Unknown's avatar

About Qeerroo

Welcome to Qeerroo Bilisummaa webiste! We are here to serve Qeerroo generation who are seeking freedom in their new emerging life.We are Hope for Oromians and lead by example. We have a saying, Follow the Kuusaa and do what the Yuubaa says. http://qeerroo.com

Shirootaa fi Afaan Fajjii Wayyaaneen TPLFn Ummata Irratti Xaxamaa fi Deemaa Jiru Gootummaa Qeerroon Fashalaa’ee FXG Itti Fufee Jira.

Aside

CirooGurraandhala 6,2017 /Sirni cunqursaa mootummaa jedhee of yaamu Wayyaanee TPLF yeroo ammaa maqaa haaromsa biyya keenyaaf jedhuun uummata Oromoo gidduutti afaanffajjii uummuuf yaalii akkaan jabaa ta,e gootus shiraa fi kijibni sirna  Wayyaanee deemaa jirtuuf  diddaa Qeerroo fi uummataan golee Oromiyaa mara keessatti Wayyaanee harkatti busha,aa jiraachuu Qeerroon gabaase.
Shiftoonni Wayyaanee kunneen diddaa uummanni Oromoo osoo walirraa hin kutiin waggaa 1 olirra dabarsee gochaa jirutti muffii fi gidiraan akkasumas cinqii keessa kan seenan saamtooni wayyaanee kunneen yeroo ammaa maqaa haaromsa biyya keenyaa gadi faggeenyaan xiinxaluu jechuun uummata oromoo golee oromiyaa mara keessa jiran walga,ii fi doorsisaan gidirsaa jiraachuunis saaxilame jira.

Continue reading

Hidhamtootni Ilmaan Oromoo mooraa Liinjii Waraanaa Wayyaanee kanneen akka Xoollaayi, Awaash Arbaa fi Bakkoota garaa garaatti hidhamuun hiraarfamaa turan gadhiifamuun gabaafame

Aside

because-i-am-oromoGuraandhala 5,2017 Hidhamtootni Ilmaan Oromoo mooraa Liinjii Waraanaa Wayyaanee kanneen akka Xoollaayi, Awaash Arbaa fi Bakkoota Garaa Garaatti hidhamuun hiraarkanneenfamaa turan wayyaaneen waan qabdee gadhiiftuu dhabuun maqaa leenjii haaromsaa gooneef jettuun hidhamtoota Oromoo muraasa kan gadhiiftee jirtu ta’uun ibsamera. Ilmaan Oromoo hiraarsa diinaa hamaa meessa turtan baga nagaan baatanii maatii fi hiriyoota keessanitti makamtan.

Continue reading

Oromia News_Network (ONN) Oduu gara garaa, Gur 5, 2017

Aside

Gurraandhala 5,2017  Oromia_News_Network (ONN)Tamsaasa isaa Satalayitii kallattiin Biyyoota Afrikaa Bahaa Addatti immoo Oromiyaa fi Ethiopia irratti fuulleffachuun Kan eegale ta’uu yeroo dhageenyuu gammachuun keenya guddaa ta’uu uummta Oromoo hundaaf ibsina. Addaatti immoo Hoog gantootni Koree_Boordii_Olaanoo ONN uummata Oromoof hojjechuuf Qabsoo bilisummaa Oromoo jabeessuu fi tokkummaa uummata keenyaa mirkaneessuu irratti roga kanaan ga’ee media bahachuuf akka jirani fi Oromoof hojjechuuf fedhii guddaa qabachuufi of kenninsa bu’aa dhuunfaa irratti hin hirkanneen bu’aa uummataafi qabsoo bilisuummaa Oromoo dursuun hojjeechuuf akka jiran Koreen boordii ONN ifatti of beeksisaniru.
Hooggantoota_ONN, Koree Bordii Olaanoo keessa muraasa:
1. Dr Moosisaa Aagaa hogganaa olaanaa ONN.
2. Dr Rundaasaa Asheetee barreessaa olaanaa ONN.
3. Obboo Elemoo Odaa miseensa Hojii rawwachiiftuu Olaanoo ONN
Ifatti Oromoof hojjechuuf onnee guutuun qabsoo bilisummaa Oromoo cina dhaabbachuuf kan jiraniifi haala waliigala dhimma uummata Oromoo fi Oromiyaa irraatti hojjechuuf kan jiran ta’uun hubatameera.
 

Sagantaan ” TV Gaaddisa Dhugaa” Karaa TV ONN Qilleensa Irraan Darbuuf Qophii Xumuratee Jira.

Aside

ONN: Oromia News Network

Aside

Godina Arsii Anaalee Gara Garaa Keessatti FXG Itti Fufe.

Aside

QeeroGurraandhala 4/2017 Godina Arsii bakkoota hedduutti Qeerroon barattoonni Oromoo M/B sadarkaa 1ffaa Faaruu Alaabaa farfachuu dhiisuun  fi Barnoota Lammummaaf Amala gaarii hin barannu jechuun itti fufuun Aanaa Doddotaa M/B Koloobaa fi M/B Boolloo keessattis eegaluunii jiraachuun itti fufee jira,Aanaa gololchaattis M/B Haroottis eegalamee jira, doorsifnii fi roorroon barsiiftonni ergamtuu
Wayyaanee ta’anis itti fufuun Arsii Aanaa Roobee M/B Ataabaa Adamii fi Haddaa Baamoo keessattis itti fufeera.

 

SBO: Gurraandhala 5 bara 2017. Oduu, Ibsa Addi Bilisummaa Biyyoolessaa Sidaamaa baase irratti gabaasa qindaa’e fi Gaaffii fi deebii Artiist Elemoo Alii waliin taasifame -Kutaa 2ffaa.

Aside

DR,QADIIDAA Show, Marsii Siyaasaa Dargaggoo Caalaa Haayiluu Waliin Taasise.

Aside

Sagalee Qeerroo Bilisummaa Oromoo (SQ) Guraandhala 3, 2017

Aside

Godina Arsii Garaa Garaa Keessatti FXG Jabaatee Itti Fufuu Qeerroon Gabaase.

Aside

Gurraandhala 3/2017 Godina Arsii Keessatti barruulee warraaqsaa Qeerroo Bilisummaa Godina Arsiitin maxxanfamaa jiruun wal qabatee barattoonni manneen barumsaa diddaa isaanii karaa adda addaatin gaggeessaa jiraachuun himamaa jira, Barattoonni manneen barnootaa sadarkaa 1ffaa godin Arsii Aanota gara garaa keessa jiran guyyoottan darban keessatti FXG karaa adda addaatin ibsachaa turuun isaanii kan yaadatamu yoo ta’uu ammallee Manneen barnootaa sadarkaa 1ffaa kan Akka manneen barnootaa Caffee Sabiroo, Doommaroo, Abaadir,Gabbee, Siree, Jiddaa, Bullaalla, Haddaa Baamoo, Ataabaa Bookee, Haliilaa, Kullaa, xiichoo, Jimaata, Xaqqee ciimoo, Ajjee keessatti argaman faaruu alaabaa faarfachuu dhaabudhaan barattoonni daa’imman fuulduraan hiriiranii jiran faaruu eegaluun warra duuban hiriire dargaggootaf shamarran farfachuurraa uf qusachuu isaanii hibatuun daa’immanis addaan kutanii jiraachudhaan Dura taa’onni manneen barnootaa gola golaan irra deemudhaan barattoota akka faaruu faarfatan doorsisaa jiraachuu Qeerroon barattoonni Oromoo gabaasaa jiru, Qabsoon karaa hundaan itti fufa. Continue reading