cropped-qeerroo-edit.jpg

Afaan Qawwee jalatti nagaan hinyaadamu, hinargamus!

Qeerroo Bilisummaa Oromoo
Gurraandhala 1,2020

Uummata deettiin/jumulaan ajjeesuu, hidhuu fi shamaraaf dubartii Oromoo gudeeduu dabalatee yakki sussukanneessaan uummata quunnamtiin hawwaasaa marti irraa cite irratti baatii tokkoo oliif deemaa jira. Bosonni Lixa Oromiyaa guyyaaf halkan walitti gubataa jira. Bineensotni Oromiyaa gadhiisanii godaansaaf saaxilamaa jiru. Akka amantaa Qeerroo Bilisummaa Oromootti gochi akkanaa gocha abbaa irreeti.

Uummata nagaa irratti irree isaa agarsiisuudhaaf biyyoota keessaaf biyya alaa irraa gargaarsa meeshaa waraanaaf loojistikii garaagaraa kadhatee mootummaan Ethiophia (EPRDF) uummata nagaa irratti waraana banee jiru kana akka hatattamaan dhaabu gaafatna. Uummatni keenya Oromoonis gocha hammeenyaa obbolaa isaa irratti, maatii isaa irratti raawwataa jiru kana akka bakka maraa balaaleffatu kabajamaa uummata Oromoof dhaamna.

Yeroon keessa jirru yeroo dhiigni lammiilee keenya Oromoo akka galaanatti lolaa’aa jiru, yeroo maatiin Oromoo ergaan takkaa nama lamaa hanga sadii wal faana awwaalaa jiruuf yeroo bakkoota garaagaraatti ilmaan Oromoo du’anii awwaalcha dhabaa jiran ta’uun ammoo nu Qeerroo Bilisummaa Oromootti gadda guddaa kan nutti dhageessise ta’uu uummata keenyaaf himaa, mootummaan uummatatti waraana banee abjuu qilleensa irraa uummatan mo’a jedhuun sochii jalqabe kanaan akka of balleessaa jiru ta’uus hubachiifna.

Har’a Oromiyaan dirree dhiigaan boorofte taatee kallattii maraan guyya guyyaan du’a ilmaan Oromoo dhagaa’aa jirra. Torban dabarsine keessa Oromiyaa Lixaa bifa addaan du’aaf ajjeechaan irra gahaa kan jiruuf ammallee duuti lammiilee nagaa meesha maleeyyii itti fufee kan jiru quunnamtiin hawwaasaa guutuutti citee, geejibni Konkolaataa illee odeeffannoo baha jedhamuun ugguramee uummatni keenya dukkana keessatti jimlaan ajjeefamaa jira. Haala kanaan egereen biyya keenya Oromiyaa, egereen Oromoo yaaddoo guddaa keessa galee jira.

Waan ta’eef akka Qeerroo Bilisummaatti mootummaaf qaama dhimmi isaa ilaallatuuf qabxiilee kanaa gadii jabeessinee gaafanna!

1. Waraanni mootummaa ajjeechaa fi gubiinsa bosonaatti bobba’ee jiru uummata nagaa keessaa hatattamaan akka kaafamu gaafanna. Kana keessatti dhaabbileen siyyaasaa Oromoo uummata qabsaa’aafii jiran, uummata ijaaramaniif Oromoof birmatnaa taasisuudhaan mootummaa irratti dhiibbaa akka gochuu qaban miira Oromummaan dhaamnaaf! Dabalataan dhaabbileen mirga namoomaa dirqama isaanii olaanaa akka bahatan gaafanna!

2. Uummatni keenya nageenyi isaa mirkanaa’ee lafaaf qabeenya isaa barbadeessuun akka irraa dhaabbatu gaafanna! Kan araddaaf qee’ee lakkise bakkatti akka deebi’u, xiinsammuun saba keenyaa kan miidhame akka suphamu gaafanna.

3. Waraanni mootummaa yakka godaansa bineensa Bosonaa Oromiyaaf saaxilu raawwataa jiran. Daddaffiin gocha fokkataa itti jiran kana irraa akka dhaabbatan gaafanna!

4. Uummatni Oromoo wal tiksuu, wal humneessuu fi nageenya walii isaa mirkaneessuuf ajaja qaama kamiif abdii qaama halagaa irra utuu hingodhatin ofiin wal ta’ee gocha Oromoo irratti raawwataa jiru balaaleffachuu fi daangaa hanga godhatutti qabsoo isaa jabeessuu akka qabu gaafanna!

5. Labsii waraanaa seeraan alaa komaand post’n godinaalee Oromiyaa irratti labsamanii jiran irraa akka ka’an gaafanna. Kana irratti dirqama saa uumatni dhaabbileen siyyaasaa Oromoo gamtaa’inaan akka bahatu gaafataa, uummatnis waan irraa eegamu akka raawwatu gaafanna!

6. Waraanaan gochaa uummata keenya irratti raawwataa jiru akkuma dhaabni keenya ABO’n gaafatetti qorannaan walabaa akka addunyaatti taasifamuu akka qabu dirqama nurraa eegamu nii baana. Qorannaan kunis bifa haqa ta’een akka gaggeeffamuu fi uummata du’aa jiruuf birmatnaan hatattamaa akka taasifamu gaafanna.

7. Barataa Oromoo barnoota irraa ari’an barnoota isaaniitti akka deebisu gaafataa, barataa naannoo Amaaraatti ajjeefame, qaama ajjeese qoratee seeratti akka dhiyeessu hubachiifna. Dhimma kana duuka Oromoon bu’uu akka qabu dhaamna.

Maayii irratti afaan Qawwee jalatti nagaan hinargamu nagaanis hinyaadamu jedhee kan amanu Qeerroon Bilisummaa Oromoo,mootummaa irree isaa abdatee, Meeshaa waraanaa addunyaa irraa argatuun baaragee waraanaan gadi of dhaabuuf tattaaffii gochaa jiru dhaabee karaa nagaaf marii wal amantaa qabuun rakkoo jiru furuuf dirqama irraa eegamu akka bahatu gaafanna. Kun hafee waraanaan uummatan injifadha jedhee adeemsa eegale kanaan xuqatee dargaggeessaaf uummata Oromoo ofitti kakaasaa akka jiru hubachuu qaba. Nagaaf dimokiraasiin akka dhugoomu akkuma gaafataa turre gaafanna!.

Injifannnoon Uummata Oromoof
Qeerroo Bilisummaa Oromoo
Gurraandhala 1,2020

 

Leave a Reply

Fill in your details below or click an icon to log in:

WordPress.com Logo

You are commenting using your WordPress.com account. Log Out /  Change )

Facebook photo

You are commenting using your Facebook account. Log Out /  Change )

Connecting to %s