Akka Afoola Jibichaa fi Sardiida Gowwaa San Akka Hin Taane Cimsinee Of Haa Eeggannu!

Aside

Baarentuu  Gadaa Irraa

Wayyaaneen Riirima,yoo of eeggachuu baatan urtee seentee nyaattee nama fixxi.  Warri murna tana akka jiraamiyaattis ta’e, akka nama dhunfaatti amanee itti hiiqe hundi balaa adda addaaf saaxilameera, saaxilamaas jira. Murna tana waliin taa’anii waan faayidaa qabu haasa’uun,karaa haqaa fi nagahaan waliin dubbachuu fi mari’achuun darbees waliin hojjechuun gongumaa hin danda’amu. Wayyaaneen murna amanamtuu miti. Naa’umsa  hin qabdu.Seeraaf  hin bitamtuu. Hojiin ishii martuu hojii kijibaa fi waliin dhahanii yeroof rakkoo bira darbuuti. Walumaa galatti murni tun isa har’a jette boru,  isa  ganama jette galgala itti hin deebitu.

Murni haala kanaan waggoota 26n darbaniif ummata biratti beekamtu kan hojiin ishii ijoon hidhaa,ajjeechaa,saamichaa fi dararaa ta’e kunoo yeroo dhihoon as eenyummaa ishii isa dhugaa dhoksitee as bahuuf tattaafachaa jirti. Osoo ummanni yeyyii ta’uu ishii addabaabaayitti beekuu gogaa hoolaa haguggattee isinan moogsa jechaa jirti. Continue reading

Barataa Medicine Waggaa 6ffaa Yuunibarsiitii Jimmaa fi Barreessaa Kitaaba ‘’Hidhaa Moo Hidhannoo?’’ jedhu kan barreesse barataa Falmataa Bayeechaa Hundee Adamoo Waraana TPLF Jalaa Miliquun Biyyaa Bahe.

Aside

Waxabajjii 6/2017 Barataa Medicine Waggaa 6ffaa Yuunibarsiitii Jimmaa fi Barreessaa Kitaaba ‘’Hidhaa Moo Hidhannoo?’’ jedhu kan barreesse barataa Falmataa Bayeechaa Hundee yeroo dheeraaf humnoota tikaa fi Waraana komaandii Poostii wayyaaneetiin ajjeechaaf barbaadamaa kan ture afaan Diinaa jalaa miliqee bahee jiraachuu madden Qeerroo gabaasan. Barataa Falmataa Bayeechaa Hundee Gamtaa Barattoota Oromoo GBO bu’uuressuu fi hanga hoogganuutti illee gahee guddaa nama qabudha.
Sabboontota dargaggoota Qeerroo Oromoo Sochii Warraaqsaa Biyyoolessaa Oromiyaa Ebla 11/2014 irraa eegaluun bifa qindaa’een qabsiisan keessa nama tokko ta’uun beekamaadha. Continue reading

Culluxxoo Siyyaasaa!

Aside

Dachaasaa Deebisaatiin

Baroota dheeraaf qabsoo abboonni keenya itti wareegamaa as gahan harkaatti galfachuun gartuun eegamtuu wayyaanee OPDOn sagaleen haalaakaa turun waanuma baratame. Baroota 90 keessa afaan marartoon sagalee ciratanii, haaromsaan of suphuuf maggaaluun bultii waggoota muraasaa itti tajaajilamaa turan. Kanumatti dabaluunis dhaaba uummatichaa ABO irratti duula jibbiinsaaf summii diinummaa biifuuf
‘documentary’ dhoqqee cubbuun faalame dalagatanii isaaniis halkan muraasa bulanii jiran. Akkasuma gartuu hiyyumaan gadadamu walitti coruun akka waan WBO barbadeessaniitti miidiyaa isaanii midiyaa dhugaa faana laga gamaaf gamanaan dhaadataa turuun OPDO eenyu dura kan dhokate miti. Continue reading

OPDOn Tartiiba Qubee Afaan Oromoo A B C D….Z Ture Jijjirte!

Aside

Baarentuu Gadaa Irraa

Image result for ABCD oromoBiiroon Barnoota  OPDO Oromiyaa keessatti tartiiba qubee Afaan Oromoo A B C E F….Z   ture  jijjirudhaan  tartiiba haaraa L irraa eegalu uumee kitaaba barnootaa maxxansee barsiisuu eegaluun wal qabatee gutummaa Oromiyaa keessatti  ummanni Oromoo keessumaa barattoonnii fi barsiiftonni mormii guddaa muldhisaa jiru.

Akka gabaasa kanaatti  biroo barnoota Oromiyaa kena jedhamuu fi kan jalee wayyaanee OPDOn hogganamu  jiru  qormaata gahaa fi sababa  ifa ta’e osoo lafa hin kaa’iin  tartiiba qubee faaan Oromoo waggota hedduuf, Odoo OPDOnuu hin ummamin hojiirra oolaa ture  tartiiba isaa faalleessuun isa ummanni Oromoo fi saboonni kuunilleen ittiin beekan A B C D…..Z jedhu jijjiruun  ka’uumsa isaa L.. …..taasisuun kutaa 1- amma 8tti  kitaaba maxxansee barsiisuu eegaleera.

Jijjiramuu  tartiiba qubee afaan Oromoo  kanaaf sirnichis ta’e ogeeyyiin afaanii amma ammaatti ibsa ballaa fi sababa isaa kan lafa hin kaa’iin yoo ta’u; Barattonnii fi barsiiftonni manneen barnootaa  adda addaa gutummaa Oromiyaa keessa jiran deemsa kana ifatti balaaleeffachaa akka jiran gabaafameera. Continue reading