Unknown's avatar

About Qeerroo

Welcome to Qeerroo Bilisummaa webiste! We are here to serve Qeerroo generation who are seeking freedom in their new emerging life.We are Hope for Oromians and lead by example. We have a saying, Follow the Kuusaa and do what the Yuubaa says. http://qeerroo.com

Lixa Shaggar Magaalaa Amboo Keessatti Warraaqsi Akkuma Finiinetti Jira

Aside

Waxabajji 23,2016
Itti fufaHar’a magaalaan Amboo daran dirree waraanaa fakkaattee jirti. Mormiin Wayyaanee wajjin eegalame itti fufuun barattoonni kutaa 11ffaa qophaa’inaa Amboo balaaleffannaa ajjeechaa uummata Shashamannee,du’a garajabumma mootumichi uummata oromoorratti fudhachaa jiru addatti mormaa jiru.

Magaalattii keessatti dhaadannoon barattootaan dhagaa’aman mootummaa shororkaa yaaddoof rifaatuu keessa galchee jira.Barattoonni kutaa 11 barumsa dhiisanii ya’anii murna bicuu daguggaa sanyii keessattuu Shaashamannee keessatti fudhachaa jirtu balaalefataa jiran,Ajjeechaa suukanneessaa akka hatattamaan dhaabu gaafatan.Haalli magaala keessaa hedduu yaaddeessaadha.Humna afaan qawweetti amanu dura barattoonni dhaabatanii mormii haala gaariin dhageessisaa jiru.Konkolaataan olis ta’e gadi deemu sakatta’insa cimaa irra jira.Baajaajonni magaalaa keessaas yeroo deemanis ta’e deebi’an sakkatta’amaa jiru uummata konkolaataa keessa Jiru dabalatee. magaalaan qondaaltota Wayyaaneen guutamtee jirti.
Oduu dabalataan gara Lixa Oromiyyatti yoo darbinu Magaalaan Mandii kaleessa balaaleffannaa mootummaa Wayyaaneerra turuun ,Mootummaan gochawwaan rifaasisoo hatatamaaan akka Uummata Oromoorraa dhaabu,Ajjeechaa dukkana uffatee Uummata nagaarratti banee jiru,Keessattuu ajjeechaa magaalaa Shaashamanneefi ajjeechaa durbee Sabriinaarra dhaqabee jiru,Ajjeechaa garaa namaa madeessuu akkasii,Hatatamaan akka harkasaa irraa deeffatu,Gaafatanii jiran Gochaawwaan fokkisoo mul’inatti nurratti fudhatamuuf kan harkasaa hin deffanne yoo ta’e,Uummati murtoo mataasaa fudhachuuf qophii ta’uu,Barattootaaf jiraattonni Mandii mormiisaaniin ibsatanii jiru.

Dhaamsa Oromummaa Dargaggoota Oromoo Biyya Oromiyaa Keessa Jirtan Hundaaf:

Aside

Milkeessaa Haayiluu Irraa

TokkummaaAkkuma baayyeen keessan hubattan yeroon fi barri amma keessa jirru kun haala heddu walxaxaa, qaxxaamuraa fi jijjiiramaa keessa jiraachuun keenyi hunda keenyaaf ifa galaa natti fakkaata. Haala ulfaataa fi jijjiiramaa ta,e kana immoo gara ofii keenya feenutti jijjiiruuf gara bilisummaa keenyaatti geessuuf kan beekumsa, dandeettii, humnaa fi hiree seenaa kan itti qabu isin dargaggoo oromoo (Qeerroo oromoo) Oromiyaa keessa jirtanii ti. Seenaan qabsoo ummata oromoo bara dheeraa suuta adeemee deemee dhufee harra irra gahee hiree ummata bal,aa oromoo harka keessan galchee akka jiru waan hubattanii dursitani beektanii dirqama seenaan isinitti keenne kana bakkaan galiidhaan gahuuf qabsoo hadhooftuu harka qullaa keessan morma diina jalatti diina waliin kookkee walqabaa akka jirtan diinnis firris ni beeka. Haata,uutii jireenyi gabrummaa, ummata bilisummaa hin qabnee bifa kamiinuu taanaan ulfaataa fi gadadoo akka ta,e ifaadha.DHAAMSA OROMUMMAA GABAABDUU ONNEE KIYYA IRRAA TAATE

Aside

13502025_1602930760035880_8515573632603621425_n 13507194_1602930966702526_189023108844438278_n 13528696_1602931043369185_5242853819334197744_n

FXG Lixa Shaggar Ambo Keessatti Akka Itti Fufetti Jira.

Aside

Waxabajji 22,2016
Warraqsi barattota Amboon eegale daran babal’achuun uummata dabalatee jira Haaluma Kanaan Guyyaa har’aa mana Barumsaa futuritti qabsoon eegalame finiinaa deemuun Ummata Dabalachuun Cimee Jira.Qabsichi Itti Fufuun Daandii Amboo Gara Finfinnee Geessu Yeroo Murtaa’eef Cufamee Tureera! Qondaalttonni Wayyaanee Sadii Miidhamaniiru Akkasumas Konkolaataan Wayyaanee Haalaan Caccabdee Jirti.
Walumaa Galatti Wayyaaneen Har’a muddamuun  Oliif Gadi Kaachaa Ooltee Jirti. FXGn HAALA KANAAN MAGAALAA AMBOO FI NAANNOOSHEETTI ITTI FUFEE JIRA.
Gama biraatiin Lixa Oromiyaa Bakkeewwan Tokko tokko keessatti warraqsa finiineen Uummati gaaga’ama jabaa keessa jira,Gaaga’ama kana magaalaa Najjoo warra jirruu keessatti sochii barattoonni kaasaniin uumati humna waraanaa Wayyaaneen shororkeeffamaa jira.Akkasuma magaalaa Naqamtee keessatti humni addaa Hidda gabroonfattootaa kan turan,Kanneen Ayyaalee Faabboobet wajjiin hojjechaa turan irratti
tarkaanfii jabaan fudhatamee jira,Gareen diinaa kun kaayyoo Uummata Oromoof Afaan Oromoo barbadeessuu qabatee kan deemu,caasaa Lixa Oromiyaa keessatti bakkeewwan hedduu keessaa kan qabu yoo ta’u,Sochiif warraqsa uummataan akkasuma Humna addaa Lixa Oromiyaa keessa socho’uun caasawwaan isaanii addaan baafamanii jiru,Warreen hafanirratti tarkaanfii jabaan nii fudhatama achuma Wallagga bahaa Keessatti Magaalaa Arjoo jedhamtutti guyyoota muraasa darban keessa Qaamonni mootummaa namoota karaa deemaaniin Konkolaataa caccabsan jechuun Dhukaasa Namoota nagaarratti banteen naamoonni miliqanii kan hafan ta’ullee,Jabbiin Qote bultoota achii tokko rasaasa namatti dhukaateen ajjefamte konkolaataan Golden bus qabeenyummaan kan Wayyaanee kan ta’e Lixa Oromiyaa keessa socho’uu sodaate jira.

 

Waxabajjii 20-21/2016 Godina Bahaa Oromiyaa Harargee Bahaa fi Dhihaa Aanota Garaagaraa Keessatti Warraaqsii Biyyoolessaa Oromiyaa FXG Daran jabaachuun itti Fufee

Aside

Waxabajjii 20-21,2016 Godina Bahaa Oromiyaa Harargee Bahaa fi Dhihaa Aanota Garaagaraa Keessatti Warraaqsii Biyyoolessaa Oromiyaa FXG Daran jabaachuun itti Fufee, Waraani Agaazii Wayyaanee, Liyuu Hayilii fi Koraa Bittinneessaa jedhamanis Yakka Duguuginsa Sanyii Ilman Oromoo Irratti gaggeessa jiru.

Godinoota Harargee Bahaa aanota akka Dadar Magaalaa Qobboo, Gursuum, Magaalaa Calanqoo, Godina Harargee Lixaa aanaa Mi’eessoo, Magaalaa Mi’eessoo dabalatee Warraaqsii biyyoolessaa Oromiyaa FXGn, gootota barattoota Oromoo kutaa 12ffaan daran jachuun itti fufee jira. Goototni barattoiotni Oromoo Godinaalee bahaa Oromiyaa Addatti Godinotaa akka Harargee bahaa fi lixaa keessatti qorumsa kutaa 12ffaa seensa yuunibarsiitiif qophaa’aa jiraachuun keenya utuma beekamuu roorroo fi hiraarsa saba keenyaa fi nurra ga’aa jiruu obsuu waan dadhabneef warraaqsaa finiinsuun falmachaa barachaa warraaqsaa keenya irraa duubatti hin deebinu jechuun warraaqsaa finiinsu irratti argamu. Goototni Barattootni Oromoo fi Qeerroon Dargaggootni Oromoo erga Oromiyaan bulchiinsa waraanaa jala galfamtee addatti duulli itti fufiinsaan waraanaa Agaazii, Liyuuhayilii, Poolisii federaalaa fi kora bittinneessaa jedhamaniin uummata Oromoo irratti gaggeeffama jiraachuun godinoota Harargee lamaanii fi Oromiyaa bakkoota hedduutti lubbuun ilmaan Oromoo guyyuu ajjeefamaa fi ukkaanfamaa jiraachuun Qeerroo dargaggootaa, gootota barattoota fi uummata Oromoo boqonnaa kan dhorkee fi daranuu kan warraaqsaatti jabeessaa jiru dha.

Barattootni Oromoo Aanaa Dadar magaalaa Qobboo, Aanaa Gursum, Anaa Mi’eessoo Magaalaa Mi’eessoo warraaqsaa finiinsuun dura dhaabbachuun falmachaa jirachuun ibsamee jira.

Akkuma amaleeffatee loltoota agaazii bobbaasuun ilmaan Oromoo nagaa ajjeesuu itti fufuun Shaamarree Oromoo tokkoo kan hojii buna daandii irratti danfistee ittin of jiraachiftuu fi maatii ishee tajaajiltuu shammarree Oromoo Sabrina Abdallaa jedhamtuu Harargee bahaa magaalaa Calanqootti itti dhukaasuun, lubbuun ishee wareegame jira.

“Maaltu Yaada Deebii” Hawwisoo Qeerroo,Wallee Warraaqsaa Haaraa Artist Bashannanaa Haayiluun/Waxabajjii 2016

Aside

Qeerroon Wal Kaassee,Abbaa Irreef Hin Bulu” Wallee Warraaqsaa Haaraa Artist Hawwi Mohammed Fi Abbaabaa Dhugaasaa

Aside

SBO Waxabajjii 22,2016. Oduu, Gaaffii fi deebii barattoota Oromoo dhaabbilee barnootaa olaanoo fi sadarkaa adda addaa kanneen FXG keessatti hirmaataa turan waliin goone kutaa 2ffaa fi SBO Sagantaa Afaan Amaaraa

Aside

Sagalee Qeerroo Bilisummaa Oromoo (SQ) Qophii Waxabajjii 21,2016

Aside

Shaggar Lixaa Keessatti FXG Haalaan Jabaatee Itti Fufee

Aside

Waxabajji 20,2016
1bFincilli xumura gabrummaa Ambo Keessatti bifa Jabaan eegalee raafama guddaa Mootummaa Shororkaa Wayyaaneerraan gahaa jira FXG barattoo Amboon erga dheengadda eegalee har’as itti fufee jira.Haaluma kanaan Shaggar Lixaa Magaalaa Ambootti Manni Barumsaa Sadarkaa tokkoffaa Carii qabsoo Finiinsaa oolan.Haaluma kanarraa ka’uun qondaaltonni Wayyaanee manneen barnootaa kanneen akka Carii, Liiban Maccaa fi Mana Barumsaa qophaa’inaa xiyyeeffannoo addaa itti kennuun bahaa fi gala barataa eegaa jiru.Oolmaan magaalaa Amboo guyyaa har’aa qondaaltota Wayyaaneetiin guutamuun dirree waraanaa fakkaattee jirti yeroo ammaa kanas dabalatee humni waraanaa buufata godhatee itti duulaa jira.