Damee Booruun
Gurrandala 1974 fi Gurrandala 2018 jidduu waggaa afurtamii afur keessatti mootota Habashaa sadii wal jalaa booda akka mataan halayyaa seenaa jiran agarra.” Gamni orma irraa barata, gowwaan immoo ofii irraa iyyuu hin baratu” akuma jedhan tokko tokkoon isaanii seenaa fokkataa fi yakkama fudhatanii gara boola isaanii seenaa jiru. Maxxansaa gabaaduu kana keessatti seenaa mootota kana xinxaluuf bakkaa fi yaroo hin qabu. Haa tahu male bara lammeen olitti kaase kana wal bukkee kaaseen ilaaluu yaala.
Bara kudha saglii fi jaatamaa fi torbaatamaan keessa sochiin bartoota Itopiyaa haala cimaan gageefamaa ture. Sababa kanaan Mootumaan Haaiyle Selaasee bartoota ajjeessuu , hidhuu fi dararuu irraa booda hin jenne. Garuu Gurrandhla 1974 sochiin bartootaa fincila uummataan wal qabatee didaan jabaachuuirraa kan ka’e prime minister namni ture Akiluu Habteweld aangoo irraa darbame. Mootummaan Haayile Selaase namicha barnoota guddaa qaba jedhamee beekamu Indaalkaachew Mekoonin prime minister haaraa godhee mude. Continue reading


Naannoo Yuunversiitii Wallagga hora hadiyyaa jedhamu irratti uummata nagaan hidhamtoota siyyaasaa simachuuf magaalaa Naqamtee keessaa bahanii itti adeemaa jiran reebanii oldeebisaa jiru.Haalli jiru baayyee ulfaataa ta’aa jira.