Shaggar Lixaa Keessatti FXG Haalaan Jabaatee Itti Fufee

Waxabajji 20,2016
1bFincilli xumura gabrummaa Ambo Keessatti bifa Jabaan eegalee raafama guddaa Mootummaa Shororkaa Wayyaaneerraan gahaa jira FXG barattoo Amboon erga dheengadda eegalee har’as itti fufee jira.Haaluma kanaan Shaggar Lixaa Magaalaa Ambootti Manni Barumsaa Sadarkaa tokkoffaa Carii qabsoo Finiinsaa oolan.Haaluma kanarraa ka’uun qondaaltonni Wayyaanee manneen barnootaa kanneen akka Carii, Liiban Maccaa fi Mana Barumsaa qophaa’inaa xiyyeeffannoo addaa itti kennuun bahaa fi gala barataa eegaa jiru.Oolmaan magaalaa Amboo guyyaa har’aa qondaaltota Wayyaaneetiin guutamuun dirree waraanaa fakkaattee jirti yeroo ammaa kanas dabalatee humni waraanaa buufata godhatee itti duulaa jira.

2 thoughts on “Shaggar Lixaa Keessatti FXG Haalaan Jabaatee Itti Fufee

  1. Pingback: Oromia: #OromoProtests: Gabaasa Fincila Xumura Garbummaa (FXG) Oromiyaa 2016 ( June) | OromianEconomist

  2. Yaa Oromoo duriis qabsoon teenya wanti bakka ga’uu diddeef, yeroo shaggar ka’u Harar nirafa, yeroo Harar ka’u Wallaggi nirafa, haala kanaan diinni keenya lafa sossoinsa itti arke san human isaa irratti deebisuun akka lammada hin sossoone godhee laamsheysaa ture. Arraas haalli deemaa jiru waanuma kana dura hojjetamaa ture saniin walfakkaata, Wayyaaneen horoyxee keessi isii tortoree jira amma waanuma xiqqo isii dhiibu qofa kan hafe malee akka kuftetti jirti kanaaf humni Oromoo akka jioota shaman darbetti otoo yeroo takka walfaana ka’ee Wayyaaneef dhumate.

Leave a Reply

Fill in your details below or click an icon to log in:

WordPress.com Logo

You are commenting using your WordPress.com account. Log Out /  Change )

Twitter picture

You are commenting using your Twitter account. Log Out /  Change )

Facebook photo

You are commenting using your Facebook account. Log Out /  Change )

Connecting to %s