Godina Arsii Aanaa Loodee Heexosaa Magaalaa Abaadir Keessaa Barsiisotii fi Barattooti Hedduu Hidhamaa Jiru.

Bitootessa 15,2017/Godina Arsii Aanaa Loodee Heexosaa Magaalaa Abaadir Keessaa Oromoonni Hedduu Hidhamaa Jiru.
barattoota fi barsiiftonni hedduun Kumaandi poostidhaan mana hidhaatitti guuramaa jiru, Bitootessa 13/2017 Manneen barumsaa keessaa barattoonni fi barsiiftonni hedduun kan hidhaman yoo ta’uu kanneen hidhaman keessaa

  1. Barsiisaa Yuusuf Amiin,
  2. Barsiisaa Tarreessaa Abdataa,
  3. Barataa Muhiddiin Kadiir
  4. Barataa Ismaa’il Qaasim
  5. Barsiisaa Abdii Qaasim keessatti kan argaman yoo ta’uu yeroo ammaa waajjira Poolisii magaalaa Itayyaa keessatti hidhaarra jiru, Sababiin namoonni kunniin ittiin hidhamaniifis maqaa barattoota Fincilaaf kakaasaa jirtan jedhuun ta’uunis dhagayamee jira.

Gama biraa Godinuma Arsii Aanaa Gadab Asaasaa Magaalaa Asaasaa  Keessatti Namoota manneen dhuunfaa kireessanii ittiin jiraataniin Namoota mana Kireessitaniif Waraqaa eenyummaa Fi Suuraa kireeffattootaa fidaa jechuudhaan waajjira poolisii magaalaa Asaasaa keessatti bitootessa 14/2017 Humni kumaandi poostii poolisoota feederaalaa wajjiin ta’uun manneen dhuunfaarra deemee namoota mana kiraa qaban galmeessaa jira,yeroo ammaa magaalattii keessatti namoonni karaa deeman Kumaandi poostiin Hoteelota siree kireeffatanii keessa bulanis Halkan saa’aa 6:00n booda seenee sakatta’aa jira,magaalattii keessa bukuun sodaachisaa ta’ee jira.

Leave a Reply

Fill in your details below or click an icon to log in:

WordPress.com Logo

You are commenting using your WordPress.com account. Log Out / Change )

Twitter picture

You are commenting using your Twitter account. Log Out / Change )

Facebook photo

You are commenting using your Facebook account. Log Out / Change )

Google+ photo

You are commenting using your Google+ account. Log Out / Change )

Connecting to %s

%d bloggers like this: