Filannoo ABO ittiin dadhabsiisan lafa kahataa adeemuun rakkoo siyyaasa biyya keenyaa fura utuu hintaane ittuu hammeessa

Qalbeessaa Dhangi’aatiin
Caamsaa 30,2019

Filmaata WayyaaneeBara kana erga dhaabni keenya ABO’n qabsoo isaatiin hogganoota isaa biyyatti galchee as adeemsaa fi tarsiimoo ittiin dhaaba keenya ABO dadhabsiisan, tarsiimoo dhaabicha ittiin caccabsanii ijaaf qaroo sabaa jaamsan irratti qaamotni Mootummaa fi namqeenxee maqaa Actiivistummaan miidiiyaa qabatee wacu sochii bal’aa taasise. Kun rakkoo siyyaasa biyyatti fura jedhanii ajandeeffatanii sochiirra jiru yoo ta’eef hedduu dogoggoran jedheen amana. Qabsoo uummata Oromoo utuu hinsharafin qaama galmaan gahuu barbaadu, qabsichi utuu hinbutamin, utuu hinatamin qaama galiisaa qabsichaa hanga gahutti lubbuu tokkitti qabu mararfannoo tokko malee qabsaa’u ABO rukutuu yaaluun Oromoo rukutuudha. ABO dadhabsiifna akeekni jedhanii itti jiramu akeeka Oromoo irratti akeekame ta’uuttis amanna. Kun ammoo siyyaasa biyyattii hammeessuun ala furmaata waaraa fida ejjennoo jedhu hinqabnu.

Kana ta’uu utuu beekanii yeroo gara yerootti adeemsa dhaabicha (ABO) ittiin dadhabsiisan, adeemsa ABO ittiin caccabsan irratti qaamotni hojjetan yeroo gara yerootti nu mudataa jiru. keessaayyuu qaama mootummaa kanneen ODP ta’anii dhiyeenya muudaman irraa waan argamu adeemsa ABO caccabsuu irratti project garaagaraa hojjechuu isaaniiti. Qaamota kana gargaaruu keessattis qoodni Actiivistoota Oromoo kanneen ofiin jedhanii fi qoodni hogganoota paartii mormituu Oromoo darbee darbee mul’ata. Inni kun hedduu nu dhukkubse, hedduus nu kulkulse. Dhaaba lafeef dhiiga gootaawwan qaaliin ijaarame diiguuf aggaamuun mataansaa kabaja qabsoo Oromoof dhabuudha jedheen amana akkasidhas. ABO balleessuuf dursanii caccabsuudha akeekni jedhamee siyyaaseeffamu siyyaasa addaggeen ooftu yoo ta’een ala ilmi Oromoo tooftaa ABO caccabsuu irratti nii hojjeta jennee hin amannu. Nuti akka miseensota ABO tti akka itti ABO’n nu guddifateettis dhaabni maqaa Oromootiin dantaa Oromoof dhaabbate kamuu jabaatee haa jiraatu, haa ijaaramuu haa humnoomu jenna malee diigamee haa badu jennee yaadnees akeeknees hinbeeknu.

Kun ta’uun hafee akka miseensotni dhaaba keenya ABO hogganoota isaa irraa amantoo dhabaniif, akka hogganootni waliif amantoo dhabaniif, akka jaarmiyaan ABO jajjabaan dhaabicha irraa caccabuuf qaamotni hojjetan hedduu bal’atanii jiru. Hojiiwwan bara kana keessa qaamoti mootuummaa fi muraasi namtokkee jala yaa’an hojjetaa jiran nu mufachiise, nullee gaddisiisee jira. Akkuma dhaabni keenya galeen Qottoo ABO muru tolfachuu irratti qaamni bobba’e ajandaa garaagaraa uumuudhaan, karaa waraanaa, karaa shiraa, kara hololaa fi karaa siyyaasaa hojii isaaf aanja’e maraan dhaaba keenya ABO irratti fuulleffatanii hojjetan. Kana keessatti qoodni mootummaa olaanaa ta’us maqaaf qaama uummatni nuu qabsaa’u jedhee abdii qal’oo irraa qabullee shira ABO dhabamsiisuu kana irratti bobbaa’an.

Holola
1. Haaluma kanaan hololoota maqaa dhaaba keenyaa balleessuuf “ABO utuu hintaane inni Shaneedha” jechuun maqaa dhaaba keenyaan ala moggaasanii ABO waan jedhamu hinjiru jechuun mogolee uummata keenyaa cabsuu, haamilee Oromoo buusanii uummata filannoo dhowwuudhaan nafxanyaatti galchuu irratti bobbaa bal’aan taasifamaa ture. Qaamoota ABO keessaa qabsicha dadhabanii bahan, kanneen qabsoon ABO itti ulfaatee boqonnaa fudhachuuf qabsoorraa erga bahanii bubbulan “ABO’n isaan kana” jechuun nama qabsoo keessaa boqoonnaa fudhachuuf erga bahee ture “Hayyu Duree ABO” jechuun uummata afaan fajjeessuu irratti qoodni miidiiyaa fi mootuummaan bahatan olaanaa ture. Galati qabsaa’otaaf haa ta’uutii sun hundi haqa bira gahee dadhabamuurraa ABO’n eenyu akka ta’e yerootu hubachiise.

Shira
2. shira ABO irratti hojjetame biraa keessaa ammoo miidiiyaa dhaabni dhimma itti bahu Oromia News Network-ONN biyya isaa keessaa fi alatti miseensota ABO of kennanii yeroo isaanii aarsaa gochuun tola sagalee uummataaf ta’an kanneen miidiyaa sana irraa hojjetan akka waan Maqalee ta’anii dabarsanii fakkeessuun miidiiyaa keenya nyaapha keenya TPLF waliin walitti qabsiisuudhaan shirri guddaan dhaaba keenya irratti hojjetame. Shirri kunis karaa ODP kan bocamee uummata keessa faca’e yoo ta’u; akeekni miidiiyaa kana irratti akeekame uummatni karaa miidiiyaatiin akkaa soba qaamoota Oromoo garboonfachuu fi Oromoo garboonfachiisuuf meeshaa ta’anii hojjetan kanaa akka hindhageenyeef jibbiinsa uummata keessatti uumuuf shira guddaa xaxame ture. Kanaanis uummata keenya Oromoon burjaajjii guddaa keessa seenuutiin gaaga’ama siyyaasaa dhaaba keenya ABO tti fide. Akeekni ABO dhabamsiisuu qabame keessaa maloota tarriifatanii hojiitti bobbaa’an ta’uu isaas nuti qabsaa’otni bilisummaa Oromoo hubatnee suuta uummata keenya hubachiifannee shira karaa kanaan dhufe haqa qabnuun cabsuun dandaa’amee jira.

3. Tooftaa shiraa hogganoota addaan cabsuu
Shira guddaa ABO irratti hojjetame keessaa hogganoota keenya hoggana ABO olaanoo addaan caccabsuu dhaaf isa tokko faarsaa, isa tokko ammoo abaaruu bira darbanii akka waan hogganni ABO caccabeetti holola afarsuutiin gaaga’ama guddaa uumuuf akeekni karaa garboonfataa qabamee hojjetame guddaa bal’oo ture. Kana keessatti jechoota qabsaa’ota keenya qaalii afaan keessa eeguudhaan jechoota xixxiqqoo bal’isuun barreessuu fi ibsa guddaa irratti laachuu bira darbanii dhaabni keenya ABO’n hogganni isaa waan kutaa Oromiyaa tokkittii qofa keessaa filameetti akeekuutiin akka uummatni ABO irraa abdii muratee halagaatti kooluu galuuf waraqaa koolu galtummaa qopheessanii facaasaa turan. Wayiita kun ta’utti namoota baabura qabsichaa irraa arcaa’an kaasuutti baachuutiin daandii hololaaf tolu mijeeffachuuf ABO hedduu fakkeessanii holola facaasuun illee tureera. Kana malees wayiita kanatti paartii nyaapha Oromoo keessa dhiyeenya dhalate ABN waliin gaa’ela siyyaasaa dhoksaa uumuudhaan daangaa irraan lolli bal’aaf roorroon Oromoo irratti adeemaa ture. Dabalataan waan hogganootni ABO akeekaaf sagantaa garaagaraa qaban fakkeessanii hojii guddaan dhaaba keenya ABO dadhabsiisuuf qabamee hojjetamaa ture laayyoo miti. Akeekni kanaas ifa ture, tokkummaa dhaaba keenya ABO cabsuudhaan miseensotaa fi hogganoota facaasanii qofa qofaatti nyaachuuf ilkaan waraabeessa siyyaasaa qaramaa ture ta’uu hubanna. Galatni hogganoota qabsichaaf qabsaa’ota dirree qabsoof dirree siyyaasaaf haa ta’u sunis nii darabame.

4. Jaarmiyaa dhaabni keenya qabu ABO irraa caccabsanii ABO qoochoo malee xaxanii kaa’uu

Shirri ABO dadhabsiisuu inni olaanaan jaarmiyaa dhaabichaa dhaaba keenya ABO irraa cabsuu fi kutuu ture. Shirri kun guddaa kan lafee nu cabseef hedduu kan nu gaddisiise kan ta’eef namoota nuti obboloota qabsoo keenyaati jennee abdannuu fi namoota nuti qaama qabsichaati jennee abdannullee harka keessa galchuutiin shira kana fardeessanii adeemsiisuun hedduu nu gaddisiise. Shira kanaan qaama qabsoo karaa nagaa jaarmiyaa ABO humna dargaggeessaan socho’u Qeerroo ABO irraa kutuun isa jalqabaa turee hojjetame. Kanaanis Qeerroon kan ABO miti jechuudhaan hojii bal’aan hojjetamee rakkoof dhaaba keenya saaxiluuf hojjetame. Jaarmiyaa guddicha Qeerroo ABO irraa cabsuutti aanee WBO ABO irraa cabsuutu qabame. Kunis hedduu irratti hojjetame

Qaama nuti nu cabsuu, nu balleessuu fi nu dhabamsiisuuf hojjeta jennee hinyaadnetu ABO dhabamsiisuuf hojii guddaa hojjete. Qaamni kun gaafa miseensotni keenya mana keessa gubatan callisaa, gaafa deggartoonni keenya deggartoonni ABO misirroowwan wal faana ajjeefaman obbolaan wal faana galaafataman afaan luugamamaa nu diiguuf ammoo utuu inni wacee caraanuu agarre. Kun ammoo abdii nuti qaamota biroo irraa qabnu kute. Addi bilisummaa Oromoo uummata isaa fi deggartoota isaaf miseensota isaan ala fira biraa akka hinqabne nu hubachiisee darbe. Kanas ta’u sana hanga ammaatti shirri jaarmiyaa dhaaba keenya ABO dhaabicharraa cabsuuf hojjetamu dhaabbatee hinjiru. Ta’us kana qabsoon kan irra aannu ta’uun dhaama.

Dhumarratti mootuummaanis ta’ee qaamotni wal gurmeessuudhaan filannoo ABO ittiin dadhabsiisan lafa kahataa adeeman rakkoo siyyaasa biyya keenyaa fura utuu hintaane ittuu hammeessa. Dhaaba keenya ABO dadhabsiisuuf hojjechuutti gaaga’ama guddaaf ofiis uummatas saaxiluun dhumarra kan isaan dhabamsiisu ta’uun dhaamaaf. Qaamni ABO balleessuuf aggaammatee yeroo yeroon sagantaa baafataa tartiiba shiraa taartiibeffatee adeemu qaama rakkoo biyyattii hedduu hammeessuuf hojjetudha. Rakkoon siyyaasa biyyattii gaaffii uummataa deebisuudhaan kan furamu malee shiraan dhaaba uummataa dhabamsiisuuf yaaluun hinfuramu. Kana ta’uu hubachuudhaan of kenniinsaaf garaa qulqulluun karaa nagaa gaaffii uummataa gaaffii Oromoo waggoottan dheeraa deebisuuf hojjechuun furmaata fardii ta’a jedheen amana akkasidha. Qaamoota nam-qeenxee rirma ta’anii ABO nyaachuu barbaadan Oromoon akka ofirraa dinninuu qabu asumaanan dhaama.

Injifannoon uummata Oromoof
Qalbeessaa Dhangi’aatiin
Caamsaa 20,2019

 

Leave a Reply

Fill in your details below or click an icon to log in:

WordPress.com Logo

You are commenting using your WordPress.com account. Log Out /  Change )

Facebook photo

You are commenting using your Facebook account. Log Out /  Change )

Connecting to %s