
DHAGAA ITTIIN NU CACCABSUUF NUTTI AKEEKAME HUNDA OF IRRAA QOLANNEE KAAYYOO QABSAA’OTA KENYA KUFANII DHAABA KEENYA ABO JALATTI TALIIGAMNEE GALMA GEENYA.
IBSA QEERROO BILISUMMAA OROMOO
ADOOLESSA 25/2020 FINFINNEE,OROMIYAA
[SQ-Adoolessa 26/2020]
Qeerroon Bilisummaa Oromoo marii kallattii har’a gaggeefateen ibsa armaan gadii baafateera.
Qeerroon Bilisummaa Oromoo erga hundeeffamee as bu’aa bahii hedduu fi wareegama qaalii kaffalaa akeekaa fi kaayyoo qabsaa’otni keenya addatti ABOn durfamu jalatti taliigamuun qabsoo hadhooftuu wareegama kamuu gaafattu kaffallee itti fufsiisuuf yeroo hamtuu fi roorroo ulfaattuu keessatti Qeerroon Bilisummaa Oromoo gabrummaa hamaa ummatni Oromoo fi dacheen Oromiyaa baattee jirtu Adda Bilisummaa Oromoo jalatti hundaayuun Oromoo fi Oromiyaa irraa qolachuuf hundeeffame yoomillee hanga kaayyoon jaallanii bakka geessu daandii kaleerraa akka maquun dandeenye isin beeksifna.
Qeerroon Bilisummaa Oromoo dabaa fi shira qaama mootummaanis tahe qaamota finxaaleyyii sirna nafxanyaa leellisaniin dhaaba keenya ABO irratti gaggeeffamu kan yeroo kamii caalaa qaruuxummaan jala bu’ee hordofaas ture ammas itti jira.
Qeerroon Bilisummaa Oromoo dhagaa ittiin dhaaba keenya ABOtti darbatan hunda dandayee kan caccabe caccabee dhagaa dhaaba keenyatti darbatamu kamuu baatee kan isaan dhagaan nu caccabsuuf yaalan itti garagalee akka isaan caccabsaa turee fi jiru ija taajjabbiin ilaalaa irbuu ganama seennee osoo irraa hin maqne dhaaba keenya ABO fi Hoggansa dhaabichaa tiksuuf kan yeroo kamii caalaa yeroon kun fardii tahuu hubanneerra. wareegama lubbuu barbaachisu kaffallee dhagaa nutti darbatame sana of irraa qolannee akka dhaaba keenya ABO utubuu fi tiksuu dandeenyu daandiin kaleessa hogganni keenya ABOn keessa darbee as gahe keessattuu erga bara 2000 as shiraa fi daba dhaabicha keessatti qindaayu hogganni keenya dandamatee nuyi Qeerroo Bilisummaa Oromoo itti guddisee imaanaa hin nyaatamnee fi Irbuu lafee fi dhiiga goototaan qabannee seenne har’as xurree sana irraa osoo hin maqne itti jirra.
Nuyi Qeerroon Bilisummaa Oromoo yeroo kamuu dhaaba keenya ABO keessatti shira qaama mootummaan xaxamuu fi namoota dhaaba keenya ABO keessa taa’anii mootummaa waliin hojjetan ija taajjabbiin ilaalaa osoo beeknuu akka hin beeknetti Tokkummaa qabsaa’otaa tiksuu fi hojii itti jiran irraa ni deebi’u laata jennee bifa qaruuxummaan guutameen hunda jala buunee hordofaa turre ittis jirra.
Qeerroon Bilisummaa Oromoo nammoota guyyaa waajjira ABO oolanii galgala qaama mootummaa waliin mariyatan hunda hordofee akeekee ni beeka. Tibbana ajjeefamuu Artist Hacaaluu Hundeessaa booda mootummaan hoggantoota dhaabaa Olaanoo fi qondaaltota dhaabichaa ummata biratti jaallatamanii fi kabaja qaban sababaa tokko malee hidhee hanga ammaa mana murtiitti osoo hin dhiyyeessiin jira. Hoggantootni fi qondaaltotni olaanoo ABO erga qabamanii booda mootummaan bakka itti hidhe maatii fi hoggansa dhaabichaa dabalatee abukaatotni isaaniin akka wal hin quunnamne gochaa jiru.
Mootummaan erga Hoggantoota Olaanaa ABO fi qondaaltota dhaabichaa miseensota dabalatee namoota godinaa hanga gandaatti jiran hidhee booda shira qindaayaa kan dhaabicha diigu dalaguutti jira. Qeerroon Bilisummaa Oromoo shira dhaaba keenya ABO irratti xaxamaa turee fi jiru hunda tokko lamaan hordofaa ture ittis jira. Tibbana mootummaan HD ABO jaal Daawud Ibsaa Adoolessa 11/2020 booda akka mana jireenyaa isaaniitii hin baane eegumsa dabalataa naannoo mana jireenyaa isaaniitti ramaduun akka waan nageenya isaaniif yaadaniitti bifa hin beekamneen mootummaa isaaniif yaade fakkaatanii uggura jala akka galchanii jirantu hanga guyyaa har’aa jechuun Adoolessa 25/2020 mana jireenyaa isaanii keessatti humni waraanaa akka bahee namoota hin quunnamne gochuu fi namoota mana isaa deeman qabee hidhaa jiraachuu jala buunee hordafaa jirra. Kuni Kanaan osoo jiruu Adoolessa 22/2020 irraa eegalee bilbilli harkaa HD ABO jaal Daawud Ethio telecom sababa hin beekamneen jalaa cufamauun akka nama kamuu quunnamuu hin dandeenye godhamaa turuu Qeerroon Bilisummaa Oromoo qorannoo gaggeesseen mirkaneeffateera.
Bilbilli harkaa jaal Daawud kan cufame calqaba lakkoofsa bilbilaa isaan fayyadaman waan humni tikaa argateef calqaba simcard isaanii jalaa cufsiisanii akka isaan nama kamiyyuun quunnamne godhan boodarra jaal Daawud simcard kamiyyuu bitatanii yoo bilbila ykn qafoo isaanii keessa galchan technology ammayyaatti fayyadamuun qafoo bilbila jaal Daawud #Seria number isaa fi IP address isaa waan argataniif sim card kamuu keessa gale akka dalaguu hin dandeenye godhamuun guyyoota sadan dabarsine kana HD ABO jaal Daawud bilbila malee jiraachuu isaanii qaruuxeen Qeerroo Bilisummaa Oromoo mirkaneeffachuu dandaheera.
Kuni Kanaan osoo jiruu mootummaan karaa namoota tokko tokkoo dhaaba ABO irratti shira xaxaa jiraachuu Qeerroon BIlisummaa Oromoo bira gaheera. Akka gabaasni Qeerroo Bilisummaa Oromoo qaqqabe ifa godhutti HDn ABO mana akka hin baane waan tahanii jiraniif murni tahe dhaaba ABO irraa akka fottoqee hogganaan nuyi jedhee labsatuuf qaamni mootummaa halkanii fi guyyaa hojjetaa jiraachuu bira geenyeerra. Murna kanaafis mootummaan eegumsa isiniif godha jedhee waadaa galee akka jiru odeessi belbeltuun Sagalee Qeerroo qaqqabe ifa godha.
Dhimmi kana irratti namoota waamichi godhameef jiru Sagaleen Qeerroo itti dhiyyeenyaan quunnamee mirkaneeffateera . Ummatni Oromoo guutuun Oromiyaa keessaa fi ala jirtan addatti immoo Qeerroon Bilsummaa Oromoo falmaa hadhaawaa kaayyoo fi akeeka jaallanii dhaaba keessan ABO jalatti hundooftanii galma geesisuuf itti dararamaa jirtan dhimmi amma mootummaan shiraan harka isaa dhaaba ABO keessa galfachuuf watwaataa jiru hunda akka quba qabaattanii fi wareegama kamiif of qopheessitan Qeerroon Bilisummaa Oromoo waamicha keenya isiniif dabarsina.
Walgahiin waajjira Gullalleetti guyyaa boruu jechuunis Adoolessa 26/2020 waamamee jira jedhamu Qeerroon Bilisummaa Oromoo kan quban hin qabnee fi hoggansi dhaabichaa bakka itti sochii akka hin goone godhamee jirutti waan taheef beekamtii kanin qabnee fi mootummaan ofii isaa karaa namoota hin beekamneen akka dhaabni ABO waajjira isaa Muummee Gullalleetti kora qabuu fi miidiyaan affeerameeru mootummaan eeyyama kenneeru fakkeessuun waamamaa jiru soba tahuu bartanii namni kamuu wal gahii jedhame akka hin jirre bartanii fi hubattan isin beeksifna.
Yeroon kun yeroo labsii muddamaa waan taheef Addi Bilisummaa Oromoos guyyaa labsiin kun labsamee kaasee wal gahiis tahe marii inni waajjira isaa Gullalleetti gochuuf karoorfate hanga labsiin yeroo muddamaa ka’utti akka hin jirre Qeerroon Bilisummaa Oromoo qulqulleeffateera.
Mootummaan LYM dahoo godhachuun hogganootaa fi qondaaltota akkasumas miseensota wal gahii dhufan ugguruuf haal duree xumuratee humna tikaa hedduu gara waajjira Gullalleetti guyyoota lamaan kana bobbaasaa akka jirus gabaasni arganne ifa godha.
Walumaa galatti nuyi Qeerroon Bilisummaa Oromoo shiraa fi daba dhaaba keenya ABO fi hoggantoota keenya irratti dhufu qolachuuf qophii tahuu keenya yeroo ibsinu namoota gochaa kana duuba jiranis osoo hin beekiin haa tahu beekanii gochaa isaanii kana irraa dhaabbatanii akka qabsoo isaanii itti fufsiisanii fi irbuu jaallan kufanii akka galma gahaniif waamicha dhiyyeessinaaf.
Dhaaba Dhiigaa fi lafee gootootaan ijaarame dhiigaa fi lafee keenyaan ni tiksina.
Qeerroo Bilisummaa Oromoo
Adoolessa 25/2020
Finfinnee,Oromiyaa
Kayyoo oromoo ganamaa qabannee imalaa milkii qabu.kan tokkummaa oromoo egee fi amantii kaam osoo hin tuqiin dhimaa walabumaa ummataa fi hidhamtooni siyaasa akka lakkifamaniif falmaa ni tasifnaa.oromiyaan ni bilisoomti!