Haala Yeroo irratti YAADACHIISA Qeerroo Bilisummaa Oromoo irraa kenname. Posted on February 12, 2021 by Qeerroo Reply Yeroo ammaa golee Oromiyaa mara keessatti lammiileen Oromiyaa gamtaan ka’uun hiriira deeggarsaa MCBO fi balaaleffannaa sirna bulchinsa PPtti jiru. Qabsoon barattoota, Qeerroo Bilisummaa Oromoo kun uummata haamilachiisee itti fufinsaan gaggeeffamaa jira. Lammiileen Oromiyaa biyya isaanii keessatti nagaan akka jiraataniif filannoo fakkeessaan dura Mootummaan Cehumsa Biyyoolessa Oromiyaa akka dhaabbatu, hidhamttootni siyaasaa haalduree tokko malee akka hiikaman, haqni ajjeechaa Artist Haacaaluu Hundeessaa qaama walabaan haa qoratamu, ajjeechaa fi gochaaleen sukkanneessaan Oromiyaa keessaa haa dhaabbatu kanneen jedhan gaaffiilee ijoo dha. Hiriirri eegalame guyyaa 8ffaa irratti kan argamu yoo tahu,hanga gaaffiileen gaafataman hundi lakkaa’amanii deebi’anitti itti fufa. Lammiilee Oromiyaa; Qabsoo taasisnu keessatti wareegama kaffaluun waan jiraati. Qabsoon Qeerroon Bilisummaa Oromoo taasisu qabsoo karaa nagaa hiriira nagaa bahuuni dha. Ammas kanumaan itti jira. PPn gaaffiilee mirgaa lammiileen Oromiyaa gaafataa jiraniif deebii kennuu irra ammas hidhuu itti fufte. Filannoon haqaa akka jiraatuuf waajjiraaleen dhaaba Oromoo, ABO fi KFO akka banaman, hooggantootnii fi miseensotni dhaabichaa akka hiikaman gaafatamus inumaa miseensota, deeggartootaa fi sabboontota mana hidhaatti guuruun itti fufe. Kanaaf,gochi akkanaa PPn haamilee kutachuu kan agarsiisu tahuu hubachuun qabsoo eegalle karaa namuusa qabuun jabaannee akka itti fufnu yaadachiisaa hiriirri kana boodas tahe amma taasifamaa jiru qaama hiriira deeggarsaa Mootummaa Cehumsa Biyyoolessa Oromiyaa fi mormii sirna bulchinsa PP tahuu jabeessinee hubachiisna. Qeerroo Bilisummaa Oromoo Guraandhala 12, 2021 Share this:https://www.gofundme.com/8bds2wgk Share on Gofundme (Opens in new window) Gofundme Share on X (Opens in new window) X Share on Facebook (Opens in new window) Facebook Share on qeerroo youtube (Opens in new window) qeerroo youtube Share on Qeerroo Video (Opens in new window) Qeerroo Video Share on sbo/abo (Opens in new window) sbo/abo Share on WhatsApp (Opens in new window) WhatsApp Email a link to a friend (Opens in new window) Email Share on Gadaa (Opens in new window) Gadaa Share on www.Ayyaantuu.org (Opens in new window) www.Ayyaantuu.org Share on Oromiapress (Opens in new window) Oromiapress Like Loading...
Ibsa Itti fufa hiriira deeggarsaa MCBO fi Mormii sirna bulchinsa PP ilaachisee kenname. Posted on February 9, 2021 by Qeerroo Reply Ibsa Itti fufa hiriira deeggarsaa MCBO fi Mormii sirna bulchinsa PP ilaachisee kenname. Ibsa Qeerroo Bilisummaa Oromoo Uummatni biyyi isaa hin kabajamne kabajaa hin qabuuf jecha Oromoon qe’ee isaa kabajsiisuuf, irratti murteessuuf, nagaan bahee galuuf qabsoo hadhooftuu gaggeessaa ture; wareegama qaalii gootota kumaatama itti wareeges kaffale. Dhaabotni Oromoo qabsoo Oromoo kana galmaan gahuuf qabsoo Oromoo hoogganaa turan, ABO fi KFOn akkasumas Jaarmayaalee fi Waldaaleen Oromoo sabboonummaa uummatichaa cimsuun lammiileen Oromiyaa hiree isaanii ofiin akka murteeffataniif dammaqsan. Kana irraa ka’uun bara 2011 ALA/2003 ALHtti Jaarmayaan Qeerroo Bilisummaa Oromoo ifaan labsamee namuusaa fi qajeelfama ABO tiksuun qabsoo Oromoo ceesisuu itti fufe. Qabsoon Qeerroo Bilisummaa Oromoo barattoota Yuunivarsiitii, manneen barnootaa sadarkaa lammaffaa fi 1ffaa keessatti eegale artistoota Oromoo hirmaachisuun uummata Oromoo walii gala dhaqqabe. Uummatni Oromoos gamtaan dammaqee wareegama daa’imaa hanga maanguddoo, qarree fi qeerroon itti wareegame kaffaluun Wayyaanee waliin morma wal hudhe. Continue reading → Share this:https://www.gofundme.com/8bds2wgk Share on Gofundme (Opens in new window) Gofundme Share on X (Opens in new window) X Share on Facebook (Opens in new window) Facebook Share on qeerroo youtube (Opens in new window) qeerroo youtube Share on Qeerroo Video (Opens in new window) Qeerroo Video Share on sbo/abo (Opens in new window) sbo/abo Share on WhatsApp (Opens in new window) WhatsApp Email a link to a friend (Opens in new window) Email Share on Gadaa (Opens in new window) Gadaa Share on www.Ayyaantuu.org (Opens in new window) www.Ayyaantuu.org Share on Oromiapress (Opens in new window) Oromiapress Like Loading...
Guutummaa Oromiyaa keessatti Fincilli Diddaa Gabrummaa Itti Fufee jira. Posted on February 8, 2021 by Qeerroo Reply Guutummaa Oromiyaa keessatti Fincilli Diddaa Gabrummaa Itti Fufee jira. Guyyoota Muraasa as deeman keessas caalaatti jabaatee bifa adda addaan magaalotaa fi Baadiyyaa Oromiyaatti itti fufa. Share this:https://www.gofundme.com/8bds2wgk Share on Gofundme (Opens in new window) Gofundme Share on X (Opens in new window) X Share on Facebook (Opens in new window) Facebook Share on qeerroo youtube (Opens in new window) qeerroo youtube Share on Qeerroo Video (Opens in new window) Qeerroo Video Share on sbo/abo (Opens in new window) sbo/abo Share on WhatsApp (Opens in new window) WhatsApp Email a link to a friend (Opens in new window) Email Share on Gadaa (Opens in new window) Gadaa Share on www.Ayyaantuu.org (Opens in new window) www.Ayyaantuu.org Share on Oromiapress (Opens in new window) Oromiapress Like Loading...
Godina Horroo Guduruu Magaalaa Shaambuutti FXG itti fufee jira. Posted on February 8, 2021 by Qeerroo Reply Godina Horroo Guduruu Wallaggaa ,Magaalaa Shaambuutti FXG itti fufee jira. Share this:https://www.gofundme.com/8bds2wgk Share on Gofundme (Opens in new window) Gofundme Share on X (Opens in new window) X Share on Facebook (Opens in new window) Facebook Share on qeerroo youtube (Opens in new window) qeerroo youtube Share on Qeerroo Video (Opens in new window) Qeerroo Video Share on sbo/abo (Opens in new window) sbo/abo Share on WhatsApp (Opens in new window) WhatsApp Email a link to a friend (Opens in new window) Email Share on Gadaa (Opens in new window) Gadaa Share on www.Ayyaantuu.org (Opens in new window) www.Ayyaantuu.org Share on Oromiapress (Opens in new window) Oromiapress Like Loading...
IBSA GADDAA- DU’AAN BOQOCHUU OBBO TSAGAYEE YAA’II MALKAA Posted on February 8, 2021 by Qeerroo Reply (Ibsa ABO – Guraandhala 7, 2021) Obbo Tsagayee Yaa’ii Malkaa du’aan boqochuu isaanii yeroo dhageenyu gadda guddaatu nutti dhgahame. Sabboonaan Oromoo, qabsaawaan gameessii, jireenya isaa guutuu qabsoo saba Oromoo tiif kan kenne, obboleessi keenya Obbo Tsagaye Yaa’ii Malkaa Gurandhala 5, 2021 adunyaa kanarraa du’an boqotan. Yaa’ii Malkaa, handhuura Oromiya, Finfinnee keessatti dhalatee kan guddate yeroo tahu, eenyummaa isaa odoo hin dagatin, alagatti odoo hin harkifatin, Oromummaan qaramee kan guddate ta’uun jireenya isaa qabsoof akka wareegu wanneen godhanii dha. Continue reading → Share this:https://www.gofundme.com/8bds2wgk Share on Gofundme (Opens in new window) Gofundme Share on X (Opens in new window) X Share on Facebook (Opens in new window) Facebook Share on qeerroo youtube (Opens in new window) qeerroo youtube Share on Qeerroo Video (Opens in new window) Qeerroo Video Share on sbo/abo (Opens in new window) sbo/abo Share on WhatsApp (Opens in new window) WhatsApp Email a link to a friend (Opens in new window) Email Share on Gadaa (Opens in new window) Gadaa Share on www.Ayyaantuu.org (Opens in new window) www.Ayyaantuu.org Share on Oromiapress (Opens in new window) Oromiapress Like Loading...
Walisootti hirriiri deeggarsa MCBOf godhamuu fi hidhamtoota keenyaaf lubbuu keenya kennina jedhu gaggeeffamaa jira. Posted on February 8, 2021 by Qeerroo Reply [SQ-Guraandhala 8/2021] sirna pp balaaleffatuu fi MCBO ni tumsina ABO fi KFOn dhaabota keenya hidhamtoonni siyaasaa Oromoo haal duree tokko malee hiikamuu qabu. Hidhamtoota siyaasaa keenyaaf lubbuu keenya ni kennina PPn diina Oromoo fi lammiilee Oromiyaati kan jedhu hiriirri mormii Kibba Lixa Shaggar Magaalaa Walisoo keessatti barattoota mana barumsaa sadarkaa 2ffaa fi 1ffaan kan eegale hawaasa maaaglichaa hirmaachisuun gaggeeffamaa jira. Nagaa fi tasgabbii waaraaf MCBO hundeeffannee gara Filannootti akka deemamuuf wabii nageenya keenyaa MCBO kan qaamota hawaasaa hunda hirmaachise haa hundeeffannu. Share this:https://www.gofundme.com/8bds2wgk Share on Gofundme (Opens in new window) Gofundme Share on X (Opens in new window) X Share on Facebook (Opens in new window) Facebook Share on qeerroo youtube (Opens in new window) qeerroo youtube Share on Qeerroo Video (Opens in new window) Qeerroo Video Share on sbo/abo (Opens in new window) sbo/abo Share on WhatsApp (Opens in new window) WhatsApp Email a link to a friend (Opens in new window) Email Share on Gadaa (Opens in new window) Gadaa Share on www.Ayyaantuu.org (Opens in new window) www.Ayyaantuu.org Share on Oromiapress (Opens in new window) Oromiapress Like Loading...
Harargee Adaboot keessatti hiriirri barattootaan eegale hawaasa hirmaachise Posted on February 8, 2021 by Qeerroo Reply [SQ- Guraandhala 8/2021] mormii sirna pp balaaleffachuun Barattootaan Oromiyaa bakkoota hundatti itti fufe Harargee Asabootiitti hawaasa magaalichaa dabalatee mormii bulchinsi pp nuuf hin taatu jedhu gaggeeffamaa jira. Hiriira kana irratti hidhamtoota siyaasaa saffisaan Akka hiikaman kan gaafatan yoo tahu paartiileen Oromoo ABO fi KFOn dhaaba ummata Oromoof dhaabbatanidha jechuun tumsa isaaniif qaban dhageesisaa nagaa fi Tasgabbiin akka jiraatuuf filannoo Biyyoolessaa dursa MCBO hundeeffachuun dirqama lammiilee Oromiyaa tahuus dhaamsa dabarfataniiru. Share this:https://www.gofundme.com/8bds2wgk Share on Gofundme (Opens in new window) Gofundme Share on X (Opens in new window) X Share on Facebook (Opens in new window) Facebook Share on qeerroo youtube (Opens in new window) qeerroo youtube Share on Qeerroo Video (Opens in new window) Qeerroo Video Share on sbo/abo (Opens in new window) sbo/abo Share on WhatsApp (Opens in new window) WhatsApp Email a link to a friend (Opens in new window) Email Share on Gadaa (Opens in new window) Gadaa Share on www.Ayyaantuu.org (Opens in new window) www.Ayyaantuu.org Share on Oromiapress (Opens in new window) Oromiapress Like Loading...
Mi’eessootti hiriirri mormii pp balaaleffatuu fi MCBO tumsu gaggeeffamaa jira. Posted on February 8, 2021 by Qeerroo Reply [SQ- Guraandhala 8/2021] Harargee lixaa Mi’eessootti Hiriirri sirna abbaa irree pp balaaleffatu kan tumsa MCBOf godhamu barattootaa fi hawaasa naannichaan gaggeeffamaa jira. Hiriira kana irratti lammiileen Oromiyaa kan qooda fudhatan yoo tahu hidhamtoonni siyaasaa nuuf haa hiikaman , MCBO nuuf haa hundaayu , filannoo dura nageenyi lammiilee mirkanaayuu akka qabu dhaadannoolee hiriirichaati. Hidhamtoonni siyaasaa lagannaa nyaataa irra jiranis tahe kanneen manni murtii bilisa baasee poolisiin hidhee dararu hatattamaan akka hiikamanii fi qaamota olaantummaa mana murtii tuffatan irrattis akka tarkaanfiin fudhatamu gaafataa sagalee isaanii dhageesisaa jiru Share this:https://www.gofundme.com/8bds2wgk Share on Gofundme (Opens in new window) Gofundme Share on X (Opens in new window) X Share on Facebook (Opens in new window) Facebook Share on qeerroo youtube (Opens in new window) qeerroo youtube Share on Qeerroo Video (Opens in new window) Qeerroo Video Share on sbo/abo (Opens in new window) sbo/abo Share on WhatsApp (Opens in new window) WhatsApp Email a link to a friend (Opens in new window) Email Share on Gadaa (Opens in new window) Gadaa Share on www.Ayyaantuu.org (Opens in new window) www.Ayyaantuu.org Share on Oromiapress (Opens in new window) Oromiapress Like Loading...
Lixa Oromiyaa Magaalaa Gimbiitti Hiriirri mormii pp barattootaan gaggeefamaa jira. Posted on February 8, 2021 by Qeerroo Reply [SQ-Guraandhala 8/2021] mormii barattoota mana barumsaa qophaayinaa Amboon Guraandhala 5/2021 kan eegale yeroo amma aoromiyaa hunda keessatti hiriirri kun jabaatee itti fufuun bahaa hanga dhihaa , kaabaa hanga kibbaa oromiyaa keessatti balaaleffannaan sirna pp barattootaan dhohee kan jira. Haala kanaan guyyaa har’aa guraandhala 8/2021 Oromiyaa lixaa Gimbii fi Mandiittii gaggeeffamaa kan jiru yoo tahu kibba Oromiyattis Boorana Yaaballoottin gaggeeffamaa jira. akkasumas kibba baha Oromiyaa Arsii keessatti sochiin hiriiraa kun barattootaan gaggeffamaa kan jiru yoo tahu Horroo Guduruu Wallaggaa magaalaa Shaambuuttis sochiin barattootaa kun eegalee jiraachuu gabaasaan arganne ifa godha. Hiriira kana irratti dhaadannooleen barattootaan gaggeeffamaa jirani: Hidhamtootni siyaasaa haa hiikaman MCBO lammiilee Oromiyaaf haa hundeeffamu Ajjeechaan lammiilee Oromiyaa irratti waraanaan gaggeeffamu haa dhaabbatu ppn nun bulchitu kan jedhuu fi kanneen biroon dhaadannoolee hiriira kanaati. Share this:https://www.gofundme.com/8bds2wgk Share on Gofundme (Opens in new window) Gofundme Share on X (Opens in new window) X Share on Facebook (Opens in new window) Facebook Share on qeerroo youtube (Opens in new window) qeerroo youtube Share on Qeerroo Video (Opens in new window) Qeerroo Video Share on sbo/abo (Opens in new window) sbo/abo Share on WhatsApp (Opens in new window) WhatsApp Email a link to a friend (Opens in new window) Email Share on Gadaa (Opens in new window) Gadaa Share on www.Ayyaantuu.org (Opens in new window) www.Ayyaantuu.org Share on Oromiapress (Opens in new window) Oromiapress Like Loading...
Ajjeefamuu Barataa Diqqaa Dabassoo booda hiriirri mormii haalaan dhohe. Posted on February 8, 2021 by Qeerroo Reply [SQ- Guraandhala 8/2021] Ganama har’aa Godina Booranaa Magaalaa Yaaballootti barattoota karaa nagaa sagalee isaanii dhageesifataa jiran irratti waraanni pp dhukaasa baneen barataa Diqqaa Dabbasoo yoo wareegamu barattoota biraa irra miidhaa qaqqabuun dhagahame. Barattoota nagaan sagalee isaanii dhageesifataa ture irratti dhukaasa banameen miidhaa qaqqabetti kan mufatan yeroo ammaa dargaggootni magaalaa Yaaballoo barattoota waliin hiriiruun hiriira balaaleffannaa sirna PPn amma itti jiru cimsanii gaggeeffachaa jiru. Share this:https://www.gofundme.com/8bds2wgk Share on Gofundme (Opens in new window) Gofundme Share on X (Opens in new window) X Share on Facebook (Opens in new window) Facebook Share on qeerroo youtube (Opens in new window) qeerroo youtube Share on Qeerroo Video (Opens in new window) Qeerroo Video Share on sbo/abo (Opens in new window) sbo/abo Share on WhatsApp (Opens in new window) WhatsApp Email a link to a friend (Opens in new window) Email Share on Gadaa (Opens in new window) Gadaa Share on www.Ayyaantuu.org (Opens in new window) www.Ayyaantuu.org Share on Oromiapress (Opens in new window) Oromiapress Like Loading...