Biyya Oromoo Keessatti Biyya Biraa Ijaarun Itti Fufe!

Baarentuu Gadaa Irraa

Biyya OromooUmmanni Oromoo saba guddaa, saba aadaa, seenaa fi duudhaa  guddaa qabuudha.  Ummanni kun biyya mataa isaa, biyya barootaaf irra jiraachaa ture ummata qabuudhasi.  Biyya isaa keessaattis akkuma seenaan ragaa bahutti ummata  sirna bulchiinsaa mataa isaa diriirsee ykn ijaarratee seeraa fi sirnaan, nagahaan wal bulchaa tureedha.Ummanni Oromoo dachee badhaatuu lafa facaasanii  irraa hammaarratan, horanii irra yaasan qabu ta’unis  dhugaa iafa jiruudha.  Walumaa galatti ummanni Oromoo ummata aadaa, seenaa fi dhuudhaa akkasumas qabeenya ummamaa hammaramee hin dhumne qabudha jechuutu danda’ama.

Ummanni waan hundaan badhaadha jennu kun, ummanni Oromoo odoo wanneen tarraa’an kana mara qabuu ta’e jedhamee weerartootaan beeleffameera, akka daaru ta’eera. Biyya abbaa isaarraa godaansifameera.  Osoo biyya qabu biyya isaa diinan saamamee biyya dhablee ta’eera.

Hidhameeras, dararameeras ajjeeffameeras.

Ummanni  Oromoo  maalif akka rakkoo kana maraaf saaxilame eenyu jalaayyuu dhokotaa  miti.  Haata’uutii  tarii waan Oromoon irra jiru kan hin hubatani yoo jiraateef amma Oromoon harka gabroonfataatii bahutti dhugaa impaayera itiyoophiyaa keessa jiruu fi Oromoon irra jiru  irra deddeebi’anii wal hubachiisuun  akkaan barbaachisaadha.

Kaleessa weerartoonni Habshaa kaabarraa Oromootti Duulanii maal akka Oromoorratti dalagaa turan seenaan  katabee lafa kaa’ee darbeera.

Qayee fi qabeenyarraa buqqisanii  Saamaniiru, hidhaniiru, ajjeesaniiru, biyya isaa kan ofii godhatanii irra garmaamaniiru. Irra garmaamas jiru.Yoo isaan qabeenya isaan biyya isaa keessatti fandalalan Oromoon hiyyummaa daangaa hinqabne jalatti kufee mankaraaraa jira.

Wayyaaneen miila weertoota Habashoota kana dhahattee  ykn hordoftee haaluma walfakkaatuun qawwee qabattee Oromootti waggaa 25n dura maqaa bilisa baasaatiin weerara gaggeessite  akkuma hunduu quba qabutti waggoota 25n darbaniif ummata Oromoo hiraarsaa  jirti.  Har’a  Oromoon  biyya abbaa isaarrati mirga takkaawuu hin qabu. Odoo qabuu dhabeera, beela’eera, beela’aas jira. qabeenyumaa fi biyya abbaa isaarratti hidhaa fi ajjeechaan guyyuu waraana sirncihaatiin irratti raawwataa jira. Wayyaaneen  Laga danuu ceetee Oromootti duulte abbaa qayee fi qabeenya Oromoo taatee ykn humnaan dhaaltee  abbaan biyyaa  Oromoon ammoo halagaa ta’ee qayee fi qabeenya isaarratti  ajjeefamaa jira.

Mana hidhaatti guramaa jira, Kan hafe ammoo biyarraa godaansifamaa jira.

Oromoon  daangaa malee hidhamaa jira, ajjeefamaa jira,  biyyaa godaansifamaas jira, darbees  Qeeyee fi qabeenya isaarraa humnaan buqqifamee  qabeenyi isaa  kan Wayyaanootaa fi waayiloota isaanii ta’eera. Qabeenyi Oromoo kan wayyaanee ta’eera yoo jedhamu ragaa malee miti, ykn maqa baleessiif waan  jadhamaa jirus miti. Ajjeechaanis ta’ee hidhaan darbees saamichi daangaa darbe  kun dhugaa addabaabaayitti  muldhachaa jiruudha. Ifatti ta’aa jira waan ta’eef kan wal nama mormisiisuus miti.

Saamichaa fi ajjeechaa  guutuu Oromiyaa keessatti waggoota 25n darban bara bittaa wayyaanee ummata Oromoorratti raawwataa turee fi jiru dhiifne mee asuma dhiphifnee  yakka  Giddu galeessa Oromiyaa Finfinnee fi naannwa Finfinneetti  waggoota 25n darbaniif keessumaa baroota dhihoo as raawwatan kaafnee yaa ilaallu.  Waan wayyaaneen naanoo kanatti qofa dalagde yoo  kaafnee ilaalle dhiibbaan siyaasaa fi diinagdee ammamii akka Oromoorratti raawwachaa  turee fi jiru argisiiftuudha,  Ykn dhugaan naannoo kana jiru  waan gutuu Oromiyaa keessatti dalagamaa turee fi jiruuf ragaa  guddaadha.

waggoota 25n darbaniif  keessumaa baroota dhihoo as  Finfinneen akka malee  bitaa fi mirgatti, kaabaa fi kibbatti balattee  Oromoon naannoo kana jiruu fi  innumti rakkoo hedduun xaxamee finfinnee keessa jiraataa ture qayee isaa durii hin jiru.Ta’e jedhamee Wayyaanootaan buqqifamee qayeen isaa dhabeera. Humnaan dhaalameera. Abbootiin haangoo Wayyaanee fi waayiloonni isaanii lafa qonnaan bulaa naannawa Finfinnees ta’ee kan Oromoota Finfinnee keessa jiranii saamuun qircataniiru.  Oromoon qayee fi qabeenyarraa buqqaye kun kuun biyyaa baqateera, kuun waardiyyaa fi hojjettuu mana namaa ta’ee biyya abbaa isaa irratti gabrummaaf saaxilameera.

Maastar pilaaniin  finfinnee fi naannoo ishii walitti dabalu dhiiga ilmaan Oromootin haa dhaabbatu malee  ammalleen Finfinneen kaabaa kibbaan bahaa, lixaan finfinneen babbalachaa manneen har’aan kuma dhibbootaan lakkaawwaman dureeyyoota Tigraayii fi waayiloota isaaniitiin ijaaramaa jiru. Kaampaanoonni Wayyaanee baldhinaan lafa Oromoo  fudhatanii  Oromoo qayee fi qabeenyarraa buqqisaa jiran hedduu ta’anis  adda durummaan garuu dhaabbanni ykn kaampaaniin  Ayaat jedhamu  akkaan beekamaa fi erga dhaabbateeyis waggaa 20 gaheera.

Dhaabbanni wayyaanootaa kun  waggoota 15 oliif finfinnee gama kaaba bahaatin ykn kutaa magaalaa Eekkaa fi Boleetti, lafa qonnaan bultoota Oromoo hiktaara kuma hedduun lakkaawwamu gatii hektaara tokkoof  birri tokko hin caalleen saamee  tigrootaa fi Habshoota isaan dura finfinee keessa turan waayiloota wayyaanee duroomseera. Hara’a mana tokko Aayaat amma miliyoona 10tti gurgurataa jira.

Akkuma yaadatamu gaafa lafti kun humnaan irraa fudhatamu waggaa 15n dura jechuudha; qonnaan bultoonni Marii Loqee, naannoo Eekkaa fi Boolee Bashaalee “መገናኛ፣ሲ ኤም ሲ CMC, ሃያት መንደር” Lola lafa keenya hin kenniinu jedhu kaasanii baayyeen isaanii ajjeefamanii, hidhamanii, bakka buteen isaanii dhabameera.  Kuun biyyaa baqataniiru, kan hafan ammoo kadhattuu, hojjettuu mana namaa fi waardiyyaa ta’anii hiyyummaa bara baraa jalatti kufanii hafaniiru. Kan dhuunfaan lafti qonnaan bulaa Oromoorraa saamame kennameefii ijaarratanis lakkoofsa akka hin qabne namni Finfinnee kallattii afaraniinuu arge ni beeka. Hara’a saamichi kun Sandaafa, Laga-xaafoo, sabbataa, buraayyuu, Duukam,Sulultaa fi Alam ganaa, gaheera.

Mee saamicha karaa kaampaanoota wayyaanee maqaa nama dhuunfaataniin dhaabbatanii Oromoo qayee fi qabeenyarraa buqqisaa fi saamaa jiran dhiifnee kan karaa wayyaanee maqaa mootummaatiin raawwatu ammoo haa ilaallu.

Wayyaaneen  manneen kondominiyeemii  kuma dhibbootaan birri biloyoonnii hedduun itti  dhanagalahe ijaaraa akka turtee fi jirtu himachaa turte, himachaas jirti gaafiin asirratti ka’uu qabu eenyutu manneen kanatti gala jira? Qabeenya eenyutiin ijaarame kan jedhuudha?

Manneen kondoominiyeemii jedhaman kunneen  kan ijaaraman shakkii fi mormii tokko malee bunni,  beelanni, warqiin fi albuudoonni  naannoo Oromiyaatii daangaa malee saamaman gurguramaniiti. Galii achirraa argamaniini. Sibilli bitamu, kaffalatiin Ogeessaa, Simintoon, cirrachi, dhakaanilleen osoo hin  hafin kan guuramee ittiin ijaaramaa jiru Oromiyaa keessayi. Kan manneen kanatti galaa jiru hoo eeynu. ?

Oromoon maala manneen  qabeenyi isaa itti dhanagalahee ijaaraman kanarraa argataa jira?  Deebiin homaa kan jedhuudha.

Manneen kana argachuuf jiraataa magalaa Finfinnee ta’anii waraqaa eenyummaa magalaa qabaachuun dirqama.  Gaafiin asirratti ka’u Oromoon magaalaa finfinnee keessatti hojii humnaas haata’u kan ogummaa hojjetu waraqaa eenyummaa hin qabu. Argachuus hin danda’u. Maaliif jennaan kan waraqaa eenyummaa jiraataa Finfinnee  wabii ta’ee namaa baasuu danda’u nama duraan dursee magaalattii keessa jiraacha turee fi mana jireenyaa qabuu dha. kan gaafa Oromoon weerarmeerraa kaasee Finfinnee keessa jiran  ammoo  irra guddaan isaanii Amaaraa fi Tigroota har’aati. Isaan ammoo lammii isaanii  baadiyyaadhaallee osoo hin hafin  waamanii waraqaa eenyummaa  jiraataa Finfinnee wabii ta’anii  gandarraa baasuun wal fayyadaa jiran malee odoo du’aniiwuu Oromoof hin baasan.  Oromoon isaan biratti “Shororkeessadha” waan jedhamuuf eenyuyyuu Oromoof wabii ta’ee warqaa jiraataa magaalaa Finfinnee hin baasuuf.   Hara’a Amaaraa fi Tigrootaatu  wabii walii ta’ee kondominiyemif galamaawa.

Isaantu carraa mana jireenyaa qabeenya Oromootin ijaaramee argachaa jira. Oromoon ammoo mana isaanii irraa kireeffatee jiraata. kanarraa ka’uun  manneen kaampaanii dhunfaatiin ijaaraman  lafa Oromoorratti Oromoo buqqisuun ijaaramanis haa ta’u kan maqaa motummaa wayyaaneetiin ijaarman kana keessaa Oromoon qooda hin qabu. Bu’aan Oromoo lafa isaa saamamuu, qabeenya isaa itti dhabuu fi xurii manneen kana keessaa itti dhangalaafamuun  sa’aa nama isaa dhabuu dha.

Kun yakka sanyii balleessuu isa olaanadha Genocide. Gocha calliufamee ilaalamuu qabus miti. Babalanni maqaa maastar pilaanitiin  taasifamuuf ture Oromoon dhiiga isaatiin ofirraa ittiseera.  Haata’uutii yakki Oromoo qayee fi qabeenyarraa buqqisuu  karaa adda  addaatiin akkuma itti fufeetti jira. Biyya Oromoo Finfinnee keessatti biyyi biraa ijaaramaa jira. Kana hubachuu fi itti dammaquun  falmii eegalame jabeessanii itti fufuun ammoo  dubbii fardii fi  murteessadha!

 

Leave a Reply

Fill in your details below or click an icon to log in:

WordPress.com Logo

You are commenting using your WordPress.com account. Log Out / Change )

Twitter picture

You are commenting using your Twitter account. Log Out / Change )

Facebook photo

You are commenting using your Facebook account. Log Out / Change )

Google+ photo

You are commenting using your Google+ account. Log Out / Change )

Connecting to %s

%d bloggers like this: