Adeemsa “Haaromsa” Jechuun Wayyaaneen Gaggeessaa Jiru Uummanni Akkamitti Ilaalaa Jiraa?

Aside

Oduun nuti tibba darbe dhagaa’a turre dhimma haaromsa gadi fagoo kan jedhu waliin wal qabata.Haaromsi afaaniin dhudhuufan kun hacaahumsa isaanitti fiduuf waan shakkisiisu hin qabu.Haaromsa maqaa jedhuun godinota maraaf Namoota aangoo gurguddaa qaban fedaraalarraa bakka bu’anii ergamuusaanii quba qabdu jedheen abdadha.Akka dubbii jarattiitti fi maqaa jechicha sanaatti qaamota isaanii waliin hojjetan
namoota dhuunfaa hojii uummataaf dhiisanii dhimma dantaa dhuunfaa dalaganidha.Garuu uummata gowwaa se’anii kan itti afaan fajjiif deeman
ta’u bakkeewwaan hedduutti uummanni mirkaneeffate. Continue reading

SBO: Amajjii 29 bara 2017. Oduu, Gabaasa Sirna kabajaa Guyyaa WBO Somaalilaandi fi Puuntilaand, Akkasumas Haasawa Ka’imman Oromoo: Ameerikaa -Menesootaarraa Guyyaa WBO ka 2017 Kabajuuf Jiddugala Mooraa Leenjii ABOtti Argaman Taasisan.

Aside

SBO: Amajjii 27 bara 2017. Oduu, Yaada Hirmaattota Sirna Kabajaa Guyyaa WBO biyya Afrikaa-Kibbaatti gaggeeffamee fi Gaaffii fi deebii Miseensa KHR-ABO Jaal Araarsoo Biqilaa waliin taasifame -Kutaa xumuraa Akkasumas SBO Sagantaa Afaan Amaaraa.

Aside

Sagalee Qeerroo Bilisummaa Oromoo (SQ) Amajjii 26, 2017

Aside

Seenaa Gabaabaa Ummata Oromoo

Aside

Gabaasa Qeerroo

Aside

Amajjii 25,2017

Jimmaa:-  Galgala Kana Mooraa Guddaa Jimma Yuunibarsiitii Keessa Humni Waraanaa Akka Waan Lubbuun Isa Bahuuf Jettutti Garmaamaa Jirti.
Waamicha Qeerroo Bilisummaa Oromoo biyya keessaa bakkeewwan garaagaraatii taasisaa jiru sodaachuun doorsisi wayyaanee dorsisi humna hin qabne daran bakkeewwan hedduutti dabalee mul’ataa jira.Haala sochii bakkeewwan garaagaraatti taasifamaa jiruu sodaachuutin adeemsa
qabsoo Oromoo ABOn durfamu dadhabsiisuuf tooftaalee hedduu fayyadamaa turtullee,waan qabbanaa’e hin jirre ta’uu hubachuurraan;Akkasuma waraqaa waamichaa Qeerroon waliin gahaa jiru sodaachuun mooraalee Yuunibarsiitii garaagaraa keessatti sochii dhaamsuuf ifaajii taasiftu itti fuftee jirti.
Addatti wanti har’a moraa guddaa Jimma Yuunibarsiitii keessatti argamaa jiru,sodaaf bir’annaa hamaa keessa galuu ishee haala deemsa diinotaa kaarra hubachuun dandaa’amullee Qeerroo Bilisummaa Oromoo falmasaa galiin gahuuf ammallee duubatti kan hin jenne ta’uu
hubachiise

Dambi Doolloo:- Lixa Oromiyaa Dambi Doollo Ona Gordommee Keessatti OPDOn Walitti Bu’insa Hamaa Keessa Seenanii Jiran. Erga kaabineen OPDO ona Gordommee  keessatti ummata gidirsaa ture du’ee asitti hojettoonni OPDO guddaa hanga xiqqaatti walshakkii hamaa keessa seenuun walii isaanii lolaa jiraachuun dubbatame.Haalli Kaabinoonni keessa jiran,daran kan isaaniin abdi kute yoo ta’u jireenyaaf abdii kutachuurra darbanii caasaleen isaanii wal diigaa jiraachuullee dubbatu.Ona kana keesaatti gama biraan gartuun tarkaanfii fudhachaa jiru ammallee tarkaanfii isaa gadi jabeessee anjessuun diina Oromoo ajjeesee konkolaachisuuf kan duubatti hin jenne ta’uu dubbatu. Continue reading

Diinota Qabsoo Keenyaa Addaan Baafnee Beekuun Murteessaadha

Aside

Qabsoo Qarayyoo Ilmaan Sabaatiin Jalqabamte Galiin Gahuuf Cufti Ilmaan Oromoo Bakkayyuu Kaanee Dirqama Oromummaa Keenya Bahachuun QBO Itichuuf, Diinota Qabsoo Keenyaa Addaan Baafnee Beekuun Murteessaadha.

Ibsaa Gaaddisaa irraa

Qabsoo Qeerroo

Yeroo ammaa Sochiin Qabsoo Bilisummaa Oromoo guddatee sadarkaa Ol aanaa irra gahee jira. Ilmaan Oromoo addaatti ammoo Sabboontotni sabaa sadarkaa garaagaraa keessatti haala adda addaan qooda irraa fudhataas turan;fudhataas jiru.Waan ta’eefis Kanaan booda qabsoo kana wanni of booda deebisu tookkollee hin jiru.

Lukkeelee diinaa garaaf jiraatan ykn gantoota dantaa isaaniitiif jecha diina jala fiiganiin ala, yeroo ammaa irra guddeessi ummata Oromoo hiree isaa akka sabaatti ofii murteeffachuu kan hin feene hin jiru.

Jarreen garaaf bulan kunneen QBOn yoo gufate dantaa isaanii miti.

Har’a nyaatanii buluu fedhu waan taheef. Dhiigni ilamaan Oromoo Qabsoo bilisummaa Saba isaaniif jecha akka Lolaa gannatti dhangala’ee isaan hin gubu. Lubbuun sabboontota qaqqaalii qabsoo kana irratti wareegamee fi lafeen ilmaan Oromoo baddaaf gammoooojjii keessatti dantaa saba isaaniif jecha harca’ee awwaalcha dhabee isaaniif homaa miti. Yeroo diinni qacalee ilmaan Oromoo fuuldura isaaniitti dhiiga lolaasu akka waan hin argineetti callisanii bira darbuun reeffa saba isaaniirra tarkaanfatanii lammii isaanii dabarsanii bineensaaf laatu. Oromoon akka sabaatti ilmaan Yartuu akkasii qabaa? Jennee wal hin gaafannu. Continue reading

Sagalee Qeerroo Bilisummaa Oromoo (SQ) Amajii 24, 2017

Aside

SBO: Amajjii 25 bara 2017. Oduu, Sirna Kabajaa Guyyaa WBO biyya Afrikaa-Kibbaa magaalaa Johaanisbargi fi Gaaffii fi deebii Miseensa KHR-ABO Jaal Araarsoo Biqilaa waliin taasifame -Kutaa 2ffaa Akkasumas SBO Sagantaa Afaan Amaaraa.

Aside

Qophii Qanqee show Amajii 22, 2017 Gaafi fi deebi Artist Elemo Ali waliin

Aside