Qophiin ‘DIINQA OROMOO’’ Hayyuu Oromoofi Qorataa Siyaasaa Dargaggoo Moonenus Hundarraa Galataa wajjin turtii goone kutaa 1ffaa kana nufaana tura!!

Aside

Aside

Oromia news network

http://www.onn.host

DIINQA OROMOO KUTAA 10FFAA- Beekan Gulummaa Irranaafi Dr. Gizaachoo Teessoo.

Aside

Hawwisoon Qeerramsoo Dirree Maal Jedhanii Turanii??

Oduu adda addaa Bitootessa 11, 2017

Aside

Bitootessa 11/2017 Guyyaa Har’aa Mahaalaa Ambootti Uummatni Oromoo Magaalaa Amboo fi Naannoo Isheetiin Sirni Simannaa reeffa Sabboonaa Oromoo Abbaa Seeraa #Hayiluu_Kiflee_Leellisaa gadda guddaa onnee nama tuquun uummatni Oromoo bahee Simate. Sirna awwaalchaa isaa irratti Argamuuf Dargaggootni Oromoo Godina Lixa Shaggar addatti Aanotaa Naannoo Amboo fageenyaa fi dhiyeenyaa irraa irratti argamuuf hedduminaan dirmachuuf socho’aa jiraachuun gabaafame. Magaalaan Amboos kan duriin olitti Waraanaa Wayyaanee Komaandii Poostii humnaa oliin eegamaa fi raafama guddaatu jira. Guutummaa Sirna Gaggeessaa sabboonaa Oromoo Abbaa Seeraa Hayiluu Kifilee guyyaa boruu gaggeeffamuuf jiruu isiniif dhiyeessina.


Continue reading

Dargaggoo Oromoo Abbaa Seeraa Hayiluu Kifilee Waraanaa Koomandii Poostii Wayyaaneen Ajjeefame

Aside

Image may contain: 1 person, closeupBitootessaa 10/2017 Dargaggoo Oromoo Abbaa Seeraa  Hayiluu Kifilee Waraanaa Koomandii Poostii Wayyaaneen Ajjeefamee Bosona Iluu Abbaa Booraa naannoo Mattuutti gatamee Bitootessa 9/2017  kan argamee yoo ta’uu, Baatii lama fuuldura Ukkaanfamee eessa buuteen isaa kan dhabamee ture ta’uu maddeen Qeerroo Bilisummaa Oromoo Magaalaa Amboo gabaasan.

Continue reading

SBO Bitootessa 12,2017. Oduu, Ibsa Koree Hoji-Raawwachiistuu Tumsa Ummatootaa Bilisummaa fi Dimokraasii akkasumas Gabaasa walgahii ABO Torontoo

Aside

SBO Bitootessa 03,2017. Oduu, Ibsa Koree Hoji-Raawwachiistuu Tumsa Ummatootaa Bilisummaa fi Dimokraasii akkasumas Gabaasa walgahii ABO Torontoo

Aside

Ummata Gabrummaa Jala Jiruuf Furmaanni Qabsoo Qofaa dha!

Aside

Baarentuu Gadaa Irraa

Gabrummaa jala jiraachuun du’aan gararraa, jiraan garjallaa akkuma jedhamu san akkaan hammaataa dha. Namni gabrummaa jala jiru; jiruun isaa jiruu jireenyaan gadiiti. Kan kiyya jedhu hin qabaatu, dubbatu kan jalaa dhagahu hin jiru, iyyatu kan mirmatuufis hin jiru. Nama ta’ee osoo jiruu gabroonfattootaan gadootti ilaalama. Abbaa biyyaa ta’ee osoo jiruu akka lammii lammaffaatti itti rorrifama. Qabeenya isaatti halagagaadha. Biyya isaatti Orma. Walumaa galatti nagahaan bahee galuu hin danda’u. Kan ummanni Oromoo barootaaf keessumaa bara bittaa wayyaanee keessa jirus dhugaadhuma akkasiiti. Continue reading

ONN: Nation Building, Recognizing and acknowledging Achievements -by OPG

Aside