Baarentuu Gadaa Irraa
Wayyaaneen waggaa waggaadhaan guyyaa diyaaspooraa jettee erga holola eegaltee waggoonni muraafni lakkaawwamaniiru. Baranni waggaa 3ffaadha.
Murni tun guyyaa kanaan dahattees ilmaan sabootaa dararaa ishii baqatanii biyyaa bahanii fi sababoota adda addaatin biyyoota alaa jiraatan ofitti hawwachuuf hololaa turte, ittis jirti. Lafa argattuu, ni duroomtu, mana ijaarrattu jechuun horii isaan dafqanii argatanis harkaa sassaabbachaa turte, ammas caalaatti saamuuf iyyaa jirti. Continue reading
Waxabajjii 20,2017/ Godina Wallaga magaalaa Naqamtee fi naannoo ishee keessatti rakkoon addaan ciccituu ibsaa fi bishaaniin wal qabatee uummanni magaalichaa rakkoo hamaaf saaxilamaa jiraachuun himame.
Waxabajjii 18,2017/Harargee Bahaa Magaalaa Haromaayaa keessatti Milishoonni Wayyaanen leenjifte eebbifamuun hojirratti bobba’uun guyyaa kaleeysaa uffanni seeraa waajjira nageenyaa aanichaatiin bitamee hiramuu fi waraqaan ragaa adda addaatiis kennameefii jiraachuun dhagayamee jira