Wallagga Magaalaa Naqamtee-Oromiyaan Humna Waraanaa Itamaa jirti.

Image may contain: one or more people, people walking, people standing, crowd, tree, sky and outdoorNaannoo Yuunversiitii Wallagga hora hadiyyaa jedhamu irratti uummata nagaan hidhamtoota siyyaasaa simachuuf magaalaa Naqamtee keessaa bahanii itti adeemaa jiran reebanii oldeebisaa jiru.Haalli jiru baayyee ulfaataa ta’aa jira.
Wayyaaneen uumata nagaa reebdee gara jeequmsaatti jijjiiraa jirti.
Waraanni wayyaanee Qeerroo fi qarreen akka dhaadannoo hin dhageesisne,Akka wallee warraaksaa hin sirbineefis akeekkachiisa kennaa jiru.
Konkolaattonni guutummaa magaalaa Naqamtee keessaa Obbo Baqalaa garbaafaa simachuuf bahanis ol ittifamuudhaan akka hin simanneef ugguramaa jiran.

Haaluma kanaan hidhamtoota Siyaasaa Oromoo, Dr,Mararaa Guddinaa fi Obbo Baqalaa Garbaa simannaa dhorkanii ummataa fi hidhamtoota siyaasaas waraanaan ugguranii jiru. Magaalli Naqamtee yeroo ammaa dhukaasaa gurguddaa jala jirti,sagaleen dhukaasaa bakka hundaatti ni dhagahama. Halkan kana magaalichi ugguramee jira. Warri simachuuf deeman Oromoon marti alumatti waraanaan qabamanii hidhaa jala jiru.

Image may contain: one or more people, people standing, sky and outdoor

Leave a Reply

Fill in your details below or click an icon to log in:

WordPress.com Logo

You are commenting using your WordPress.com account. Log Out /  Change )

Facebook photo

You are commenting using your Facebook account. Log Out /  Change )

Connecting to %s