Category Archives: Oduu/News
Abbaan irree Wayyaanee uummata Oromoofi ollaa isaa nagaan waliin jiraatan walitti buusuuf shira xaxuu itti fuftee jira.
Aside
Fulbaana 21/2017 Uummata nagaafi jaalalaan baroota dheeraadhaaf waliin jiraataa tureefi kabaja waliif qabaataa tiksee wal jiraachisaa kan ture, mootummaan wayyaanee uummanni kun nagaan akka waliin hin jiraanne shira gurguddaa xaxuudhaan dantaa siyaasaashee geggeeffachuuf hojii erga eegaltee bubbuleera. Tooftaa dulloomaa kanaanis milkaa’uu kan dadhabde mootummaan wayyaanee, kan caaluyyu uummanni ollaa walii ta’e kun nagaan akka waliin jiraatuufi jaalala waliif akka qabaatu tasisaa jirti. Dabalataanis, uummanni Oromoo guutummaan mootummaa nama nyaataa kanarraa jibba guddaa akka qabuufi tokkummaadhaan shira ishee fashaleessuuf halkanii guyyaa akka hojjetu, akkasumas ija addunyaa duratti aadaafi duudhaa wal jaalalaa duraanuu qabu akka mullatu taasisteetti! Continue reading
Wayyaaneen TPLF Abdii Kutatee Basaasota Gandaa Leejisaa Jira.
Aside
Fulbaana 21/2017
IBSA GABAABAA GAMTAA BARATTOOTA OROMOO (GBO) IRRAA BARATTOOTA OROMOOFI UMMATA OROMOO HUNDAAF DABARFAME
Aside
Mootummaan abbaa irree Wayyaanee Sochii Warraaqsa Biyyoolessa Oromiyaa FXG fi Qabsoo bilisummaa Oromoo roga hundaan hudhee isa qabee jiruufi kufaatii kallattii hundaan isa muudate keessaa ba’uudhaaf yeroo gara yerootti bittaa umrii dheereffachuuf shira hamaa Ummata Oromoo irratti xaxaa akka tureefi itti jiru beekamaadha. Yeroo ammaa lolli maqaa Liyyuu Haayilii Sumaalee golgatee daangaa Oromiyaa Bahaan, Kibaaafi Kibba Bahaatiin waraana ifatti Uummata keenyarratti banamee gaggeeffamaa jiruun ajjeechaan jumlaa, Continue reading
Tapha Siyaasaa/Qumaara Siyaasaa Oromoo Irratti Murna Wayyaanen Taphatamaa Jiru.
Aside
Waan Oromoo irra gahaa ture dararaan uummataa hidda jabeeffachuuf munyuuqaa jiraachuun beekamaadha. Haalli Oromoon keessa jiru amma haalli qabsoo Qeerroo Bilisummaa Oromoo ammaa kun kan akka amna darban faana wal kiphu miti. Sochiin diinni qiyyeeffatee Oromoo irrarti raawwataa jiru danabaalee jira. Kan uummaanni taasisus akkanuma. Taphni siyyaasaa TPLF’f garaaf bultoota ishee OPDO tapha bakka lamatti qoodamuudha.
- Tapha Adii yknTapha Mul’ataa
- Tapha Gurracha ykn Tapha Dhokataa
- TAPHA ADII/ MUL’ATTUU
Tapha Tigirooti gartuu arcaatuu ilmaan Oroomootti akka silmii maxxantee dhiiga xuuxaa turte OPDO faana gaggeessan keessaa kan dursa hojolmaa ykn hoojirra olmaan ariifatee socho’udha. Tapha kana ariitiin akkuma isaan uummatarratti gaggeessan ariitiin baruuf nii salphata. Iciita tapha Adii kana ariitiin hayyoonni Oromoos Oromoonis nii bara. Taphni kun yeroo hedduu waan bakkee duraa bahuuf gufuu heddata. Milkii isaarra Miilla Qeerrootu ejjetee Hiddii fardi irra ejjete godha. Tapha kana yeroo sardamsaa falaaf malli dhibu ariitiin itti seenu. Taphni kun gaafa gufuu jajjabaa godhatuuf danqaraan itto hammaatu tapha biraa jijjiiru. Continue reading