FXG Lixa Shaggar Ambo Keessatti Akka Itti Fufetti Jira.

Waxabajji 22,2016
Warraqsi barattota Amboon eegale daran babal’achuun uummata dabalatee jira Haaluma Kanaan Guyyaa har’aa mana Barumsaa futuritti qabsoon eegalame finiinaa deemuun Ummata Dabalachuun Cimee Jira.Qabsichi Itti Fufuun Daandii Amboo Gara Finfinnee Geessu Yeroo Murtaa’eef Cufamee Tureera! Qondaalttonni Wayyaanee Sadii Miidhamaniiru Akkasumas Konkolaataan Wayyaanee Haalaan Caccabdee Jirti.
Walumaa Galatti Wayyaaneen Har’a muddamuun  Oliif Gadi Kaachaa Ooltee Jirti. FXGn HAALA KANAAN MAGAALAA AMBOO FI NAANNOOSHEETTI ITTI FUFEE JIRA.
Gama biraatiin Lixa Oromiyaa Bakkeewwan Tokko tokko keessatti warraqsa finiineen Uummati gaaga’ama jabaa keessa jira,Gaaga’ama kana magaalaa Najjoo warra jirruu keessatti sochii barattoonni kaasaniin uumati humna waraanaa Wayyaaneen shororkeeffamaa jira.Akkasuma magaalaa Naqamtee keessatti humni addaa Hidda gabroonfattootaa kan turan,Kanneen Ayyaalee Faabboobet wajjiin hojjechaa turan irratti
tarkaanfii jabaan fudhatamee jira,Gareen diinaa kun kaayyoo Uummata Oromoof Afaan Oromoo barbadeessuu qabatee kan deemu,caasaa Lixa Oromiyaa keessatti bakkeewwan hedduu keessaa kan qabu yoo ta’u,Sochiif warraqsa uummataan akkasuma Humna addaa Lixa Oromiyaa keessa socho’uun caasawwaan isaanii addaan baafamanii jiru,Warreen hafanirratti tarkaanfii jabaan nii fudhatama achuma Wallagga bahaa Keessatti Magaalaa Arjoo jedhamtutti guyyoota muraasa darban keessa Qaamonni mootummaa namoota karaa deemaaniin Konkolaataa caccabsan jechuun Dhukaasa Namoota nagaarratti banteen naamoonni miliqanii kan hafan ta’ullee,Jabbiin Qote bultoota achii tokko rasaasa namatti dhukaateen ajjefamte konkolaataan Golden bus qabeenyummaan kan Wayyaanee kan ta’e Lixa Oromiyaa keessa socho’uu sodaate jira.

 

1 thought on “FXG Lixa Shaggar Ambo Keessatti Akka Itti Fufetti Jira.

  1. Pingback: Oromia: #OromoProtests: Gabaasa Fincila Xumura Garbummaa (FXG) Oromiyaa 2016 ( June) | OromianEconomist

Leave a Reply

Fill in your details below or click an icon to log in:

WordPress.com Logo

You are commenting using your WordPress.com account. Log Out /  Change )

Twitter picture

You are commenting using your Twitter account. Log Out /  Change )

Facebook photo

You are commenting using your Facebook account. Log Out /  Change )

Connecting to %s