
Keessumaa yeroo ammaa goleewwan oromiyaa keessaa mootummaan Wayyaanee Zayita nyaataa cirumaan dhiyeessuu waan dideef uummanni akka malee rakkachaa jiraachuun gabaafame.
Rakkoon kun guutummaa Oromiyaa keessatti bakka wal fakkaataatti raawwatamaa jiraachuun himame. Hanga ammaattis zayita nyaataa tuubboo abbaa 3 tokko hanga qarshii 160 bitnee fayyadamaa jirra jechuun uummanni golee Oromiyaa keessaa iyyataa jiran.
Isumaayyuu godinaalee oromiyaa keessaa bakka muraasa keessatti akka argamu zayitni nyaataa kun bakka heedduuti cirumaan dhabamuus jiraattonni komachaa jiraachuu qeerroon godinaalee oromiyaarraa gabaase. Sirni shiftummaa fi saamichaan duroome Wayyaaneen yeroo ammaa maqaa haadomsaan rakkoo uummataa furra jechuun hololaa fi sobaan uummata kijibaa yeroo jirutti uummanni garuu waan nyaatee buluyyuu dhabee rakkoo dhukkubaaf gidiraa jabaa keessa seenaa jiraachuunis addeeffame.