Aside

Yaaliin ajjeechaa jaal Kennasaa Ayyaanaa irratti har’a yaalame uummata Oromoo bakkichaan qolatameera. Rasaasa irratti dhuka’een lubbuu qaalii dargaggeessa tokkoo uummati dhabee jira. Baay’ee namatti dhagaa’ama.

Hundaan ol ABO’n dhaaba du’aaf ajjeechaa baqatee hidhaa baqatee Oromoo qabsaa’uu dhiisu akka hintaane diinnis firris beekuu qaba.

Image may contain: 1 person, outdoor

Aside

Dhaamsa Artist Ilfineesh Qannoo Ummata Oromoo bal’aaf dhaammate qalbii nama tuqa kan namummaa qabuuf.

Gochaa sukkaneessaa Haadharraa Ilmootti darbe sirnuma kanaan argaa jirra.

Aside

ጠ/ሚ ዶ/ር አብይ አህመድ ለቀድመው ጠ/ሚ መለስ ዜናዊ የገጠሙት ግጥም “እጅ እንነሳለን” | ABIY AHMED POAM TO FORMER PM MELES ZENAWI

Aside

cropped-qeerroo-edit.jpg

Afaan Qawwee jalatti nagaan hinyaadamu, hinargamus!

Qeerroo Bilisummaa Oromoo
Gurraandhala 1,2020

Uummata deettiin/jumulaan ajjeesuu, hidhuu fi shamaraaf dubartii Oromoo gudeeduu dabalatee yakki sussukanneessaan uummata quunnamtiin hawwaasaa marti irraa cite irratti baatii tokkoo oliif deemaa jira. Bosonni Lixa Oromiyaa guyyaaf halkan walitti gubataa jira. Bineensotni Oromiyaa gadhiisanii godaansaaf saaxilamaa jiru. Akka amantaa Qeerroo Bilisummaa Oromootti gochi akkanaa gocha abbaa irreeti.

Uummata nagaa irratti irree isaa agarsiisuudhaaf biyyoota keessaaf biyya alaa irraa gargaarsa meeshaa waraanaaf loojistikii garaagaraa kadhatee mootummaan Ethiophia (EPRDF) uummata nagaa irratti waraana banee jiru kana akka hatattamaan dhaabu gaafatna. Uummatni keenya Oromoonis gocha hammeenyaa obbolaa isaa irratti, maatii isaa irratti raawwataa jiru kana akka bakka maraa balaaleffatu kabajamaa uummata Oromoof dhaamna. Continue reading

Aside

Ajjeechaa ilmaan Oromoo Lixaa irratti raawwateen daataa Oromoo Lixa Oromiyaa Wallaggatti ajjeefamanii Amajji 20 asitti muraasa kan maqaa isaanii arganne.

(SQ- Guraandhala 1/2020)

cropped-qeerroo11.jpgQeerroo Bilisummaa Oromootiin

1. Gabre Aallesenyi, Qellem Wallaggaa ona Anfilloo magaalaa Muggii Amajji 26,2020

2. Bokkobaa Oliiqaa, Qellem Wallaggaa ona Anfilloo magaalaa Muggii Amajji 26,2020

3. Shaanqoo, Qellem Wallaggaa ona Anfilloo magaalaa Muggii Amajji 26,2020

4. Waaggaarii, Qellem Wallaggaa ona Anfilloo magaalaa Muggii Amajji 26,2020

5. Phaawuloos Shifarraa, Qellem Wallaggaa ona Anfilloo magaalaa Muggii Amajji 26,2020

6. Abbutti erga quba shan irraa ciranii booda rasaasaan ajjeesan, Qellem Wallaggaa ona Anfilloo magaalaa Muggii Amajji 26,2020

7. Taakkalee kanneen ajjeefamaniidha. Achi buuteen kan dhabame ammoo Qellem Wallaggaa ona Anfilloo magaalaa Muggii Amajji 26,2020 Continue reading

Aside

Dhiittaan Mirga Dhala Namaa Mootummaa Itoophiyaatiin Gaggeeffamaa Jiru Qorannoo Walaba Sadarkaa Addunyaa (International Investigation) Barbaada
(Ibsa ABO – Gurraandhala 1, 2020)

logDhiha Oromiyaa (Godinoota Wallaggaa) irraa tajaajilli qunnamtii akka bilbilaa fi internet erga Mootummaadhaan kutamee baatii tokko tahee jira. Qunnamtiin cituu irraa kan ka’e waan guyya guyyaatti tahu ragaa guutuu wajjin yeroodhaan argachuun ulfaataa tahus ajjeechaa loltootni fi hidhattootni mootummaa Itoophiyaa lammiilee nagaa (meesh-maleeyyii/Civilians) irratti gaggeessaa jiraniin lubbuun namaa akka baala mukaa haca’aa jiraachuun dhagahamaa jira. Keessattuu Godinoota lama (Lixa Wallaggaa fi Qellem Wallaggaa) keessatti ajjeechaa fi miidhaa loltootni mootummaa Ummata irraan gahaa jiran jechi ittiin ibsan nu dhibee jira. Yakka waraanaa fi dhiittaa mirga dhala namaa jedhanii qofa ibsuun illee itti xiqqaata. Kibba Oromiyaa (Godinoota Gujii)ttis haalli jiru kana irraa hedduu addummaa hin qabu. Roorroo bifa kanaan waggaa tokko caalaaf bulchiinsa waraanaa (Command Post) jalatti Ummata kana irra gahaa jiru yeroo adda addaatti ibsinee furmaatni akka itti barbaadamu gaafachaa kan turre tahus hanga ammaatti rakkoon kunii fi sagaleen Ummata keenyaa dhageeytii isaaf malu argachuu hin dandeenye. Continue reading

Aside

ONN: Gaaddisa Dhugaa-Amajjji 31, 2020.
Bobbaa Jilli HD ABO J. Daawud Ibsaatin hogganamu Awrooppaatti Taasisaa jiru Ilaalchisee Marii Gaafatamtoota Jaarmayaa ABO Biyyoota Awroppaa Waliin taasifame

 

 

Aside

Filannoo ABO ittiin dadhabsiisan lafa kahataa adeemuun rakkoo siyyaasa biyya keenyaa fura utuu hintaane ittuu hammeessa

Qalbeessaa Dhangi’aatiin
Caamsaa 30,2019

Filmaata WayyaaneeBara kana erga dhaabni keenya ABO’n qabsoo isaatiin hogganoota isaa biyyatti galchee as adeemsaa fi tarsiimoo ittiin dhaaba keenya ABO dadhabsiisan, tarsiimoo dhaabicha ittiin caccabsanii ijaaf qaroo sabaa jaamsan irratti qaamotni Mootummaa fi namqeenxee maqaa Actiivistummaan miidiiyaa qabatee wacu sochii bal’aa taasise. Kun rakkoo siyyaasa biyyatti fura jedhanii ajandeeffatanii sochiirra jiru yoo ta’eef hedduu dogoggoran jedheen amana. Qabsoo uummata Oromoo utuu hinsharafin qaama galmaan gahuu barbaadu, qabsichi utuu hinbutamin, utuu hinatamin qaama galiisaa qabsichaa hanga gahutti lubbuu tokkitti qabu mararfannoo tokko malee qabsaa’u ABO rukutuu yaaluun Oromoo rukutuudha. ABO dadhabsiifna akeekni jedhanii itti jiramu akeeka Oromoo irratti akeekame ta’uuttis amanna. Kun ammoo siyyaasa biyyattii hammeessuun ala furmaata waaraa fida ejjennoo jedhu hinqabnu. Continue reading

Aside

“Fuulduratti akkam akka taanu hin beeknu. Mooraatti deebi’uufis abdii hin qabnu. Yuunversiitiin keenya waraqaa geggeessituullee nuuf hin laanne”

Barattoota Yuuniversitii Madda Walabuu.