Mootummaan Wayyaanee Uummatarratti Gatii Suukkaaraaf Zayiittii Dabale

Aside

Adooleessa 22/2017/ Daldallii karaa Sukkaaraaf Zayiitaan mootummaan taasisu iratti magaalaalee irraa qabee hanga baadiyyaatti uummannii hiriiraan akka bitataa tureef sanuu tibbaa irraa kutaa turan ibsaa turuun keenya nii yaadatama. Haala kana keessatti biyyattiin saatii kufaatii dinagdee keessa seenaa jirtutti mootummaan waa maraan uummata saamaa jiraachuun akkaan mufachiise jira. Daballii Sukkaaraaf Zayiitaa kana keessatti miidhamaan uummaataan ala Namoonni miseensa ta’an yeroo gara yerootti Zayiitaa, Sukkaaraaf Kaardiin manatti akka dhaquuf baramee jira. Koompoonii gurgurtaa mi’oota kanneeniis uummataaf tokko kan laatan jaleewwaan mootummaa lamaaf isaa olfudhachuun gaafa uummanni bittaaf dhaqu akka dhume himuun hawwaasa balaa keessa galchu. Haallan kana keessattu uummataarraa Zayiitaa, Sukkaaraaf kaardii kutuun uummata gidirsaa jira. Namoota maatii danuu qabaniif kaneen namoota muraasa qabaniifis hangi gurguramtu sunuu xiqqaa ta’uuf irrattuu gatii dabaluun dubbatame.

22 July, 2017 23:51

Aside

Adooleessa 21 _2017 Kutaa finfiinnee magaalaa buraayyuutti amma ganama kana lukkeelee wayyaanee uummata nagaan deemu tumaa ykn reebaa jiraachuu qeerroon addeessan,naannooma sana kattaa bakka jedhamutti duulli gabaa lagannaa akkuma itti fufetti jira gabaasa biraa dudduubaan..

22 July, 2017 23:49

Aside

Adoolessa 22,2017/Arsii Lixaa Magaalaa Shaashamannee keessatti galgala kana Daandilee hundarratti waraanni Wayyaanee Ummata Daandirra deemu hunda sakatta’aa jira. Sababni isaan Umnata itti sakatta’aniif garuu maal akka ta’e beekuu hin dandeenne jedha gabaasni Qeerroo irraa nu gahe

Odeessa FXG Oromiyaa Keessaa

Aside

Adoolessa 20_2017

received_827797797378961Godina Wallagaa aanaa Gudayyaa Biilaa irraa,ummaanni gudayyaa  biilaa sababa lukkeelee Sirna nama nyaataa mootummaan wayyaanee mirga hiree namummaa fi qabeenya uunfaa ofiitti fayyadamu sarbamnee murtoo balleessanii baduurra geenyeerra jedha qeerroon gudayyaa Biilaa.
  Ummanni gudayyaa Biilaa jiraachuuf gutummaa guutuutti mirgi keenyaaf sarbameera,Ifaa erga arginee bara hin qabu ofumaa muka poolii qofaatu dhaabata,qabeenya Rabbi in nubaadhaase hedduu otoo qabnuu mirgi hiree jiraachuu keenyaa Jala kaattuu mootummaan wayyaaneef jecha jiraachuu jibbinerra.hubadhaa kanoo kaani:midhaan nyaataallee bakka itti daakkaannu dhabnee uummanni umaatti jira.dhakaan midhaan daaku kan humna ibsaan tajaajila Kennu sababa Ifaa gutummaa guutuutti balleessaniif ummanni tajaajila hin arganne,kan bobaadhaan midhaan daaku immoo badiyaa keessa darbee darbee jira,isa namni kamuu akka hin fayyadamne orkamanii jiru,sabaabni orkamuusaas yoo ummanni rakkoo beelaa keessatti kufe dirqamaan kaffaltii gibiraa humnaan olii kana kaffaltu jechuun lukkeelee wayyaanee Warreen burjaajooftu uummata irraa dhalatte doorsisaa jiraachuu qeerroon gudayyaa addeessan.

Continue reading

Godina Harargee lixaa Aanaa Dadar Magaalota Aanaa Jiranii Keessatti Diddaan Gabaa Lagannaa Itti Fufe.

Aside

20156176_457699434599651_1355209687973388656_njalatti Argaman keessatti lagannaan gabayaa itti fufeeti jira Qobbootti Lagannaan gabaa roga hundaan godhamaa kan jiru yoo ta’uu wayyaanen daldaltoota walitti qabdee dirqamaan gara hojii keessanii akka deebitan jettee doorsisaa jirti.daldaltoonnis gibirri humnaa ol nutti fe’ame kan doorsisa kamuu kan nu sodaachisuu miti.nuti waan waggaa kudhanitti dalagannee hin arganne waggaa tokkotti mootummaadhaaf kaffaluu maaltu fide osoo hin hojjanne jiraachuu ni dandeenya jechuun ergamtoota wayyaanee ufirraa oofaniiti jiru. Continue reading

Godina Arsii Aanota Hedduu Keessatti Barruuleen Warraaqsaa Qeerroon Tamsa’aa Jira.

Aside

Adoolessa 19,2017/GODINA Arsii Aanota hedduu  keessatti Barruulen waamicha FXG  Gibiraan wal qabatu bal’innaan facaafamaa jiru.Magaalota Akka Roobee Diida’aa,  Siree, Soloist,  Seerofta,  Boqqojjii, Lemmuuf Bilbiloo,  Xannaa(Xiicho) Wandoo Gannat, Eddoo, Dheeraa,  Itayya, Asallaa, Sagureef  Magaalota hedduu  keessatti maxxanfamaa Fi facaafamaa kan jiru yoo ta’uu guyyoottan Itti  aananis bifa  gara garaatin  Ummataaf waamichaa kan godhu ta’uu  Qeerron  Aanota  Garagaraa irraa qophii xummurachuu gabaasee jira Continue reading