Ibsa ejjannoo Qeerroo Gujii fi Team Mataa Dhiiraa irraa kenname.
Akkuma beekkamu uummati Oromoo bara dheeraaf sirna saba nyaataa jalaa bilisa bayuuf falmachaa ture. Kanarraa kan ka’e: gochi gara hammeennaa, ka dhageettaaf nama suguggeessu, ka dubbatuuf ammoo akka heexoo afaanti nama hadhaawu saba keenna irratti raawwatamee jira. Hardhaas ammoo, jabaatee itti fufee jira. Ijaarramuu Impaayira Itoophiyaa (sirna Naafxanyaa) irraa ka’ee, dachee Oromiyaa badhaatuu fi magariisa tana irratti gochi hamaan hadhaaye diinaa fi ergamtoota diinaatiin adoo rawwatamuu hardhaan baye. Bifa gara-garaatiin gochi lubbuu fi foon uummata Oromoo laalachiisu hedduun raawwatamaa ture, ammaas itti jira. Kun hundiis raawwatamu uummati Oromoo mirga isaatiif falmachuu irraa guyyaa tokkoos foorfatee (boqatee) hin beeku. Akkuma gochi hameennaa dabalaa dhufuun, hawwiin bilisummaa fi kutannoon uummati keenna qabu dabalaa dhufe.
Uummati keenna humnaa fi gocha hamaa kamiinuu cabuu akka hin dandeenne adoo beekuu tarsiimoo addaa baafatee uummata kana dararuu fi makarsuu irratti kutannoo mootummaan qabu ifatti mudhatu jira. Hidhaan, reebichi, sossodaachisaanii fi rasaasaan uummata rashanuun akka uummati hin jiilchine (duubatti hin deebinye) eerga hubateen duubatti, uummata harka kennachiisuuf bayii baate wodhakkatti mana hidhaatii namoota baasanii tooridaa (shottolaa/cuupheen) qaluu (gorra’uun) jalqabamee jira. Akkuma Re’ee fi Hoolaa ilma namaa buusanii lubbuu irraa kutuun gocha nuuti dhiyeennatti dhaggu jirruu dha.
Fakkeennaaf, Godina Gujii Bahaa Aanaa Sabbaa Boruu keessatti abbaa fi ilma, jechuun Horoo Areerii fi Boonaa Horoo mana hidhaa keessaa baasanii uummata duratti akka horii morma irraa mummuran. Boonaan ijoollee umurii (ganna) 12 ti, namni sadaffaan qalamuuf ture qaamota mootummaa harkaa miliqee jira. Horoo Areerii fi ilmi isaa jalqabumaa badii tokko malee hidhaman, hidhamuun isaaniiyyuu seera qabeessa hin turre, kun kanaan adoo jiruu mana hidhaatii baasanii bifa suukkaneessaa te’een isaan qaluun ammoo gara hammeenya jabaa dha.
Haaluma wol-fakkaatuun, Godina Wollagga Lixaa, Aanaa Laaloo Assaabiitti yataamaa (ko’aametti) ilmaan ifii qonnaan guddifattu Aaddee Amsaaluu Guddataa, maasaa (fichaa) keessatti itti dhufuun ilmee isii reefuu ganna tokko guutte fuula duratti rasaasaan ijjeesanii ilmaan isii afur haadha malee fi jireenya gadadoo keessatti hambisan. Gocha hammeennaa mootummaan uummata Oromoo irratti raawwatamu jiru lafaa fi samiin Oromiyaa haa laakkoftuu malee laakkawanii jeefan bayuun akuu ulfaata.
Qeerroo Gujii fi Team Mataa Dhiiraa gocha gara hammeenyaa uummata Oromoo irratti raawwatamu jiru kana hadheeffannee balaaleffanna. Gochi hammeennaa adda durummaan Gujii fi Wollagga irratti xiyyeeffatee ture kun, bifa hamaa te’een guutummaa Oromiyaa keessatti babadhatu jira. Kanaafuu, uummati Oromoo bakka jiru hundaa ka’ee bifa barbaachisaa te’ee argame kamiinuu, mirga ifiitiif akka falmatuuf waamicha dabarsina. Uummati Gujii fi Wollaggaa komaandi postii jala waan jiranuuf, sagaleen isaanii uukkanfamee jira. Kanaafuu, uummati Oromoo worra komaandi postii jala jiranu kanaaf sagalee te’aa! miidiyaaniis xiyyeeffannoo addaa kennuudhaan, gochoota hamaa mootummaan uummata irratti raawwatamu jiru kana akka saaxilu waamicha dabarsina.
Ulfaadhaa!
Caamsaa 27, 2020
Team mataa dhiiraa fi Gamtaa Qeerroo Gujii irraa.
Injifannoo ta dhugaati! Injifannoo ta Oromooti!