Sochii seer-dhablummaa qaama qabsoon raawwatu kamuu jabeessinee mormina!

Ibsa Qeerroo Bilisummaa Oromoo
Adooleessa 27,2020
Finfinnee Oromiyaa

Tibbana walga’iin dhaabni keenya ABO’n hinbeekne mooraa waajjira keenya guddicha Gullallee keessatti ta’amaa turuu namuu quba qaba. Walga’iin maqaa “Gumii Sabaan” waamame kun seeraaf naamusa dhaaba keenya keessatti baratameen alatti ta’amuu isaa irrayyuu amala hogganoota ABO kaleessaaf har’aa irraa faallaa ta’uun ammoo hedduu nu qaanfachiise. Itti siqeenyaan hordofaa kan turreen walga’ii kana waraanni mootummaa tiksaa turuu isaati.

Hanga beeknuttii fi arginutti Hoggantoota dhaaba ABO dabalatee Wal gahii ABOn gaggeeffatu kamuu Kan seera eegsisu Qeerroo Bilisummaa Oromoo malee waraana mootummaa akka hin taane osoo beeknu Kan waajjira ABO Gullallee jirutti guyyaa lamaan kana tahe garuu; faallaa kanaa Qeerroo Bilisummaa Oromoo isa dhaaba isaa tiksu balaaleffatanii waraana mootummaa ilmaan haadha hiyyeessaa ajjeesuun eegamuun faallaa Qabsoo keenya ABO’n durfamuuti jennee amanna.

Wayiita kanatti hogganooti ABO hedduun mana hidhaa jiraachuu fi HD ABO Jaal Daawud Ibsaa hidhaa dhaabbii keessatti utuu argamanii walga’iin kun ta’ame. Qaamni waraanaa mootummaa qaamolee walga’ii kana gaggeessan tiksaa ture hogganoota keenya gariif qondaalota ABO akkasuma miseensota dhaaba keenyaa kanneen hidhanii jiran ta’uu hubanneerra.

Yeroo hamaa sirna garboonfataa EPRDF humnaan qabsoo saba keenyaa cabsuuf deemu kanatti, waayiilummaa paartii biyyattii kana jeeqaa jiru faana uummachuuf yaaluun mataan isaa yakka seenaan wal nu gaafachiisu ta’uu himna. Sochii guyyaa lamaan kana hogganootiin muraasi kun taasisan daba ta’uuf karaa irraa kan maqe ta’uus himna. Gama kaaniin walga’ii kana dhaabni keenya ABO’n kan hin beekne irra darbee baajeta walga’ichi ittiin taa’ame illee akka duraan mooraa Qabsoo Bilisummaa Oromoo keessatti baratameen ala akka ta’e odeeffannoo qabna. Baajeta qaama shiraan ramadameen Qabsoo Bilisummaa quucarsuuf hojjechuun yakka ta’uus namuu hubachuu qaba. Kana malees walga’ii kana akka ta’amuuf akka waan HD ABO ayyamaniitti ibsa dharaa miidiyaaleef laachuu qaamolee kanaas hubannee jirra.

Sochiiwwan seer-dhablummaa amala ABO kaleessaaf har’aa hinqabne kun sochii dhaaba keenyaa gaaga’amaaf kaadhimu ta’uu kan hubatu Qeerroo Bilisummaa Oromoo gochaa farra akkanaa kanneen hojjetan dhaabni keenya qajeeltoon ilaalee naamusaaf dambii qabuun kanneen tibbana burjaajjii uumuuf yaalan kana nii gaafata amantaa jedhu qabna.

Haala hin baratamneen humni waraanaa mootummaa walga’ii kana eeguu cinatti eegdota waajjira ABO Gullallee dirqiidhaan mooraa bansiisanii seenuu fi eegdota kanneen doorsisuu, sakatta’insi waajjiira ABO Gullallee eyyama warra walga’ii ta’an kanaan waraana mootummaaf kennamee waraana mootummaan taasifamuu illee quba qabna. Qaama kaleessa dura dhaabbataa turan ofitti aanfatanii jaallan ofii qaama kana waliin itti duuluun naamuusa keenyaan ala ba’uu qaamoolee kanaa uummataaf ibsina. Kun ammoo amala warraaqtotaaf qabsaa’ota ABO kaleessaas har’aas miti. Gochaaf amala akkanaa kan balaaleffannuuf hundeen gogee akka baduuf nii warraaqna, uummati keenyas amala fokkisaa agarsiifame akkanaa hubannoon akka ilaalu gaafanna.

Walga’iis ta’ee gochaa amala jaallummaa of keessaa hinqabne kamuu farra qabsoo bilisummaa ta’uutti amanna akkasidhas. Kana dura dhaabbachuudhaafis dirqama qabsoon nutti laate qabna. Summii qabsoo bilisummaa Oromootti biifamu kamuu qolachuuf sabatiinsaan qabsoo eegalle itti fufnee jirra.

Caasaan keenya Qeerroo Bilisummaa Oromoos kana hubachuudhaan burjaajjii tokko malee sochii qabsoo isaa itti fufuu akka qabu dhaammanna. Sochiin goonus qabsaa’ota hidhamanii jiran hiiksisuu qofaaf akka hintaane hubachuudhaan sirna uummata keenya irratti kumaara siyyaasaa taphataa oolee taphataa bulu kana saba keenya irraa kaasuuf gaheef dirqama qabsoon nutti laate bahachuu akka qabnu ibsina.

Nuti Qeerroon mirga sabaafi sablammoota biroo Oromiyaa keessa jiraatanii kabajuun hireen isaanii hiree Oromoon qabu waliin wal fakkaataa waan ta’eef kabajamuu akka qabu akeekuun eegumsa isaniif gochaa qabsoo mootummaa abbaa irree irratti xiyyeeffachuun sochii keenya itti fufna.

Burjaajjii haala yeroo waliin akka hin jeeqamnee fi haala uummanni keenya keessa jiru bu’uura godhachuun qabsoo kan itti fufnu yoo ta’u; aggaammii shiraa saba keenya irratti akkasuma utubaa sabichaaf gaachana saba keenyaa ABO irratti adeemu qolachuuf akkuma duraatti sochii goonu jabeessinee itti fufna.

Nuti Qeerroo Bilisummaa Oromoo waan saba keenyaaf hintaane dura dhaabbachuuf akkasumas hacuuccaa saba kam irratti adeemu kan balfinuuf balaaleffannu ta’uu hubachiifna. Qaamolee saboota biroo Oromiyaa keessaaf saba keenya walitti diruuf sansakkaa Qeerroof naamusa qabsaa’otaan ala socho’anii miidhaa saba irratti xiyyeeffate kaasuu yaalan hadheeffannee mormina.

Kana malees; Ibsoonni adda addaa maqaa Qeerrootiin ba’an burjaajjii kan uumaan dhaabbachuu akka qabaniif namoonni gocha kana raawwatan akka irraa of qusatan jenna.

Maayii irratti, nuti Qeerroo Bilisummaa Oromoo sochii seer-dhablummaa qaama qabsoon raawwatu kamuu jabeessinee mormina! Naamusaaf sansakkaa isaa eeggatee qabsoon jabaatee akka itti fufu dhaammanna. Rakkoof roorroo hamaa saba keenya irra gahaa jiru qolachuufis bifa addaan ijaarsa isaa jabeessuun Qeerroon qabsoo itti fufee kan adeemsisu yoo ta’u, sabni keenyas jaarmiyaalee isaa jabeeffataa qaamolee qabsoo isaa utubee wal hubannoof sabatiinsa gahaadhaan warraaquu akka qabu dhaamna.

Injifannoon uummata Oromoof
Ibsa Qeerroo Bilisummaa Oromoo
Adooleessa 27,2020

1 thought on “

  1. Asham…Gufuu Qabsoo dhabbaa kenyaa Adaa Billisummaa Oromoo duraa dhabatuu fii shirraa moottummaan nafxanyaa Abiyoot kasayee tiin hogganmuu..yoom miiyuu niifashalesiin nutii Qeerroo fii Qaarreen bilisummaa oromoo..

Leave a Reply

Fill in your details below or click an icon to log in:

WordPress.com Logo

You are commenting using your WordPress.com account. Log Out /  Change )

Facebook photo

You are commenting using your Facebook account. Log Out /  Change )

Connecting to %s