
Seenaan Suukkanneessaa Anoolee Fi Calanaqoo Kaleessa Minilikii fi Goobanaan Oromoo Irratti Gaggeeffame Har’an TPLF fi Suphitoota TPLFn Gaggeefamaa Jira.
Dhumaatii Oromoota Calanqoo Irratti Ta’e Ilaalchisee Ibsa Qeerroo Bilisummaa Oromoo
Finfinnee Oromiyaa
“Maatii Ilmaan Oromoo marraa 2ffaaf Calanqootti dhumanii akkasumas ummata Oromoo gadda kanaan qalbiin cabeef jajjabina hawwina”
Yakka suukkanneessaa guyyaa har’aa Calanqo irratti ta’e guutuu ummata Oromoo fi Qeerroo Bilisummaa Oromoo kan gaddisiisee fi laalaa Seenaa sukkanneessaa baroota 1880 moota keessa Anoolee fi Calanqoo keessatti Nugustichi yerosii Minilkii fi Goobanaan Oromoota irratti taasisan kan nu yaadachiisu dha.
Bara 1880moota keessa mootiin Amaaraa yerosii Minilik Goobanaa qabatee ummata Oromoo irratti yakkoota inni dalagee,dhumaatii bara san Oromoota kuma dhibbootaan lakkaawaman ajjeessuu,hidhuu fi garba godhee biyya fagoo fi biyya keessatti gurguraa turan kiyyoo gabrummaa hanga har’aatti keessa seenne miidhama hiriyyaa hin qabne saba Oromoo irratti fidee jira.
Har’as haala bulchiisa Habashootaa dhufaa darbaan Oromoo irratti ta’aa tureen wal fakkeessuun Wayyaanee TPLF jaarmiyaa OPDO qabatee seenaa Calanqoo marsaa 2ffaa deebisuun ilmaan Oromoo duuchaatti ajjeessuun gochaa sanyii dugiiggii raawachaa jira. Continue reading →
Share this:https://www.gofundme.com/8bds2wgk