Godina Harargee Bahaa Aanaa Meetaa Magaalaa Calanqootti Yakki Duguuginsa Sanyii (Genocide) uummata Oromoo irratti Rawwatameen Lubbuun ilmaan Oromoo hedduun wareegameera.
Muddee 11/2017 Godina Harargee Bahaa Aanaa Meettaa Magaalaa Calanqoo lafaa seenaa, Aradaawwaan Dusee fi Garmmaam jedhaman irratti Waraanni Liyyuu hayilii Somaaleefi Makalaakiyaan Wayyaanee Yakkaa Duguginsa Sanyii (Genocide) uummata Oromoo irraatti gaggeeffameen Lubbuun Ilmaan Oromoo hedduun akka wareegame ifa ta’eejira. Mootummaan Abbaa irree Wayyaaneefi Mootummaan Naannoo Somalee Yakka waraanaa uummata Oromoo irratti banaan itti fufinsaan gaggeessuun lubbuu ilmaan Oromoo barbadeessaa, qe’eefi qabeenyaa irraa buqqisaa duula sanyii balleessuu itti fufinsaan gaggeessa jiru. Mootummaan Naannoo Oromiyaa wayita yakki ulfaataan akkasii kun uummatarraatti gaggeeffamaa jiruu tarkaafii uummatarraa ittisuu fudhachuu hanqachuun isaafi Continue reading
Mudde 11/2017 Guyyaa Har’aa Yaakka Duguuginsa Sanyii (Genocide) Uummata Keenya Harargee Bahaa Aanaa Meettaa Magaalaa Calanqoorratti Rawwatame Irratti Dubbii Himaan OPDO 
[SQ, mudde 11, 2017]Mormii sirna mootummaa Wayyaanee Mooraa Yuunibarsiitii biyyattoo keessatti jabaatee adeemaa jira. Mormiin barattootaa kun babal’atee saatii adeemaa jiru kanatti biyyattii tasgabbii dhowwachuuf waraanni wayyaanee doorsisa barattootaaf yakka ajjeechaa raawwachuu ittu jabeesse. Haaluma kanaan guyyaa har’aa barattoota Oromoo fi barattoota Amaaraa wal ta’uun balaaleffannaa mootummaa irra jiru. Addatti yakka Yuunibarsiitii Addagiraat keessatti barattoota Oromoof Amaara irratti raawwataa jiru kan hadheeffatan ta’uus gabaafame.
[SQ, Mudde,3,2017] Lixa Oromiyaa Baha Wallaggaa Magaalaa Nuunnuu Qunbaa keessatti barsiisaa Taaddasee Hordofaa jedhan miseensa paartii Mormituu KFO kan ta’an Wayyaaneen ukkaamsitee turuun ishee nii yaadatama. Yakka jibbiinsa Oromummaa isaanii qofaaf wayyaanee irratti raawwatte kan balaaleffatan uummanni Nuunnuu Qunbaa Qeerroo waliin ta’uun deggarsa barbaachisaa taasisaafii jiraachuu gaabsni Sagalee Qeerroo Bilisummaa Oromoo gahe ifa taasisa. Haaluma kanaan barsiisaan kun uukkamfamanii kan jiran yoo ta’u ardaaf qe’ee jaallatamaa barsiisaa kanaa wal ijaaruun barattoonni magaalattiif naannoo ishee deggarsa barbaachisaa maatii isaaniitiif taasisaa jiru. Kellaa mana jireenyaa isaanii bifa hawwataan ijaaruun uummanniagaalattiis deggarsa taasise. 
