Mudde 11/2017 Guyyaa Har’aa Yaakka Duguuginsa Sanyii (Genocide) Uummata Keenya Harargee Bahaa Aanaa Meettaa Magaalaa Calanqoorratti Rawwatame Irratti Dubbii Himaan OPDO Addisuu_AraggaaDhugaa Uummata Oromoo Awwaalaa jira.
1ffaa. Uummata Meeshaa Maleeyyii Qe’ee isaarratti Waraanaa Makalakiyaa Wayyaaneetiin duulli duguuginsa sanyii irratti gaggeeffamaa jiruun “Miira_Keessa_galanii Hiriira Waan bahaniifi Walitti Bu’insa Uumameen …” kan mudatedha jedhee fuula Facebook isaa irratti maxxansee jira. Kun uummata qe’ee isaarratti waraannii irratti bobbaafamee karaa meeqaan dhumaa jiru irratti qoosuufi dhugaa uummataa awwaaluudhadha. Uummaatni Gaaffii mirgaa karaa nagaa gaafate. Ilmaan isaa wareegaman awwaallachuu dadhabe, ittumaa Erga Magalaakiyaan Magaalaa Calanqoofi naannoo isheetti Uummatarratti dhukaasa kallattiin bananii uummata Fixanii booda uummaanni daandii kan cufuu eegale, dhumaatii uummata keenyaarratti gaggeeffamaa jiru dhoksanii gadi xiqqeessuuf yaaluun ajjeechaan hin dhaabbatnen itti fufinsaan uummata fixuuf akka jiran argisiisa, OPDOn gaafatamaa seeraafi seenaa jalaa hin baatan.
2ffaa. Dubbii himaan OPDO kun itti dabaluun lubbuu Ilmaan Oromoo Jumlaan Wareegaman gadi Xiqqeessuun
namoota #6tu sababaa #walitti_bu‘insii uumameen lubbuun wareegame jechuun wareegama ilmaan Oromoo illee gadi xiqqeessuun dhoksuuf yaalii gochaa jira. Hanga amma yaada ibsaa jirutti Lubbuun ilmaan Oromoo 27 Ol wareegamee kan jiruufi namootni 40 olitti lakkaawwaman madaa’anii haala ulfaataa keessatti argamu.
Fkn : Araddawaan A/Meettaa Calanqoo Ilmaan Oromoo irratti Wareegaman keessa:
-Sarkammaatti namoota 7
-Duseetti namoota 9
-Calanqootti namoota 7
-Qullubbiitti namoota 4
Kanneen hangi tokko hospitala Calanqoo galanii kan jiran yoo ta’uu namoonni hedduun mana gaalaa utuu hin qaqqabiin haala ulfaataa keessatti argamu.
3ffaa. Poolisiin Oromiyaafi Korri Bittinneessaan Oromiyaa Magaalaa Calanqoo Keessa durumaan hidhannoo hiikkachiifamanii akka baafamaaniifi Waraanni Makalakiyaan yeroo qubsiifamuu Mootummaan Naannoo Oromiyaa ofiin jedhuu quba qaba!!, Uummaatni itti fufinsaan waraanni Makalaakiyaa maaliif nurra qubsiiftan jedhee gaaffii wal irraa hin citne gaafachaa ture. Qaamni gaaffii uummataaf gurraa qabu hin jiru.
Kanaafuu Yakkaa waraanaa Gochaa Duguginsa Sanyii mootummaan wayyaanee uummata keenyarratti rawwachaa jirtu dhoksuuf kana hundaa kuftee ka’aa kan jirtu Caasaan ergamtuu wayyaanee kun gaafatama guddaa keessa bahuu hin dandeenye keessa galtee jirti.
