Fincila Uummataa Gurrandhala 1974 fi Gurrandala 2018.

Damee Booruun

Guyyaan FDG University Dirree Daawwaattti Kabajame

Gurrandala 1974 fi Gurrandala 2018 jidduu waggaa afurtamii afur keessatti mootota Habashaa sadii wal jalaa booda akka mataan halayyaa seenaa jiran agarra.” Gamni orma irraa barata, gowwaan immoo ofii irraa iyyuu hin baratu” akuma jedhan tokko tokkoon isaanii seenaa fokkataa fi yakkama fudhatanii gara boola isaanii seenaa jiru. Maxxansaa gabaaduu kana keessatti seenaa mootota kana xinxaluuf bakkaa fi yaroo hin qabu. Haa tahu male bara lammeen olitti kaase kana wal bukkee kaaseen ilaaluu yaala.

Bara kudha saglii fi jaatamaa fi torbaatamaan keessa  sochiin bartoota Itopiyaa haala cimaan gageefamaa ture. Sababa kanaan Mootumaan Haaiyle Selaasee bartoota ajjeessuu , hidhuu fi dararuu irraa booda hin jenne. Garuu Gurrandhla 1974 sochiin bartootaa fincila  uummataan wal qabatee didaan jabaachuuirraa kan ka’e prime minister namni ture Akiluu Habteweld aangoo irraa darbame. Mootummaan Haayile Selaase namicha barnoota guddaa qaba jedhamee beekamu Indaalkaachew Mekoonin prime minister haaraa godhee mude.

Indaalkaachewnis namoota bebbeekama tahan warra akka Obbo Bulchaa Damaksaafaa biyyaa Ameerikaa irraa waamee  kabinee haaraa qopheefate.  Didaan uummataa garuu itti caalaa deeme. Rakinni guddaan bara sana jiru lafan wajjin wal qabataa dha. Bara Mootummaa Haayile Silaasee kan saamamuu danda’u lafa malee waan biraa hin jiru. Akka hara’a kana qabeenyi horii,  warshaa,  albuudaa fi investment hin turre. Kanaafuu sirnichi Sirna Abbaa Lafaa jedhamee beekama. Lafni biyyaa sana keessa jiru hunduu warra abbaa lafaan dhunfatamee jira. Biyyaa sana keessatti dhugaa, seeraa fi heera kan qabu warra abbaa lafaa qofa. Harka kennaa malee dhimmi raawwatamuu danda’u tokko iyyuu hin jiru.

Qotee bulaa lafa wajjin gurguruu fi lafa irraa buqisaanii darbuun hojii warra abbaa lafaa ti. Uummatni bal’aan hiyyeessa tahe dararame. Beelli namoota milliyoona hedduun lakkawwamu yaroo fixxu warri mootumaa irra jiru dhima isaanii hin ture. Haalli kun uummataa fi sirna mootummaa kanaa dugdaa fi garaa godhe.

Fincila Gurrandala 1974 adda duran kan bartoota wajjin dhaabbate uummata Finfinnee keessa jiraatu ture. Uummatni kutaa biyya Itopiyaa keessa jiru hunduu wal jalaa booda didaa kana keessaa qooda fudhachuun fincilli biyyaa guutuutti akka dagaagu tahe.  Dhuma irratti poolisonni bartoota tumaa turanii fi humni waraanaa uummata wajjin dhaabachuun fincilli uummata  akka gulantaa ol aanatti tarkaanfatu godhe.

Furmaanni barbaachisu  jijjirama sirnaa mootumaa malee jijjirama namaa hin ture. Sirna tortore hundeedhaa buqqisanii gatuu malee nama itti giddaruun hiikaa hin tahne.  Indalkaachoon amma aangoo yaroof qabate irraa darbamuutti , “maaloo afuuraa naa keennaa, waan hunda na qajeelcha” jedhee galgalaa fi ganama uummata kadhachaa ture. Uuummtnis namaumaa isaa jibbee utuu hin taane rakkina biyyi sana keessa jiru hiikuuf akka dandeetti hin qabaannne  waan hubateef fincila  didaa mootummaa itti mudde.

Utuu rasaasni tokko hin dhukanii Mootumaan Haayile Selaassee mataan gombifame. Indaalkachewn mootummaa haaraa fudhatee cubuu guddaa dalguuf ayyaana yaroo haa dhabu malee mootummicha kufaatii jalaa olshuuf fedhii guddaa akka qabu agrsiiseera. Gaafa warri Mootummaa Haayile Selaasee  keessatti yakka guddaa hojjetan du’aan  adabaman Akililuu Habteweld fi Indalkaachew Mokoonnin guyyaa tokko nama jatama wajjin ajjefamanii boola tokko itti oowalaman. Lachuu Mootummaa Haayile Silaases kufaatii irraa hin olshine. Ofis gaaga’ama kana fakkaatu irraa  ooluu hin dandeenye.

Seenaa kana hundaa warri akka Abaayee Xehayi hinuma beeku . Garuu har’a aagoon isaan macheessee , sooromuun isaan raatesse , of tuullumaan bokokkanii xaaxa’uuf  waan jedhenii kan darbe miti kan keessa jiran iyyuu hubachuuf rakkina akka qaban agara. Naannoon hundi wal qixa guddachuuf reenfa  Abaayee Xahayi irra tarkanfatamuu qaba. Barbaanan EPRDF illee ni  maca’a malee naannoon hundi wal qixxa guddachuu hin qabu jedheenama dhaadatu dha.

Fincilli uummata Gurrandala 2018 seenaa mootummaa Itophiyyaa keessatti yaroo lamaffaa prime minister aangoo irraa darbee jira. Obbo  Hayilemariyam Dasalegni ergaa TPLF deemuu malee aangoo tokko illee akka hin qabne nama hundatu beeka. Kanaafuu guyyaa tokko uummatni akka inni aangoo gad dhiisu gaafatee hin beeku. Ofiif iyyuu aangoo hin qabne maal gad dhiisuu danda’a? Prime minisreeumaa isaa kan irraa molqe TPLF.  Ajaja TPLF fudhatee waan ishee dubadhu jette dubbachuuf dirqamee  fedhii koon  aangoo gad dhiiseera jedhee himate.

Akkuma Mootumaa Haayile Selaasse sana prime minister haaraa yoo muddatte yaroo bitchuun ni danda’ama laataa jette akka TPLF wixxifachaa jirtu ni agarra. Keessattu OPDO keessaa nama tokko yoo prime minister gootee Fincila Didaa Garbummaa Uummata Oromoon gaggeefaamaa  jiru bakka jirutti akka dhaabdu abjuun itti mul’ata. OPDOn diaspora Obbo Lammaa Magarsaa fi Dr. Abyi Ahmad kaadhimaa godhaniif dhiyyeefachaa jiru. Akkuma Indalkachew Mokoonon TPLF wajjin boola tokkotti awwaalamuuf yoo tahe malee prime minister kamuu TPLFf umurii dabaluu akka hin dandeenye jala muree isaan hubachiisuun fedha.

TPLF ijaarsa faashitii kan dhiiga dhalamaa dhugee jiratu. Haammeenya dhala namaa irratti ni hojjetamaa jedhamee yaadamuu kan hin danddenye uummata dhalagu. Ija namaa baasuu, gurra namaa kutuu , qeensa namaa buqqisuu , ilmoo dhiiraa kolaasuu , dubartii gamtaan gudeeduun hojii isaanii. Abbaa barbaadan tumuu, hidhuu, waxxaluu fi ajjeessuun harka isaanii keessa jira. Daa’ima, jaarsa , jaartii fi dubartii ulfaaf  naasuu hin qaban. Jarri kun nama irraa dhalatan jechuu nama shakisiisa. Bineensi iyyuu yoo nama bare garaa namaa laafa.

Nama TPLF wajjin dhaabbatuu fi wajjin hojjetu miti namni TPLF dhabamsiisuu irratti hin hojjenne iyyuu fara uummata hundaa ti. Impaayera Itophiyyaa keessatti uummata gamtaan TPLF hin fixxinne hin jiru. Dhiiga Uummata Ogaden, Gambeelaa, Sidamaa, Geda’o, Koonso, Amharaa fi  Oromoon harka dhiqatee jirti. Ammas caalatti dhiiga uummata keenyaa dhangalaasuuf of qophii guddaa qabdi. Uuummtni hunduu waliin dhaabbannee diina Waaqnii fi Lafi jibbe kana of irraa kaasuu qabna. Yoo deebitee bayyaannatee balaa’aa takkaa agarree fi dhageenyee hin beekne nu irraan gahuuf deemti. Uummatni gamtaan irree tokkoon ka’ee waraanni moo’u tokko illee biyya lafaa irraa hin jiru. Ykn afaan keenya qabannee bitamuu ykn of irraa muxuxxifnee darbuun yaroon isaa amma.

Namootni buggeen odduu malee waan tahu tokko illee beekne  nama tokko irrattis tahe uummata irratti gaagama barbaachisaa hin taane waan fidduu danda’u haasa’u. Yaroo kana keessatti maaliif namni Oromoo tokko hojii TPLF hojjechuuf jedhee lubbuu isaa dabarsee akka kennu tilmaama? Prime misiter kudha shan wal jalaa boodaa haa muudamu Fincilli Xumura Garbummaa amma TPLF angoo irra darbu hin dhaabbatu. Warri TPLF baraaruuf jedhee muudama ishee fudhatu akka ishee wajjin boola tokko itti awwalamuu bareechee beekuu qaba.

Bara kana uummatni Finfinnee keessa jiraatu sodaaf haa tahu jalalaaf TPLF marxxifatee taa’aa jiraachuun uummata itti marsee jiru akka garaa hameessaa jiru dagachuu hin qabu. Gaaf tokko uummatni Finfnnee marsee jiru kun Ibsaa, bishaanii fi midhaan yoo irraa kute TPLF wajjin daaraa araabuuf akka deeman hubachuun ni baraachisa. Uummatni Mootummaa Haayile Selaasee aangoo irraa darbuu irratti seenaa guddaa qabu maaliif akka mootummaa nama nyaataa Wayaanee kana ammatee akka taa’u namaaf hin galu. Fincila uummata irraa qooda fudhachuun kan qabamuu yaroon isaa amma akka tahe wal yaadachiisuun hin badu.

Gadaan Gadaa Bilisumaa TI!

                                    Injifannoo Ummata Oromoof!

 

 

Leave a Reply

Fill in your details below or click an icon to log in:

WordPress.com Logo

You are commenting using your WordPress.com account. Log Out /  Change )

Twitter picture

You are commenting using your Twitter account. Log Out /  Change )

Facebook photo

You are commenting using your Facebook account. Log Out /  Change )

Connecting to %s