[01/12/2017]
Magaalaa Harar keessa diddaa shira wayyaaneetiin lafa Oromoo naannoo Harariitti muranii jalatti buluu fi saamicha lafaa maqaa naannichaatiin wal qabatee mormii guddaatu ture.
Dhimma uummanni Oromoo qe’eetii buqqaafamuufi ajjeefamuu balaaleffachuudhaan uummanni Harar sagalee isaanii dhageessifataniiru. Maqaa Liyyuu hayilii somaaleetiin uummanni guyyuu ajjeefamuun akka dhaabbatuufi hidhamtoonni siyaasaa mana dabaa wayyaanee keessaa akka lakkifamaniif sagalee mormii isaanii dhageessisaniiru.
=====
Barattootni Yuunivarsiitii Haramaayaa mooraa gadi dhiisanii ba’uurraa kan ka’e waraanni wayyaanee naannoo magaalaa Baatee fi Magaalaa Haramaayaa keessa marsee barattoota adamsaa jira.
Sirna mootummaa wayyaanee mormuufi qajeelfama mootummicharraa ba’u mormuudhaan barattoonni mooraa lakkisanii kan ba’an yommuu ta’u, waraanni mootummaa wayyaanee magaalaa keessa deemuudhaan barattoota dararaa akka jiru dhaga’ame. Barattoonni kun uummata magaalattiidhaan simatamanii kan tajaajila barbaachisu kan argatan ta’uyyu haalli jireenya isaanii magaalaa keessatti yaaddessaa ta’uu odeeffannoon arganne ifa godha. Poolisoonni Oromiyaafi korri bittinneessaa magaalaa keessa socho’uudhaan akka barattoonni humna waraanaa wayyaaneen hin qabamne tumsaa akka jiranis maddeen gabaasan. Continue reading

[SQ,sadaasa,29,2017] Sirni awwaalcha qabsaa’aa Oromoo qeerroo Falmataa Urgeessaa har’a saa’atii 7:00 irratti magaalaa Shaambuu bakka hiriyoonnii fi firoottan isaa akkasumas qabsaa’onni hedduun jiranitti raawwatamera. Falmataan Qaroo sabaa nama qabsoo Oromoo har’aa gahee keessatti qooda fudhataa turedha


