Milkeessaa Haayiluu Irraa
Akkuma baayyeen keessan hubattan yeroon fi barri amma keessa jirru kun haala heddu walxaxaa, qaxxaamuraa fi jijjiiramaa keessa jiraachuun keenyi hunda keenyaaf ifa galaa natti fakkaata. Haala ulfaataa fi jijjiiramaa ta,e kana immoo gara ofii keenya feenutti jijjiiruuf gara bilisummaa keenyaatti geessuuf kan beekumsa, dandeettii, humnaa fi hiree seenaa kan itti qabu isin dargaggoo oromoo (Qeerroo oromoo) Oromiyaa keessa jirtanii ti. Seenaan qabsoo ummata oromoo bara dheeraa suuta adeemee deemee dhufee harra irra gahee hiree ummata bal,aa oromoo harka keessan galchee akka jiru waan hubattanii dursitani beektanii dirqama seenaan isinitti keenne kana bakkaan galiidhaan gahuuf qabsoo hadhooftuu harka qullaa keessan morma diina jalatti diina waliin kookkee walqabaa akka jirtan diinnis firris ni beeka. Haata,uutii jireenyi gabrummaa, ummata bilisummaa hin qabnee bifa kamiinuu taanaan ulfaataa fi gadadoo akka ta,e ifaadha.DHAAMSA OROMUMMAA GABAABDUU ONNEE KIYYA IRRAA TAATE
Rabbi nu haa jabeessu isinis gama dandeessaniin waan dandeessaniin nu cinaa dhaabbadhaa Haqa falmannaa ni moonas!
uni
ty is strength unite