Baarentuu Gadaa Irraa
Isa dhaabbataniif ammanummaa fi jab
inaan falmuun kabajaa namaa laata, Injifachuunis hin oolu. Kaayyoof wareegamuun oolee haa bulu malee gatii guddaa qaba. Namni ykn jaarmiyaan kamuu, eeyniyuu dhugaaf cichinaan milkiin kan isaati. Injifataanis isa.
Isa dhugaa dubbatu, isa haqaaf dhaabbate, isa walqixxumaa fi bilisummaaf falmu inni haqa dabsu, inni nama ajjeesee saamu, inni kijbu hin jaalatu. Haqa dabsaa fi kijibaan karaa isaa danda’ame hundaan sagalee nama dhugaa dubbatuu ukkaamsuuf yoo tattaafatu argaa fi dhagahaa jirra. Kijibdoonni sobaa fi holola fakkeessii afarsaniin sagalee dhugaa ukkaamsuuf yaalaa turan, yaalaas jiru. Horii dhanglaasanii dhugaarra aanuuf tattaafatu. Wayyaaneen impaayeera itiyoophiyaa bulchaan jira jettus wanti ishiin waggoota 26n darban raawwachaa turtee fi jirtu kanuma. Haqa dabsuuf, sagalee ummataa ukkaamsuuf wanti murni tun hin raawwatin hin jiru. Keessumaa SBO fi Sagantaa TV Gaaddiisa dhugaa jedhamu irra deddebiin ukkaamsuuf yaaltee jirti. Continue reading →
Share this:https://www.gofundme.com/8bds2wgk