Category Archives: Oduu/News
Haala Yeroo irratti YAADACHIISA Qeerroo Bilisummaa Oromoo irraa kenname.
Yeroo ammaa golee Oromiyaa mara keessatti lammiileen Oromiyaa gamtaan ka’uun hiriira deeggarsaa MCBO fi balaaleffannaa sirna bulchinsa PPtti jiru. Qabsoon barattoota, Qeerroo Bilisummaa Oromoo kun uummata haamilachiisee itti fufinsaan gaggeeffamaa jira. Lammiileen Oromiyaa biyya isaanii keessatti nagaan akka jiraataniif filannoo fakkeessaan dura Mootummaan Cehumsa Biyyoolessa Oromiyaa akka dhaabbatu, hidhamttootni siyaasaa haalduree tokko malee akka hiikaman, haqni ajjeechaa Artist Haacaaluu Hundeessaa qaama walabaan haa qoratamu, ajjeechaa fi gochaaleen sukkanneessaan Oromiyaa keessaa haa dhaabbatu kanneen jedhan gaaffiilee ijoo dha. Hiriirri eegalame guyyaa 8ffaa irratti kan argamu yoo tahu,hanga gaaffiileen gaafataman hundi lakkaa’amanii deebi’anitti itti fufa.Ibsa Itti fufa hiriira deeggarsaa MCBO fi Mormii sirna bulchinsa PP ilaachisee kenname.
Ibsa Itti fufa hiriira deeggarsaa MCBO fi Mormii sirna bulchinsa PP ilaachisee kenname.
Ibsa Qeerroo Bilisummaa Oromoo
Uummatni biyyi isaa hin kabajamne kabajaa hin qabuuf jecha Oromoon qe’ee isaa kabajsiisuuf, irratti murteessuuf, nagaan bahee galuuf qabsoo hadhooftuu gaggeessaa ture; wareegama qaalii gootota kumaatama itti wareeges kaffale. Dhaabotni Oromoo qabsoo Oromoo kana galmaan gahuuf qabsoo Oromoo hoogganaa turan, ABO fi KFOn akkasumas Jaarmayaalee fi Waldaaleen Oromoo sabboonummaa uummatichaa cimsuun lammiileen Oromiyaa hiree isaanii ofiin akka murteeffataniif dammaqsan. Kana irraa ka’uun bara 2011 ALA/2003 ALHtti Jaarmayaan Qeerroo Bilisummaa Oromoo ifaan labsamee namuusaa fi qajeelfama ABO tiksuun qabsoo Oromoo ceesisuu itti fufe. Qabsoon Qeerroo Bilisummaa Oromoo barattoota Yuunivarsiitii, manneen barnootaa sadarkaa lammaffaa fi 1ffaa keessatti eegale artistoota Oromoo hirmaachisuun uummata Oromoo walii gala dhaqqabe. Uummatni Oromoos gamtaan dammaqee wareegama daa’imaa hanga maanguddoo, qarree fi qeerroon itti wareegame kaffaluun Wayyaanee waliin morma wal hudhe.
Guutummaa Oromiyaa keessatti Fincilli Diddaa Gabrummaa Itti Fufee jira.
Guutummaa Oromiyaa keessatti Fincilli Diddaa Gabrummaa Itti Fufee jira. Guyyoota Muraasa as deeman keessas caalaatti jabaatee bifa adda addaan magaalotaa fi Baadiyyaa Oromiyaatti itti fufa.

Godina Horroo Guduruu Magaalaa Shaambuutti FXG itti fufee jira.
Godina Horroo Guduruu Wallaggaa ,Magaalaa Shaambuutti FXG itti fufee jira.

IBSA GADDAA- DU’AAN BOQOCHUU OBBO TSAGAYEE YAA’II MALKAA
Walisootti hirriiri deeggarsa MCBOf godhamuu fi hidhamtoota keenyaaf lubbuu keenya kennina jedhu gaggeeffamaa jira.
sirna pp balaaleffatuu fi MCBO ni tumsina ABO fi KFOn dhaabota keenya hidhamtoonni siyaasaa Oromoo haal duree tokko malee hiikamuu qabu.Harargee Adaboot keessatti hiriirri barattootaan eegale hawaasa hirmaachise
mormii sirna pp balaaleffachuun Barattootaan Oromiyaa bakkoota hundatti itti fufe Harargee Asabootiitti hawaasa magaalichaa dabalatee mormii bulchinsi pp nuuf hin taatu jedhu gaggeeffamaa jira.Mi’eessootti hiriirri mormii pp balaaleffatuu fi MCBO tumsu gaggeeffamaa jira.

Lixa Oromiyaa Magaalaa Gimbiitti Hiriirri mormii pp barattootaan gaggeefamaa jira.
mormii barattoota mana barumsaa qophaayinaa Amboon Guraandhala 5/2021 kan eegale yeroo amma aoromiyaa hunda keessatti hiriirri kun jabaatee itti fufuun bahaa hanga dhihaa , kaabaa hanga kibbaa oromiyaa keessatti balaaleffannaan sirna pp barattootaan dhohee kan jira.

