Gartuun TPLF/OPDOn Jijjiirama Qubee Afaan Oromoo Irratti Ganda Gandaan Ummata Walitti Qabuun Afaan Fajjessaa Jiru.

Aside

Waxabajjii 10,2017 /Godina Addaa Oromiyaa Naannawa Finfinnee Bulchiinsa Magaalaa Aqaaqiitti marii haala yeroo jechuun ganda gandaan ummanni walitti qabamee haala jijjiirama Qubee Afaan Oromoo jechuun ummata afaan faajjessaa jiraachuun dhagayamee jira. Akka gabaafni achii arganne himutti  Addi Bilisummaa Oromoo ABOn Qubeen jijjiiramuu hin qabu jedhee Qubee mootummaan Barattootaf haala fooyya’aa ta’een dhiyeessaa jiru qeequun ummata Fincilaaf kakaasaa jira jechuun kaabinoonni ganda gandarra ramadamanii ummata afaan faajjessaa jiraachuu maddeen keenna naannawa sanii gabaasanii jiru

Godina Addaa Naannawa Finfinnee Bulchiinsi Naannoo Sabbataa Xaa’oon Ummataaf Akka Hin Raabsamne Dhorkaa Jira.

Aside

Waxabbajjii 10,2017 /Godina Addaa Naannawa Finfinnee Bulchiinsa Magaalaa Sabbatatti Xaa’oon namoota harka qalleeyyiidhaaf gurguramaa akka hin jirre maddeen oduu keenya gabaasanii jiru.akka gabaasni achii nu gahe addeessutti Xaa’oon gatii qaalii ta’uu irraa kan ka’e namoonni harka qalleeyyiin bitachuu akka hin dandeenye gochuun bulchiinsi magaalattii ummata ittiin saamaa jiraachuun dhagayamee jira

Loltooti Wayyaanee TPLF Godina Lixa Shaggar Magaalota Gara Garaa Keessatti Ummata Jeeqaa Jiraachuu Qeerroon Gabaase.

Aside

Waxabajjii 10,2017, Godina Shaggar lixaa aanaa Ginda_barat,magaalaa Ginda baratii fi magaalaa Kaachisitti loltooti sirna  Wayyaleenee uummata dararuu itti fufaa jiraachuu Qeerroo Gindabarat fi kaachisa gabaasan,erga baatii lamaa hanga amma galgaala galgaala yeroo Mara sa’a lamaa booda namni kamuu dandiirra deemuu akka hin dandeenye fi reebichi hamaa ilma namaaf hin barbaachifne akka uummata irratti raawwatamaa jiru gabaasi Qeerroon ni addeessa. Continue reading

Ergamtichi Wayyaanee Lammaan magarsaa maqaa misoomaatiin uummata magaalaa Naqamtee goolaa akka jiru Qeerron gabaase.

Aside

Waxabajjii 9,2017/Ergamtoonni OPDO,f amanamoo ta’uun uummata oromoo nagaa dhorkaa turan ammas guutummaa golee oromiyaa keessa oliif gadi deemuun uummata oromootti gurra duuchuu isaanii itti fufanii jiru.
Haaluma kanaan murni bicuu gogaa hoolaa uffachuun uummata oromoo bukkeetti fudhatama argachuuf jecha sobaan hololuun beekamu maqaaf  peresdaantii mootummaa naannoo oromiyaa kan ofiin jedhu lammaan magarsaa torban kana guutuu godina wallagga bahaa magaalaa Naqamtee fi naannoo ishee keessa oliif gadi adeemuun maqaa misooma sobaatiin uummatatti hololaan lafa dhiphisaa jiraachuu isaa  qeerroon gabaasee jira. Continue reading

Magaalaa Jimmaa Keessatti Galii Gibiraa Kaffaluu diddan jedhamuun Uummatarratti Mana Cufuun Itti Fufe.

Aside

Waxabajjii 7,2017 Duulli karaa ergamtuu diinaa OPDO uummatarratti dalagamu itti fufuun, guyyaa torbaa oliif magaalaa jimmaa keessatti gibira kaffaluu diddan jedhamuun aangoo seeraan alaa fayyadamuun mana daldalaa uummatarratti cufuun itti fufe. Haalaa kana keessatti daldaltoonni danuun hanqina maallaqaaf jecha akka malee miidhamaa jiraachuun dubbatame.
Bakkeewwaan magaalicha keessaa irratti xiyyeffatamee cufamaa jiru Qocii, Ajiippii, Naannoo Ginjoo Guduruu, Jireen, Kuulloo Barrii fi kanneen kaan keessattillee duullu mana daldalaa samsuu cimee itti fufee jira

Qubeen Afaan Oromoo Qabsoon Argame Qabsoon Tikfama.

Aside

Bittootni Itophiyaa seenaan ummata Oromoo, aadaa fi afaan isaa akka hin dagaagne, hin baratamnee fi hin beekamne taasisuu irratti baroota dheeraaf hojjatan. Dhabama aadaa, afaanii fi seenaa ummata Oromoo irratti kan ofii dagaagfatuun akeeka bittootaa waan tureef wanneen eenyummaa Oromoo mul’isan hundi ugguramoo kan ittiin hin baratamne, ittiin hin hojjatamnee fi ittiin wal hin quunnamamne taasifamuun dhabamaatti dhiheeffamaniii turan.

Bittootni eenyummaa Oromoo dhabamsiisuuf yaalii ol aanaa godhan illee beektotni Oromoo garuu matayyaanis tahe gareen dhabama irraa hambisuuf gumaachi godhan ol aanaa dha. Afaan Oromoo afaan quunnamtii qofa osoo hin taane Afaan hojii fi barnootaa akka tahuuf yaaliin baroota dheeraaf adeemsisan milkaa’ee Afaan hojii fi kan barnootaa kan tahe waggoota 26n dura bara 1991 keessa tahuunis ni yaadatama. Continue reading