(Ijoo Dubbii ABO)
Bitootessa 12,2017 bulchiinsa magaalaa Finfinnee naannoo Laaftoo iddoo kosii/balfi itti gatamu bakka Qoshee jedhamee yaamamutti jigiinsa tuullaa kosii irraa lammiileen hiyyeeyyii dhibbaa ol tahan iddoo kana bakka jireenyaa godhatan haala gaddisiisaa fi suukanneessaan lubbuu dhabaniiru. Akkanumattis dhibbatti kan lakka’aman balaa kanaan qaamaan gaaga’amaniiru. Kosii kana jalatti awwaalamanii jiraa fi du’aan isaanii kan adda hin ba’inis hedduu dha.
Lammiilee balaa kanaan miidhaman keessaa irra jireessi lammiilee ummatoota cunqurfamoo ta’uun hin falamsiisu. Kanneen dhumiinsi gaddisiisaa irra gahe, kanneen lafa isaanii irraa mootummaa TPLFn buqqaafaman, biyya abbaa isaanii keessatti alagoomfamuu irraa akka kosiitti ilaalamanii kosii waliin jiraachuuf dirqaman, warreen cunqursaa fi saaminsi mootummaa abbaa irree itti jabaatuu irraa jiruu fi jireenyi harkatti babbadee dha. Continue reading →