Aside

DHAGAA ITTIIN NU CACCABSUUF NUTTI AKEEKAME HUNDA OF IRRAA QOLANNEE KAAYYOO QABSAA’OTA KENYA KUFANII DHAABA KEENYA ABO JALATTI TALIIGAMNEE GALMA GEENYA.

IBSA QEERROO BILISUMMAA OROMOO
ADOOLESSA 25/2020 FINFINNEE,OROMIYAA

[SQ-Adoolessa 26/2020]

Qeerroon Bilisummaa Oromoo marii kallattii har’a gaggeefateen ibsa armaan gadii baafateera.
Qeerroon Bilisummaa Oromoo erga hundeeffamee as bu’aa bahii hedduu fi wareegama qaalii kaffalaa akeekaa fi kaayyoo qabsaa’otni keenya addatti ABOn durfamu jalatti taliigamuun qabsoo hadhooftuu wareegama kamuu gaafattu kaffallee itti fufsiisuuf yeroo hamtuu fi roorroo ulfaattuu keessatti Qeerroon Bilisummaa Oromoo gabrummaa hamaa ummatni Oromoo fi dacheen Oromiyaa baattee jirtu Adda Bilisummaa Oromoo jalatti hundaayuun Oromoo fi Oromiyaa irraa qolachuuf hundeeffame yoomillee hanga kaayyoon jaallanii bakka geessu daandii kaleerraa akka maquun dandeenye isin beeksifna.

Qeerroon Bilisummaa Oromoo dabaa fi shira qaama mootummaanis tahe qaamota finxaaleyyii sirna nafxanyaa leellisaniin dhaaba keenya ABO irratti gaggeeffamu kan yeroo kamii caalaa qaruuxummaan jala bu’ee hordofaas ture ammas itti jira.
Qeerroon Bilisummaa Oromoo dhagaa ittiin dhaaba keenya ABOtti darbatan hunda dandayee kan caccabe caccabee dhagaa dhaaba keenyatti darbatamu kamuu baatee kan isaan dhagaan nu caccabsuuf yaalan itti garagalee akka isaan caccabsaa turee fi jiru ija taajjabbiin ilaalaa irbuu ganama seennee osoo irraa hin maqne dhaaba keenya ABO fi Hoggansa dhaabichaa tiksuuf kan yeroo kamii caalaa yeroon kun fardii tahuu hubanneerra. wareegama lubbuu barbaachisu kaffallee dhagaa nutti darbatame sana of irraa qolannee akka dhaaba keenya ABO utubuu fi tiksuu dandeenyu daandiin kaleessa hogganni keenya ABOn keessa darbee as gahe keessattuu erga bara 2000 as shiraa fi daba dhaabicha keessatti qindaayu hogganni keenya dandamatee nuyi Qeerroo Bilisummaa Oromoo itti guddisee imaanaa hin nyaatamnee fi Irbuu lafee fi dhiiga goototaan qabannee seenne har’as xurree sana irraa osoo hin maqne itti jirra.

Nuyi Qeerroon Bilisummaa Oromoo yeroo kamuu dhaaba keenya ABO keessatti shira qaama mootummaan xaxamuu fi namoota dhaaba keenya ABO keessa taa’anii mootummaa waliin hojjetan ija taajjabbiin ilaalaa osoo beeknuu akka hin beeknetti Tokkummaa qabsaa’otaa tiksuu fi hojii itti jiran irraa ni deebi’u laata jennee bifa qaruuxummaan guutameen hunda jala buunee hordofaa turre ittis jirra.
Qeerroon Bilisummaa Oromoo nammoota guyyaa waajjira ABO oolanii galgala qaama mootummaa waliin mariyatan hunda hordofee akeekee ni beeka. Tibbana ajjeefamuu Artist Hacaaluu Hundeessaa booda mootummaan hoggantoota dhaabaa Olaanoo fi qondaaltota dhaabichaa ummata biratti jaallatamanii fi kabaja qaban sababaa tokko malee hidhee hanga ammaa mana murtiitti osoo hin dhiyyeessiin jira. Hoggantootni fi qondaaltotni olaanoo ABO erga qabamanii booda mootummaan bakka itti hidhe maatii fi hoggansa dhaabichaa dabalatee abukaatotni isaaniin akka wal hin quunnamne gochaa jiru.

Mootummaan erga Hoggantoota Olaanaa ABO fi qondaaltota dhaabichaa miseensota dabalatee namoota godinaa hanga gandaatti jiran hidhee booda shira qindaayaa kan dhaabicha diigu dalaguutti jira. Qeerroon Bilisummaa Oromoo shira dhaaba keenya ABO irratti xaxamaa turee fi jiru hunda tokko lamaan hordofaa ture ittis jira. Tibbana mootummaan HD ABO jaal Daawud Ibsaa Adoolessa 11/2020 booda akka mana jireenyaa isaaniitii hin baane eegumsa dabalataa naannoo mana jireenyaa isaaniitti ramaduun akka waan nageenya isaaniif yaadaniitti bifa hin beekamneen mootummaa isaaniif yaade fakkaatanii uggura jala akka galchanii jirantu hanga guyyaa har’aa jechuun Adoolessa 25/2020 mana jireenyaa isaanii keessatti humni waraanaa akka bahee namoota hin quunnamne gochuu fi namoota mana isaa deeman qabee hidhaa jiraachuu jala buunee hordafaa jirra. Kuni Kanaan osoo jiruu Adoolessa 22/2020 irraa eegalee bilbilli harkaa HD ABO jaal Daawud Ethio telecom sababa hin beekamneen jalaa cufamauun akka nama kamuu quunnamuu hin dandeenye godhamaa turuu Qeerroon Bilisummaa Oromoo qorannoo gaggeesseen mirkaneeffateera.
Bilbilli harkaa jaal Daawud kan cufame calqaba lakkoofsa bilbilaa isaan fayyadaman waan humni tikaa argateef calqaba simcard isaanii jalaa cufsiisanii akka isaan nama kamiyyuun quunnamne godhan boodarra jaal Daawud simcard kamiyyuu bitatanii yoo bilbila ykn qafoo isaanii keessa galchan technology ammayyaatti fayyadamuun qafoo bilbila jaal Daawud #Seria number isaa fi IP address isaa waan argataniif sim card kamuu keessa gale akka dalaguu hin dandeenye godhamuun guyyoota sadan dabarsine kana HD ABO jaal Daawud bilbila malee jiraachuu isaanii qaruuxeen Qeerroo Bilisummaa Oromoo mirkaneeffachuu dandaheera.

Kuni Kanaan osoo jiruu mootummaan karaa namoota tokko tokkoo dhaaba ABO irratti shira xaxaa jiraachuu Qeerroon BIlisummaa Oromoo bira gaheera. Akka gabaasni Qeerroo Bilisummaa Oromoo qaqqabe ifa godhutti HDn ABO mana akka hin baane waan tahanii jiraniif murni tahe dhaaba ABO irraa akka fottoqee hogganaan nuyi jedhee labsatuuf qaamni mootummaa halkanii fi guyyaa hojjetaa jiraachuu bira geenyeerra. Murna kanaafis mootummaan eegumsa isiniif godha jedhee waadaa galee akka jiru odeessi belbeltuun Sagalee Qeerroo qaqqabe ifa godha.

Dhimmi kana irratti namoota waamichi godhameef jiru Sagaleen Qeerroo itti dhiyyeenyaan quunnamee mirkaneeffateera . Ummatni Oromoo guutuun Oromiyaa keessaa fi ala jirtan addatti immoo Qeerroon Bilsummaa Oromoo falmaa hadhaawaa kaayyoo fi akeeka jaallanii dhaaba keessan ABO jalatti hundooftanii galma geesisuuf itti dararamaa jirtan dhimmi amma mootummaan shiraan harka isaa dhaaba ABO keessa galfachuuf watwaataa jiru hunda akka quba qabaattanii fi wareegama kamiif of qopheessitan Qeerroon Bilisummaa Oromoo waamicha keenya isiniif dabarsina.
Walgahiin waajjira Gullalleetti guyyaa boruu jechuunis Adoolessa 26/2020 waamamee jira jedhamu Qeerroon Bilisummaa Oromoo kan quban hin qabnee fi hoggansi dhaabichaa bakka itti sochii akka hin goone godhamee jirutti waan taheef beekamtii kanin qabnee fi mootummaan ofii isaa karaa namoota hin beekamneen akka dhaabni ABO waajjira isaa Muummee Gullalleetti kora qabuu fi miidiyaan affeerameeru mootummaan eeyyama kenneeru fakkeessuun waamamaa jiru soba tahuu bartanii namni kamuu wal gahii jedhame akka hin jirre bartanii fi hubattan isin beeksifna.

Yeroon kun yeroo labsii muddamaa waan taheef Addi Bilisummaa Oromoos guyyaa labsiin kun labsamee kaasee wal gahiis tahe marii inni waajjira isaa Gullalleetti gochuuf karoorfate hanga labsiin yeroo muddamaa ka’utti akka hin jirre Qeerroon Bilisummaa Oromoo qulqulleeffateera.
Mootummaan LYM dahoo godhachuun hogganootaa fi qondaaltota akkasumas miseensota wal gahii dhufan ugguruuf haal duree xumuratee humna tikaa hedduu gara waajjira Gullalleetti guyyoota lamaan kana bobbaasaa akka jirus gabaasni arganne ifa godha.
Walumaa galatti nuyi Qeerroon Bilisummaa Oromoo shiraa fi daba dhaaba keenya ABO fi hoggantoota keenya irratti dhufu qolachuuf qophii tahuu keenya yeroo ibsinu namoota gochaa kana duuba jiranis osoo hin beekiin haa tahu beekanii gochaa isaanii kana irraa dhaabbatanii akka qabsoo isaanii itti fufsiisanii fi irbuu jaallan kufanii akka galma gahaniif waamicha dhiyyeessinaaf.
Dhaaba Dhiigaa fi lafee gootootaan ijaarame dhiigaa fi lafee keenyaan ni tiksina.
Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Adoolessa 25/2020

Finfinnee,Oromiyaa

Jaal Amaan Filee manni murtii erga bilisaan lakkisee dhimmi nageenyaa mana hidhaatti deebise.

Aside

Jaal Amaan Filee manni murtii erga bilisaan lakkisee dhimmi nageenyaa mana hidhaatti deebise.

Image may contain: 4 people

[SQ Adoolessa 21/2020]

Miseensa GS ABO kan ta’e jaal Amaan Filee Bitootessa 6/2020 miseensa SHG-GS ABO jaal Abdii Raggaasaa mana hidhaa Buraayyuutti gaafachuu deemee erga hidhamee gara Booranaatti geeffamuunsaa ni yaadatama. Godina Booranaa Magaalaa Yaaballootti mana murtiitti deddeebi’aa erga turee booda torban lama dura manni murtii akka lakkifamu murteessee ture. Isa dura manni murtii qorattoonni akka ragaa irratti fidaniif beellama qabee guyyaa beellamaatti ragaa fiduu waan hanqataniif jaal Amaan akka lakkifamu manni murtii murtoo kenne. Haala kanaanis jaal Amaan mana hidhaatii ba’ee balbalarra wayita ga’u poolisoonni biroo isa eeggachuun qabanii gara qajeelcha poolisii Godina Booranaatti deebisuun hidhan. Sababaan isaan deebisanii hidhaniifis dhimma nageenyaa kan Godina Booranaafi abbootii alangaa godinaatiin akka hin lakkifamne ajajni kan darbe ta’uu odeessi SQBO qaqqabe ifa godha.

Aside

(SQ)Sagalee Qeerroo Bilisummaa

Aside

ከአርቲስት ሃጫሉ ሁንዴሳ ግድያ ጋር ተያይዞ በኦሮሚያ ውስጥ እየተካሄደ ያለውን ህዝባዊ አመፅ አስመልክቶ ከኦሮሞ ቄሮ ለነፃነት ድርጅት የተሰጠ አጭር መግለጫ

ጭካኔን የተሞላው መላው የኦሮሞ ህዝብ ያስደነገጠና መሪር ሃዘን ውስጥ የከተተው የአርቲስት ሃጫሉ ሁንዴሳ መገደል በአገር ውስጥና በውጭ ሃገራት የሚኖሩትን የኦሮሞ ቄሮ ለነፃነት ታጋዮችን ይህ ነው የማይባል አቻ የሌለው ሃዘን ውስጥ መክተቱ ይታወቃል::
የኦሮሞ የአይን ብሌን የሆነው የሃጫሉ ሁንዴሳን መሰዋት ሰበብ በማድረግ የኦሮሞን ህዝብ ትግል አቅጣጫ ለማሳትና የኦሮሞን ህዝብ ሊወጣው ወደማይችለው የባርነት አዘቅት ውስጥ ለማስገባት እንደ ፖለቲካ መሳሪያነት እየተገለገሉበት መሆኑን እየተካሄደ ያለው የወቅቱ አካሄድ በግልፅ ያሳያል:: በሰኔ 22 ቀን 2012 ዓ.ም በተፈፀመው ከጀግናው አርቲስት ሃጫሉ ሁንዴሳ ግድያ ጋር ተያይዞ ያለውን ሁኔታ መንግስት ነፃና ገለልተኛ በሆነ አካል አስመርምሮ ለኦሮሞ ህዝብና ለመላው የአለም ህዝቦች እንዲገልፅ የተጠየቀ ቢሆንም እስከ አሁን ድረስ ምንም ምላሽ ያልተሰጠበትና ይልቁንም ሃላፊነት በጎደለው መልኩ የመንግስት ባለስልጣናትና ሃላፊዎች ለፕሮፖጋንዳነት እየተጠቀሙበት ያሉ ሲሆን በተቃዋሚ የኦሮሞ ፖለቲካ ድርጅቶች ላይ በሚዲያዎቻቸው አማካኝነት የማሸማቀቅ ዘመቻ ከፍተዋል::
ቄሮ ለነፃነት (Qeerroo Bilisummaa) አርቲስቱ ከተሰዋበት ከስርኔ 22 ቀን 2012 ዓ.ም አንስቶ በሁሉም የኦሮሚያ ክፍሎች ውስጥ በተቀናጀና ጀግንነት በተሞላ መልኩ እምቢተኝነቱንና ለኦሮሞ ህዝብ በቁርጠኝነት መፋለሙን ቀጥሎበታል:: በየወረዳና በየቀበሌውም ውስጥ ከፍተኛ መስዋዕትነት እየተከፈለ ይገኛል:: በአንፃሩ ይሄ መንግስት ሆን ብሎ ኦሮሚያን የጦርነትና የረብሻ አውድማ በማድረግ ህዝቡ እንዳይረጋጋ እያደረገ ይገኛል::
የአገር መከላከያ ሰራዊት ሃላፊነት በማይሰማው መልኩ በየከተማውና በየገጠሩ ህዝቡን እየዘረፈና እየገደለ ማሰቃየቱን የእለት ተእለት ተግባሩ አድርጎታል:: እስራት ስቃይና ህዝብ ወደ ጫካ መሸሽ በሁሉም የኦሮሚያ ክፍሎች ውስጥ የተለመደ ሆኗል:: ይህ ድርጊት መፍትሄ ከማጣቱ የተነሳ የኦሮሞ ቄሮና ቀሬ ቀደም ብሎ ዘርግቶት ባለው መዋቅሩ በመታገዝ ስር ነቀል ለውጥንና የኦሮሞን ህዝብ ድል ሙሉ በሙሉ ለማስከበር መራራ ትግል ለማድረግ በሁሉም የኦሮሚያ ከተሞች ውስጥ የባርነት እምቢተኝነት አመፅ (Fincila Diddaa Gabrummaa) እያካሄደ ይገኛል:: ይህ ነው የማይባል መስዋዕትነት እየከፈለም ነው::
ኢንተርኔት ከማቋረጡ ጋር ተያይዞ መንግስት የኦሮሞ ቄሮ ለነፃነት ሆነ የሰብአዊ መብት ተሟጋቾችን በሙሉ የሚያወጧቸውን መግለጫዎንም ሆነ ድምፃቸውን ለአለም ህዝቦች እንዳያሰሙ ችግር ፈጥሯል:: በየቦታው እየተደረገ ያለውን የኦሮሞን ህዝብ የዕንቢተኝነት ትግል እስራትና ግድያ እስከ አሁን መዘገብ በጭራሽ አልተቻለም:: በዚህ ሁኔታ ውስጥ ያለን ህዝብ ድምፁን አፍነው እየገደሉና እስር ቤት እያጎሩ ማሰቃየትን ሆን ብለው ቀጥለውበታል::
ከሰኔ 22 ቀን 2012 ዓ.ም ጀምሮ በተገኘው መረጃ (data) መሰረት ቄሮ ቢሊሱማ ኦሮሞን የደረሰው እንደሚገልፀው እስከ አሁን ድረስ በሰላማዊ መንገድ ሃዘኑን ሊገልፅ ከወጣው ህዝብ መሃከል 482 ሰዎች በመንግስ ታጣቂ ሃይሎች ሲገደሉ ከ7000 በላይ የሚሆኑ ሰላማዊ ዜጎች ታፍነው የደረሱበት አልታወቀም:: ይህ ከሁሉም ኦሮሚያ አካባቢ የተሰበሰበ ዘገባ እንደሚጠቁመው ከሞቱት ሌላ 1300 ሰዎች ቆስለዋል:: የቆሰሉትም ሰዎች ህክምና እንዳያገኙ ተከልክለው አብዛኞቻቸው የሚሞቱበትን ቀን በመጠባበቅ ላይ ይገኛሉ::
ይህ ሁሉ መስዋእትነት ቄሮ ቢሊሱማ ኦሮሞን ከትግሉ ወደሗላ አልመለሰውም:: ሊመልሰውም አይችልም:: የተማከለው የኦሮሞ ህዝብ ትግል በቄሮ ለነፃነት ድርጅትና ለኦሮሞ ህዝብ ሃቅ በሚታገሉ የፖለቲካ ድርጅቶች መሪነት ቀጥሎበታል:: ትግሉ ከግብ እስከሚደርስ ድረስ የእምቢተኝነት ትግሉ (FDG) በከተማ ውስጥም ሆነ በገጠር ውስጥ የሚካሄድና ለአንድ አፍታም ቢሆን የማይቆም መሆኑን ለህዝባችን ለማረጋገጥ እንፈልጋለን:: የቄሮ ለነፃነት ትግል መዋቅር ከቀድሞው በበለጠ እጅግ ተጠናክሮ ሰፍቶ በሰከነና ሙያዊ ብቃትን የተካነ እቅድ አውጥቶ ከኮለኔል አብይ አህመድ ጀርባ መሽጎየኦሮሞን ህዝብ ሊጫን እያለመ ያለውን አሮጌውን ጨቋኝ ስርአት ተነቅሎ ግብዓተ መሬቱ እስኪፈፀም ድረስ በቁርጠኝነት ትግሉን የምንቀጥልበት መሆኑን እናረጋግጣለን::
በአሁን ሰዓት ከአርቲስት ሃጫሉ ሁንዴሳ መሰዋት ጋር በማያያዝ በኦሮሚያና በኦሮሞ ህዝብ ላይ ተከፍቶ ያለው ዘመቻ ከዚህ በታች ተዘርዝረዋል::

  1. በአገር ውስጥ በሰላማዊ መንገድ ለመታገል ከውጭ ወደ አገር ውስጥ የገቡትን የኦሮሞ ድርጅት መሪዎችና አባላትን ማሰር
  2. የተቃዋሚ ድርጅቶች ቢሮና ንብረት የሆኑትን በሙሉ በመዝረፍ ቢሮውን መዝጋት
  3. በኦሮሞ ስም የተቋቋሙ ሚዲያዎችን እንደ OMN, ONN እና የቄሮ ድምፅ (SQ) ያሉት ላይ በመዝመት እንዳይዘግቡ መከልከል እንዲሁም ጋዜጠኛን ማሰር
  4. የኦሮሞ ቄሮ ለነፃነት ትግልን ለመግታት ሲባል በከተማና በገጠር ውስጥ አፋን ኦሮሞን የማይችሉ ባህሉን ጨርሰው የማያውቁ እንዲሁም ለኦሮሞ ህዝብ ይህ ነው የማይባል ጥላቻ አላቸው ብለው የሚያስቡትን ከሌሎች አጎራባች ክልሎች አምጥተው ኦሮሚያ ውስጥ በማሰማራት ህዝቡን ማስደብደብና ማስገደል
  5. የህዝብ አገልግሎት ሰጪ የሆኑትን ሁሉ እንደ መብራት ዉሃ መንገድና ትራንስፖርት የመሳሰሉትን ማቋረጥ የግልና የመንግስት የህክምና ተቋማትን መዝጋት
  6. በመላው አገሪቷ የኢንተርኔት አገልግሎት በማቋረጥ ማንኛውም መረጃ በአገሪቷ ውስጥ እንዳይሰማና ወደ ውጭም እንዳይወጣ እንዲሁም ማንኛውም ዓይነት የመረጃ ልውውጥ እንዳይደረግ በር መዝጋት
  7. በሁሉም ኦሮሚያ ዞኖች ውስጥ የሚገኙትን የሃይማኖት አባቶች መምህራንና በየአካባቢያቸው የተከበሩ አዛውንቶችን በማስፈራራትና በማሸማቀቅ እስር ቤት ማጎር የመሳሰሉትን በኦሮሞ ህዝብ ላይ እያደረሱ ነው::

የብልፅግና መንግስት በአሁኑ ሰዓት በአገሪቷ ውስጥ ያለው ችግር በጎሳና በጎሳ መካከል እንደተፈጠረ በማስመሰል በሚዲያና በካድሬዎቹ አማካኝነት የፖለቲካ ንግድ በማካሄድ ላይ ይገኛል:: ቄሮ ለኦሮሚያ ነፃነት ሲል የሚያካሄደው ትግል ማንኛውንም ብሄር የማይነካና ማንንም በጠላትነት ፈርጆ የሚታገል ሳይሆን የተዳፈነውን የኦሮሞ ህዝብ ሃቅ ማስመለስ ብቻ ላይ ያለመ ነው:: የቄሮ ትግል የኦሮሞን ህዝብ መብት እውን ከማድረግ የዘለለ ሌላ የፖለቲካ ተልዕኮ እንዳሌለው ለዘመናት ሲያደርገው የነበረው እንቅስቃሴ ምስክር ነው:: ስለሆነም በአገር ውስጥም ሆነ በውጭ ሃገራት የሚኖረው ህዝባችን እንደ አለፉት አመታት ሁሉ ካለ አንዳች መነጣጠል የኦሮሞ ነፃነት ትግልን ከግብ ለማድረስ የኦሮሞ ቄሮ ለነፃነት ትግልን እንዲያበርርታታ ስንል መልእክታችንን እናስተላልፋለን::
የብልፅግና መንግስት የኦሮሞ የሰጠውን እድልና ያለውን እድል ትዕግስት በመናቅ ህዝባችን በአለም ህዝቦች ፊት እንዲዋረድ በማድረግ ለኦሮሞ ህዝብና የፖለቲካ ድርጅቶች ያለውን ንቀት በግልፅ አሳይተዋል:: የኦሮሞ የፖለቲካ ድርጅት አመራሮችን በማናለብኝነት በማሰር በማሰቃየትና በያዙት ሚዲያዎቻቸው ላይ በማውገዝና ያለ ምንም ማስረጃ ስማቸውን ማጉደፍ የንቀታቸው ማሳያ ነው::
የኦሮሞ ህዝብ እንደ አይኑ ብሌን የሚያያቸው አመራሮቹን መናቅ የኦሮሞን ህዝብ መናቅ ነው:: የኦሮሞ ህዝብ ተስፋ የሆኑትን አመራሮች ማቅለልና አስሮ ማሰቃየት የኦሮሞን ህዝብ መጥላት ነው:: ይህንን ሁኔታ እንዲቀየር ለማድረግ ያለን ብቸኛ አማራጭ አንድና አንድ ብቻ ነው:: በግልፅ አነጋገር እንደተለመደው የነፃነት ትግላችንን በማፋፋም ጭቆናን ከስር መሰረቱ ነቅለን ጥለን ህዝባችንን የነፃነትና የዲሞክራሲን ብርሃን ማጎናፀፍ ነው::
ከዚህ ግርጌ የተዘረዘሩትን አንድ በአንድ እራሱን ብልፅግና ብሎ የሚጠራውና በኮሎኔል አብይ መሐመድ የሚመራው መንግስት በአስቸኳይ ካልተገበረ አሁን በአገሪቷ ውስጥ የተቀጣጠለው እሳት የማይበርድ መሆኑን ቄሮ ለነፃነት ያስጠነቅቃል::

  1. በተወዳጁና ብርቅዬው አርቲስታችን ሃጫሉ ሁንዴሳ ላይ የተፈፀመው ግድያ ከመንግስት ነፃና ገለልተኛ በሆነ አካል ተመርምሮና ተጣርቶ ዉጤቱን ለህዝብ እንዲገልፅ:: ይህንን ወንጀል የፈፀሙ ግለሰቦችንም ሆነ ከጀርባው ሆነው ያስፈፀሙ አካላትን ለህግ እልዲያቀርቡ
  2. ጠቅላይ ሚኒስቴር ኮሎኔል አብይ አህመድ በአስቸኳይ ስልጣኑን እንዲለቅ:: የፒፒ የስልጣን ዘመን ስላበቃለት ፈርሶ የሽግግር መንግስት እንዲቋቋም
  3. በኦሮሞ ህዝብ ላይ እየተፈፀመ ያለው ግድያና እስራት በአስቸኳይ እንዲቆም::
  4. የኦሮሞ ነፃነት ግምባር (ኦነግ) እና የኦሮሞ ፌደራሊስት ኮንግረስ (ኦፌኮ) አመራሮችን ጨምሮ ሁሉም የፖለቲካ እስረኞች በአስቸኳይ እንዲፈቱ
  5. የኦሮሞ ነፃነት ሰራዊትን ለማደን አሰሳ በማድረግ ሰበብ ምዕራብ ሰሜንና ደቡብ ኦሮሚያን ወሮ ሰላማዊውን ህዝብ ሰላም በመንሳት እያሰቃየ ያለው መከላከያ ሰራዊት ኦሮሚያን ለቆ ወጥቶ ወደመጣበት እንዲመለስ:: የኦሮሞ ህዝብና የኦሮሚያ ሰላም ከኦሮሞ ህዝብ ተወልደው ለህዝባቸው ታማኝና ተቆርቋሪ በሆኑ ፖሊስ አባላት እንዲጠበቅ::
  6. የኦሮሞ ነፃነት ሰራዊት ነህ ተብለው ለተገደሉና ለአካል ጉዳት ለተዳረጉ አካላት ተገቢ ካሳ እንዲሰጣቸው::
  7. ከተቃዋሚ ድርጅቶች ጋር ተገቢ ውይይት በማድረግ ቋሚ ፕሮግራም ተነድፎ ነፃና ፍትሃዊ የሆነ ምርጫ እንዲደረግ
  8. ማንኛውም የህዝብ መገናኛ ሚዲያ እንደ ኢንተርኔት ስልክ እና መብራት የመሳሱሉት እንዲለቀዉ
  9. የኦሮሞ ነፃ ሚዲያዎች እንደ OMN እና ONN ያሉት በአስቸኳይ ስራ እንዲጀምሩ:: ጋዜጠኞቻቸውም ከእስር እንዲለቀቁ:: ከየቢሯቸው የተዘረፉት የሚዲያ መሳሪያዎች እንዲመለሱ
  10. የአገሪቱ የወደፊት እጣ ፈንታና ጉዟችን ወዴት ነው የሚለው ሁሉንም የተቃዋሚ ድርጅቶችን ያቀፈ ሆኖ ብልፅግና ለብቻው የግሉ አድርጎ የያዘውን ስልጣን እንዲያበቃ ማድረግ

ከዚህ በላይ የተቀመጡት ጥያቄዎች አጥጋቢ መልስ የማያገኙ ከሆነ ቄሮ ለነፃነት እንደካሁን ቀደሙ ሁሉ በኦሮሚያ ውስጥ የተጀመረውን ትግል በማስቀጠል የኦሮሞን ህዝብ የአገሩ ባለቤት የምናደርግ መሆኑን አፅንተን እናስታውቃለን::
በመጨረሻም መላው የኦሮሞ ህዝብ ከአገር ውጭና በአገር ውስጥ ሆኖችሁ ከአባቶቻችሁ እንዲሁም ከኦሮሞ ህዝብ ትግል በወረሳችሁትን ጀግንነት ሳታቋርጡ ቀጣይነት ባለው መልኩ ለነፃነታችሁ እየታገላችሁ ያላችሁ መሆኑን እያየን ያለን ስለሆነ ለእናንተ ታላቅ ክብር አለን:: እንደቀድሟችሁ ሁሉ አንድነታችሁን አጠንክሩ:: አትከፋፈሉ:: ያለ አንዳች የፖለቲካ ልዩነት ትግላችን ወደፊት ከቀጠለ ሃቃችንን በመዳፋችን ውስጥ የምናስገባበት ቅርብ መሆኑን ልናበስራችሁ እንወዳለን:: የቄሮ ለነፃነት ትግል አመራር በመላው ኦሮሚያ ዉስጥ መንግስትን ማነቃነቅና ትግሉን በፅናት ማስቀጠል የሚያስችል በቂ አቅም እንዳለው እናረጋግጥላችሗለን:: ቄሮ ብሩህ የሆነ ዓላማን በመያዝ በሳልና ጨዋነትን በተሞላ እቅድ ይታገዛል:: በቀላሉ ጠላት የማይበግረው የረጋ መዋቅር አለው:: ድርጅታችን ያወጣውን እቅድና የመታገያ ዘዴን በመጠቀም የኦሮሞን ህዝብ በማሰቃየት ላይ ያለውን ጨቋኝ መንግስት እንደሚያንበረክክ ምንም ጥርጣሬ የለንም:: በውጭ አገራትም ሆነ በአገር ውስጥ የምትገኙ ወገኖች ሁሉ የብልፅግና መንግስት ወደ ሽግግር ይወስደናል የሚል ተስፋ ጨርሶ እንደሌለ አውቃችሁ የጀመራችሁትን እንቅስቃሴ ጠንክራችሁ እንድትቀጥሉበትና ከኦሮሞ ቄሮ ለነፃነት ታጋዮች ጎን በመቆም እንድታበረታቱ መግለፅ እንወዳለን::
ድል ለኦሮሞ ህዝብ!
ዘመኑ የጨቋኝ ስርዓት ማክተሚያ ጊዜ ነው!
የኦሮሞ ቄሮ ለነፃነት
ሐምሌ 6 ቀን 2020 ዓ.ም.

Aside

Ajjeechaa Artist Haacaaluu Hundeessaan Walqabatee Fincila Oromiyaa Keessatti Geggeeffamaa Jiru Ilaalchisee Ibsa Gabaabaa Jaarmiyaa  Qeerroo Bilisummaa Oromoo Irraa Kenname.

Ajjeechaa gara jabinaa fi kan ummata Oromoo mara rifaasisee gaddatti galche Artistii urjii sabaa ta’e Haacaaluu Hundeessaan Qeerroon Bilisummaa biyya keessaa fi biyya alaa gaddaa hiriyyaa hin qabne keessa galchee akka jiru beekamaa dha.

Ajjeechaan qaroo sabaa Artist Hacaaluu Hundeessaa irra gahe kallattii qabsoo saba Oromoo dabsuu fi ummata Oromoo gabrummaa keessaa hin baane keessatti naquuf jecha akka meeshaa polotikaatti fayyadamuuf bobbaan ykn duulli siyaasaa deemaa jiru ifatti argama. Waxabajjii 29,2020 wareegamuu Artist Hacaaluu Hundeessaan wal qabatee mootummaan qormaata haqaa fi qaamni walaba ta’e qoratee akkaataan ajjeechaa goota kanaa ummata Oromoofis ta’e saba biyya lafaan akka ifa ta’u jedhamee gaafatamus hanga ammaatti ololaaf fayyadamuun qondaalotii fi hogganootiin mootummaa gaafatamummaan itti hin dhagahamiin akka meeshaa ololaatti fayyadamanii dhaabota siyaasaa mootummicha morman irratti duula media of harkaa qabaniin bananii jiru.

Qeerroon Bilisummaa guyyaa artistiin kun wareegame Waxabajjii 29,2020 irraa kan eegale godinoota Oromiyaa mara keessatti bifa qindaayee fi gootummaan guutameen diddaa fi falmaa mirga ummata Oromoo itti fufee jira. Wareegami ol aanaa godinootaa fi magaalota keessatti kafalamaa jira. Mootummaan ta’e jedhee Oromiyaa dirree lolaa fi dirree hokkoraa gochuun akka ummanni tasgabbii hin arganne taasisaa jira. Waraanni raayyaa ittisa biyyaa gaafatamummaan osoo itti hin dhagahamiin magaalaa fi baadiyyaa keessatti ummata saamuu fi ajjeessuu gara malee dararuu hojii guyyaa godhatee jira. Hidhaan dararaminii fi ummati baqatee bosonatti dheessuun Oromiyaa godina hunda keessa jira. Haalli kun fala dhabuu irraan kan ka’e Qeerroo fi Qarreen Oromoo caasaa bifa dursee diriirfatee lafaa qabuun jijjiiraa hunde qabeessaa fi injifatnoo ummata Oromoo ifatti baasu muldhisuuf falmaa hadhaawaa gochuun magaalota hundatti hanga ammaa Fincilli Xumura Gabrummaa itti fufee jira. Wareegama kana hin jedhamnes baasaa jira.

Sababaa taajaajila Internet muruu mootummaan wal qabatee Qeerroon Bilisummaa Oromoos t’ae dhaabotiin mirga namoomaaf falman hundi ibsoota baasan ykn sagalee qaban aduunyaan dhageessisuu irratti rakkoon mudateera. Ajjeechaa hidhaa jiru fi sochii diddaa gabrummaa godina hunda keessatti hanga ammaa itti fufee jiru bifaa fi akkaataan tti gabaafamu dhabamee jira. Haala kanaan ummata Oromoo sagalee isaa ukkamsanii ajjeessuu fi hidhaatti guuruun itti fufee jira.

Waxabajjii 29,2020 irraa kaasee odeeffannoon (data) Qeerroo bilisummaa qaqqabe akka ibsutti hanga ammaa ummanni nagaa gaddasaa ibsachuuf ba’e 482 rasaasa humnoota mootummaatiin wareegamee jira, Namoonni nagaan 7000 ol ta’an ukkamsamanii bakka buuteen dhabamee jira. Odeessi godinaalee hundarraa funaaname kun akka addeessutti kanneen wareegaman malee namoonni 1300 madoo taasisamanii jiru. Kanneen madaa’anis tajaajila fayyaa dhorkamanii hedduun isaanii guyyaa du’aa eeggataa jiru.

Wareegamni kunniin garuu sochii Qeerroo Bilisummaa duubatti hin deebifne. Deebisuufis hin jiraatu. Falmaan waliigalaa qabsoo ummata Oromoo hogganummaa Jaarmiyaa Qeerroo Bilisummaa Oromoo fi jaarmota siyaasa haqa Oromoof falmaniin itti fufee jira. Hang galma geenyamutti FXG magaalotaa fi baadiyyaa keessatti deemaa jiru guyyaa tokkoof illee kan hin dhaabbanne ta’uu ummata keenyaaf mirkaneessuu barbaanna, Caasaan Qeerroo Bilisummaa kan durii caalaatti daran babal’atee fi jabaatee, naamusaa fi ogummaadhaan karoora baafatee hanga sirna gabroomfataa dullacha Abiy Ahmad duuba dhukatee nutti fe’amuuf abjootaa jiru kun hundeen buqqa’utti murannoon kan itti fufu ta’uu mirkaneessina.

Wareegamuu Artist Hacaaluun wal qabatee duulli Oromoo fi Oromiyaa irratti yeroo ammaa kana banamee jiru kanneen armaan gadii keessatti argamu.

1.       Hogganoota fi miseensota dhaabota karaa nagaa biyya keessatti qabsoofna jedhanii hidhuu;Addattis hogganootaa fi miseensota akkasumas deggertoota  ABO fi KFO.

2.       Waajjiroota mormitootaa fi qabeenya mormitootaa kan ta’e hunda saamuu;

3.       Media lee maqaa Oromoon ijaaraman kan akka OMN, ONN fi Sagalee Qeerroo(SQ) irratti duula banuun akka isaan hin tamsaasne dhorkuu, gaazexessitoota hidhuu;

4.       Diddaa Qeerroo Bilisummaa dura dhaabbachuuf jecha magaalotaa fi baadiyyaa keessa waraana afaan fi aadaa Oromoo hin beeknee fi jibba ummata Oromoo irraa qaban jedhanii yaadan naannoolee biroo irraa fidanii Oromiyaa keessa bobbaasuun ummata reebisuu fi ajjeesisuu;

5.       Tajaajiloota ummataa kanneen akka ibsaa, bishaan, karaa, geejjiba, kutuu; maneen yaalaa kan dhuunfaa fi mootummaa cufsiisuu;

6.       Tajaajjilli Internet guutuu biyyittii keessatti akka cufamuu fi odeessi biyya san keessaa akka hin dhaga’amnee fi hin baane daandii quunamtii hunda hula isaa cufuu;

7.       Abbootii amantii, barsiisota, maanguddoota naannoo naannootti kabajamoo ta’an godina Oromiyaa hunda keessaa doorsisuu fi salphisuun hidhaatti guuruu; fi kkf ummata Oromoo irraan gahaa jira.

Mootummaan PP lola gosaa fi gosa jidduu fakkeessuun daldala siyaasaa media fi kaadirota isaa keessaan deemsisaa jira. Qabsoon Qeerroon Bilisummaa Oromoo taasisu saba kamiinuu kan diinaffate osoo hin taane haqa ummatootaa ukkamame deebisuu kan akeekkate dha. Qeerroon mirga saba Oromoo dhugoomsuu irra darbee akeeka siyaasaa addaa akka hin qabne diddaa fi sochii baroota dheeraaf taasisaa ture ragaa dha. Kanaaf ummanni keenya biyya keessaa fi alaan jiru akkuma barrota darbanii san tokkummaa isaa jabeessee garaagartummaa fi wal bubuusuu tokko malee qabsoo bilisummaa Oromoo bakkaan gahuuf akka Jaarmiyaa Qeerroo Bilisummaa Oromoo tumsu dhaammanna.

Mootummaan PP carraa fi obsa yeroo dheeraa ummanni Oromoo keenneefii tuffachuun akka sabi keenya biyya lafaa irratti salphatuuf tuffii ummataa fi dhaabota siyaasaaf qaban ifatti muldhisanii jiran. Hoogganoota siyaasaa Oromoo maal nadhibdeedhaan hidhuu, dararuu fi maqa balleessiin media harkaa qaban irratti balaalefachuu fi ragaa tokko malee maqaa xureessuun tuffii kana agarsiisa. Hooganoota sabni Oromoo akka qaroo ijasaatti ilaalu tuffachuun ammoo saba Oromoo tuffachuu dha. Hoogganoota sabni Oromoo abdatu xiqqeessuu fi hidhanii dararuun saba Oromoo jibbuu dha. Haalli kunis akka jijjiiramuuf filannoon qabnu tokkoof tokko dha. Akkuma aadeffannee beeknutti qabsoo bilisummaa finiinsuun gabrummaa hiddaan buqqifnee ummata keenya ifa bilisummaa fi dimookraasii argamsiisuu qofaa dha.

Akka kanaan, Mootummaan PP ofiin jedhu Koloneel Abiy Ahmadiin durfamu hatattamaan hojiitti hiikamuu baannaan abiddi warraaqsaa amma qabatee jiru kun kan hin qabbanoofne ta’uu Qeerroon Bilisummaa Oromoo gadi jabeessee akeekkachiisa.

  1. Ajjeechaan Artistii keenya jaalatamaa Haacaaluu Hundeessaa irratti raawwatame garee mootummaarraa walaba ta’een hatattamaan qoratamee akka ummataaf ifa ta’u. Yakka kana kanneen raawwataman seeratti akka dhiyaatan.
  2. Muummichi Ministeera Koloneel Abiy Ahmad hatattamaan akka hojii gadi lakkisu. Mootummaan PP yerron aangoosaas waan dhumateef diigamee mootummaan cehumsaa akka ijaaramu.
  3. Hidhaa fi ajjeechaan ummata nagaa irratti raawwataa jiru hatattamaan akka dhaabbatu.
  4. Hoogganoota ol aanoo ABO fi KFO dabalatee hidhamtoonni siyaasaa hatattamaan akka hiikaman.
  5. Humni waraanaa Lixa, Kibbaa fi Kaabaa Oromiyaatti bobbaafamee maqaa WBO sakattaana jedhuun ummata nagaa dararaa jiru hatattamaan Oromiyaa keessaa ba’ee kaampii isaatti akka deebi’u. Nageenyi ummata Oromoo poolisoota dhalootaan Oromoo ta’anii fi amanamummaa ummata Oromoo qaban qofaadhaan akka tikfamu.
  6. WBO sakattaana maqaa jedhuun namoota ajjeefamanii fi qaamaa hir’ataniif hirphi barbaachisu akka kennamu.
  7. Mariin barbaachisaan mormitoota siyaasaa hunda waliin godhamee sagantaan dhaabbataan itti filannoon haqaa fi walaba ta’e akka geggeeffamu.
  8. Sabquunnamtiin ummataa kanneen akka Interneetii, Bilbilaa fi humna ibsaa hatattamaan akka gadi lakkifaman.
  9. Miidiyaaleen ummata walabaan tajaajilan kanneen akka OMN, ONN akka hojii eegalan. Gaazexessitoonni isaani akka gadi lakkifaman. Meeshaaleen waajjira isaaniirraa saamaman akka deebifaman.
  10. Hegereen siyaasa biyyichaa fi garamitti deemna kan jedhu mormitoota siyaasaa hunda hamate waliin hatattamaan ta’ee aangoon PPn qofaa dhuunfate akka xumuramu.

Gaaffileen keenya armaan olii hin guutaman taanaan Qeerroon Bilisummaa Oromoo akkuma kanaan duraa fincila jalqabame guutuu Oromiyaa keessatti finiinsuudhaan mirga abbaa biyyummaa kan kabachisiisu ta’uu gadi jabeessee beeksisa.

Xumurarrattis, ummata Oromoo fi Qeerroon biyya keessaa fi alaa gootummaa abbootii keenyaa fi qabsoo irraa dhaaltaniin itti fufiinsaan mirga ummata keessanii falmaa jiraachuu keessan waan arginuuf kabajaa ulaanaa ni isiniif qabna. Akkuma durii tokkummaa keessan jabeessaa. Hin qoqqoodamiinaa. Garaagarummaa siyaasaa tokkoon malee qabsoo itti fufnaan yeroon haqa keenya harkatti galfatnu as dhihoo ta’uu dhaammanna. Hogganni Qeerroo Bilisummaa Oromoo Oromiyaa guutuu keessatti mootummaa akka raasuu dandayuu fi qabsoo itti fufsiisuu dandeettii qabu isiniif mirkaneessina. Qeerroon akeekaa ifaa qabatee tarsiimoo bilchaataa fi naamusaan masakama. Caasaa ititaa kan salphaatti diinaan hin raafamne qaba. Tooftaa fi tarsiimoo baafatee qabuunis mootummaa ummata Oromoo dararaa jiru kana akka jilbeeffachiifnu shakkii tokkollee hin qabnu. Ummanni keenya biyya alaa fi keessaa abdii PPn gara cee’umsaatti nu geessa jedhu tasumaa akka hin jirre hubattanii sochii eegaltan jabeessitanii akka itti fuftanii fi Jaarmiyaa Qeerroo Bilisummaa cinaa akka dhaabbattan asumaan dhaammanna.

Injifatnoon Ummata Oromoof!

Gadaan Gadaa Xumura Gabrummaati!

Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Aside

Sagalee haqaa ukkumsuu fi qabsoo ummataa daandii irraa maqsuuf daba dalagamu ni balaaleffanna
Ajjeechaa Artist Haacaaluu Hundeessaa ilaalchisuudhaan ibsa ABO Waxabajjii 30/2020

Ajjeechaa rifaasisaa fi gaddisiisaakaleessa Waxabajjii 29 2020 galgala Artist Haacaaluu Hundeessaa irratti raawwatamee sagalee ulfaataadhaan balaaleffanna.Ajjeechaa kanaanis gadda ulfaataa nuti dhaga’ame ibsanna.Ajjeechaan gaddisiisaa kun sagalee haqaa qabsoo ummataa ukkaamsuu fi kallattii qabsoo jallisuuf shira dalagme ta’uu danda’a jenneettis shakkina. Mootummaan waa’ee ajjeechaa kanaairratti qormaata ga’aa ifaa fi amansiisaa( transparent and informative ) ta’ee atattamaan geggessee ummataaf ifa akka taasisuus jabeessinee gaafanna.


Artist Haacaaluu Hundeessaa sochii qabsoo dargaggoota Oromoo( Qeerroo)keessatti kanneen urjii ta’anii fiqooda olaanaa kennaa turan keessaa tokko ta’uun isaa dhugaa biyyi guutuun raga ba’uu danda’udha. Haacaaluun,artistii qofa osoo hin taanee dargaggoota qaroogama hundaanuuegeree saba keenyaaf abdii ta’an keessaa nama tokko ture .Yeroo kanatti Artist Haacaaluu Hundeessaa haala gaddisiisaa fi garaa nama gubu kanaan ija keenya duraa dhabuun onnee ummata keenyaa hangam akka madeessuu fi qalbii cabsuu hubachuun hin ulfaatu.

Gochaan hammeenyaan guutame kun lubbuu Artist Hacaaluu Hundeessaa qofa irratti kan aggaamame qofaa osoo hin taane ummata walitti buusuudhaan adeemsa qabsoo haqaa ummatoonni mirga isaanii kabachiisuudhaaf geggessaan kallattii dhabsiisuuf itti yaadamee kan raawwatame jennee amanna.kana waan ta’eefis ummanni gochaa kanaan miira aarii keessa seenee akka walitti hin buunee eeggannoon akka godhamu hundumaaf waamicha keenya dabarsina.
Wareegama lubbuu Artist Haacaaluu Hundeessaa itti dhabne kana qaamuma wareegama qabsoo bilisummaaf baasaa yoona geenye kan waliigalaa keessatti ilaallee dhaadannoo keenya dhaabbataa gumaan wareegamtoota keenyaa bilisummaadha jedhu sana hojiitti hiikuudhaan gumaa Haacaaluu fi kan gootota keenya hundaa bilisummaa saba cunqurfamaa mirkaneessuun baasuudhaaf murannoondhaan haa sochoonu,fageessinee haa ilaallu,guddifneettis haa itti yaadnu jenna.
ABO dhimmi kun atattamaan qoratamee kanneen gocha kana keessaa harka qaban hundi seeratti akka dhiyaatan cimsee gaafata. Yeroo hamtuukana keessatti jiraatonni magaalaa Finfinnee fi diploomaatonni sodaadhaan akka hin wararamnee fi nageenyi waliigalaa akka balaa irra hin buuneef waan hundi humnaan osoo hin taane sirnaanii fi naamusaan akkasumas ija seeraatiin hordofamee murtii fi furmaata akka argatuuf qaamonnii hawaasaas ta’ee qaamonni mootummaa hundi ga’ee isaanii afuura itti gaafatamuummaa olaanaadhaan bahachuu akka qaban yaadachiifna.
Caasaaleen humnoota nageenyaa magaalaa Finfinneetis miiraa ummataa ilaalcha keessa galchuudhaan haala dhalatu hunda miira tasgabaa’een akka hordofanii fi miidhaaummata irra ga’uu maluu xiqqeessuuf cimsanii akka hojjetan gaafanna. sochii godhan keessatti lammilee hundaaf kabaja namummaa fi tika barbaachisu kan loogii bifa kamuu irraa walaba ta’ee akka taasissanis yaamicha goona.
Maayii irratti lubbuu Artist Haacaaluu Hundeessaatiif jannata maatii firootaa fi hiriyyota isaatiif akkasumas ummata bal’aa Oromoo kan Haacaaluu of duraa dhabeef jajjabina hawwina.

IUOF
ABO

Waxabajjii 30/2020

Aside

“Gudeelcha akka sabaatti nurra kaahamu, akka sabaatti of irraa darbanna!” Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Aside

Karaa Youtube dhaggeeffachuu link gadii 👇 kana caqasaa!
https://youtu.be/uecbNdsldbs

Aside

Ibsa ejjannoo Qeerroo Gujii fi Team Mataa Dhiiraa irraa kenname.

cropped-qeerroo11-4.jpgAkkuma beekkamu uummati Oromoo bara dheeraaf sirna saba nyaataa jalaa bilisa bayuuf falmachaa ture. Kanarraa kan ka’e: gochi gara hammeennaa, ka dhageettaaf nama suguggeessu, ka dubbatuuf ammoo akka heexoo afaanti nama hadhaawu saba keenna irratti raawwatamee jira. Hardhaas ammoo, jabaatee itti fufee jira. Ijaarramuu Impaayira Itoophiyaa (sirna Naafxanyaa) irraa ka’ee, dachee Oromiyaa badhaatuu fi magariisa tana irratti gochi hamaan hadhaaye diinaa fi ergamtoota diinaatiin adoo rawwatamuu hardhaan baye. Bifa gara-garaatiin gochi lubbuu fi foon uummata Oromoo laalachiisu hedduun raawwatamaa ture, ammaas itti jira. Kun hundiis raawwatamu uummati Oromoo mirga isaatiif falmachuu irraa guyyaa tokkoos foorfatee (boqatee) hin beeku. Akkuma gochi hameennaa dabalaa dhufuun, hawwiin bilisummaa fi kutannoon uummati keenna qabu dabalaa dhufe. Continue reading

Aside

“Humnaan abbaan isaas akka isa reebu taasisuudhaan, dhagaa dugdatti hidhanii dullaan reebanii qaamni isaa erga raaamma’ee booda lubbuun darbe” yaada maatii namni irraa ajjeefamee

[SQ, Caamsaa 27,2020] Shaggar Kaabaa ona Dagam araddaa Leemman Caarraqii bakka addaa Buukkoo jedhamutti namni Habtaamuu Nugusee Roobii jedhamu, abbaa maatii kan ta’e waraana mootummaan reebichi hamaan irratti raawwatee ajjeefamuu isaa maatiin Sagalee Qeerroo Bilisummaa Oromoof himan.

Obbo Habtaamuu Nugusee Roobii jiraataa ona Shaggar Kaabaa yoo ta’an abbaa warraa ijoollee 5 ti. Haati warraa isaanii aadde Biraanee Dinquu yoo ta’an, ijoolleen isaan waliin qaban Burtukee Habtaamuu, Gaaddisee Habtaamuu, Dirribee Habtaamuu, Sisaay Habtaamuu fi Mangistuu Habtaamuu kan jedhamanidha.

“Obbo Habtaamuu Nugusee siyyaasa kam irraayyuu bilisa” jedhan namni yaada nuu laatan. Continue reading