jira.Godina Wallaggaa Bakkeewwan Hedduu Keessatti Haalli Jiruuf Jireenya Uummataa Daran Yaaddeessa Ta’aa Jira
Aside
Sadaasa 4,2016
Sagalee Qeerroo Bilisummaa Oromoo (SQ) Qophii Sadaasa 4, 2016
Aside