Amajii 22,2017
Sirna ayyaana cuuphaa hordoftoota amantaa Ortodoksii biratti haala hoo’aa fi adda taheen biyyattii keessatti kabajamu Wayyaneen akkuma isaaf hin hafne tahee yaaddoo guddaan qabamuu fi uummata amantaa kanaaf bahe shororkeessuuf yaales uummanni guddaan Oromiyaa fi magaala Finfinnee keessaa bahe wayyaaneen balaaleffatuun ayyaana isaa cinatti gaaffii abbaa biyyummaa qabatee as bahee jira.
Guyyaa lamaan kanaa asitti waranni mooraadhaa bahe meesha gurguddaadhaan konkolaataa guuttachuun Finfinnee guutuu naanna’anaa bahan jala bultii ayyaanicha irraa kaasee tahuun ni mul’ata. Haala kanaan kaleessaaa fi har’as ganama irraa kaasee Finfinnee keessaa
dhukaasni bakka uummanni Oromoo itti heddummatutti dhaga’amaa jira kana malees magaalota oromiyaa gurguddaa keessatti haala wal dhiphisee kan uummanni dhaadannoo fi sirban qabsoo dhageesisuun ayyanicha kabajaa jiru tahuu isaa caasaan dhaabaa bakka jiruu gabaasa gochaa jira. Continue reading


Yaroon keessa jirru kana sochiin qabsoo bilisummaa Saba Oromoo guddatee sadarkaa ol aanaa gahuu irraa kan ka’e namni Oromoo tahe hunduu karaa tokkoon tahe karaa biraa akka keessaa qooda fudhatu tahee jira. Namoota muraasa dhuunfaa mataa isaanii hordofan irraa kan hafe irraa guddaan Oromoo hiree isaa akka sabaatti ofiin murteefachuu filata. Warri fedhii dhuunfaa isaanii hordofan waan barbaadan haa argatan malee qabsoo bilisummaaf Oromoo yoo gufate dhimmi irraa hin qaban. Dhhigni uummata Oromoo akka lolaa gannaa dhangalaa jirus isaan hin mararuu. Yaroo Wayaaneen obboleessa isaanii ajjeesse darbu isaanii immoo borsaa isaa keessaa waan qabu fudhatanii reefa isaa bineesa dagalaaf dhiisanii deemu.