Category Archives: Oduu/News
Liyyuu Poolisiin Wayyaanee Lixa Oromiyaanis Ummata Irratti Duula Banuun Isaa Beekame.
Aside
Ibsa Qeerroo Bilisummaa Oromoo, Fulbaana 26,2017
Aside
Gogaa Saboota ollaa Oromiyaan Daheffatanii OromooIirratti Waraana Labsuun Dhaabbatuu qaba!
Qeerroo Bilisummaa Oromoo
Fulbaana 26, 2017
Biyya impaayera Ethiopia keessatti sirni garboonfataa hidda gad jabeessee jiraatuun haaraa miti. Sirna garboonfataa abbaa Irree Wayyaanee waggoota 26’f ilmaan Oromoo fi saboota cunqurfanoo impaayera biyyatti haalmalee saamuun biyyattii irratti rakkoo hamaa geessisaa yoona gaheera. Yakkoota ilmaan Oromoo irraan gahaa turan keessaa hayyoota dhabamsiisuu, hidhuu, reebuu, Shamara Gudeeduu keessatti project hamaa hojjetaa turuun Wayyaanotaa beekaamadha. Haaluma kanaan oladeemaa Oromoo mooraa Yuunibarsiitiif manneen barnootaa irraa sektaroota mootummaa garaagaraaf hawwaasicha keessaa adamsanii qabanii lubbuun dhabamsiisuu irratti hojjetaniin lubbuu isaanii yoonaa gahatanii jiru. Keessattuu gocha mana hidhaa keessatti ilma namaa irraan gahaa turanif itti jiran yaadannoo sammuu namaa keessaa bilbiludha. Ilma namaa fannisanii guyyoota dheeraa dararuu, torch godhanii xiinsammuu isaa hadoochuuf yaaluu, limmoon quba namaa waraanaanii dhibee daddarboo kanneen akka HIV fii kabiroof saaxiluu, bakka namni hinargine geessanii bosona keessatti ajjeesuun al-awwaala gochuun maatii karaa eegsiisaa, biyya karaa ilaalchisaa hanbisaniiru. Kun keessattuu sabboontota akka Nadhii Gammadaa, Artist Jireenyaa, Hayyicha Dabbasaa Guyyoo fi oladeemtota barattoota Yuunibarsiitii Finfinnee Adaamaa, Wallaggaa, Madda Walaabuu, Haramayyaaf Jimma dabalatee Yuunibarsiitoota danuu keessaa dhabaman danuun yakka garajabummaa Wayyaaneen bakki buuteen isaanii dhabamee jiraachuun beekamaadha. Yakka kana yakkoota sammuu Oromoo umurii guutuu dararaa hanbisan yakkoota aarii hamaa keessatti nama hanbisan dalagaa turtee jirti. Keessattuu qote bultoota lafa irraa buqqaasuun duroomuu, qee’ee isaarraa buqqaasuun beenyaa gahaa tokko malee maatii karaarraas nu gootee jiraachuun beekamaadha. Har’as yakkoota sana fardeessitee jirti. Qabsaa’ota haqaa, Artistoota Oromoo fii Oromoo hedduu Oromummaasaaf yakkamuun manneen hidhaa keessatti dararamaa jiru. Continue reading
SBO Fulbaana 27,2017. Oduu, Dhumaatii Irreecha irratti Onkoloolessa 2 bara 2016 mootummaa wayyaaneettin Raawwatame ilaalchisuun Gabaasaa HRW tibba darbe baase kessatti hirmaachuun Qooda guddaa kan qabu Dargaggoo Lammii Beenyaa Waliin gaaffii fi deebii taasifame kutaa 2ffaaf isa Xumuraa fi itti fufa Yaada Hirmaattota Kora Sabaa ABO 4ffaa akkasumas SBO sagantaa Afaan Amaaraa.
Aside
Tapha Wallee Dhaamsa Jabaa Qabu.
Video
Wayyaaneen TPLF maqaa dhaabbata Lotorii biyyoolessaa jedhuun tooftaa saamichaa bal’isaa jira.
Aside
Yaaneet Dinquu fi Caalaa Bultuume: “Abbaan Biyyaa Oromoo Dha Yaa Qeerroo”
Aside
Wallee Warraaqsaa Hawwisoo QEERROO Bilisummaa Arsaan Dhiigaa
Aside
Mootummaa Wayyaanee raayyaa ittisa biyyaa jedhe beeksisa baasee jiraachuun beekame.
Aside
Fulbaana 25,2017/ Namoota haalli jireenyaa rakkisuudhaan gara wallaalchise walitti guuree raayyaa ittisa biyyaa jechuun dargaggoo funaanaa kan ture mootummaan abbaa irree Wayyaanee, har’as itti fufuudhaan dargaggootaaf beeksisa baasee akka jiru odeeffannoon kutaalee Oromiyaa adda addaa keessaa arganne ifoomsee jira. Dargaggoonni Oromoo carraan barnootaa isaan rakkisuufi haalli jireenya hawaasummaa isaanitti ulfaachuudhaan tarkaanfii raayyaa ittisa mootummaa wayyaanee ta’uudhaan hojjechuu ofirratti fudhataa akka turan namui quba qaba. Akkuma baroota darban irraa hubachuu dandeenyutti, ilmaan hiyyeessaafi harka qalleeyyii barnoota gahaa hin qabne funaanuun leenjii waraanaa kennee uummatyma ofiitti bobbaasuudhaan hojii diinummaa akka hojjetan taasisaa kan ture mootummaan Wayyaanee, yeroobammaa kanas hojii kanaaf carraaqaa akka jiru madden eeraniiru. Dargaggoota Oromoo gara humna waraanaatti fiduudhaaf tooftaa adda addaa fayyadamaa kan turte mootummaan Wayyaanee, tooftaa kanaanis milkaa’aa turteetti. Karaa itti dargaggoonni Oromoo gara leenjii waraanaatti seenuun humna ittisa wayyaanee ta’an keessaa tokko, dargaggoota biyya keessaa nageenya booressitan jechuudhaan Continue reading
Wayyaaneen TPLF Shira Saboota Walitti Buusuu Itti Fufee Jira.
Aside
Fulbaana 25,2017 Mootummaan Wayyaanee shira Oromoofi ollaa isaa walitti buusuu xaxaa turte ammas itti fufuun daangaalee Oromiyaa adda addaa keessatti rakkoon uumamaa akka jiru dhaga’ame. Yeroo dheeraadhaaf uummata nagaan waliin jiraataa ture walitti buusuudhaaf mootummaan wayyaanee adeemsa adda addaa deemaa turteetti. Uummata Oromoo oromiyaa bahaafi kibba baha Oromiyaa jiran uummata somaalee waliin walitti buusuudhaan nageenyi akka dhabamu taasisaa kan turteefi lubbuuf qabeenyi uummataa akka badu taasisaa jirti. Sababii walitti bu’insa kanaatiinis lubbuun oromoota hedduu kan darbeefi miidhaan ulfaataan uummata kanarra kan ga’e yommuu ta’u, Continue reading