Unknown's avatar

About Qeerroo

Welcome to Qeerroo Bilisummaa webiste! We are here to serve Qeerroo generation who are seeking freedom in their new emerging life.We are Hope for Oromians and lead by example. We have a saying, Follow the Kuusaa and do what the Yuubaa says. http://qeerroo.com

ONN: Colonialism and its impact on public health” by Dr Beenyaa Fufaa Dhugaasaa

Aside

Allaattiin Fira Fakkaattee Sinbira Nyaatti

Aside

Damee boruu irraa

SinbiraRisaan yaroo samii gubaa irraa akka rasaasaa bubbisaa dhufu kan lafa jiru kaan mukatti kan boolatti namuudhaan lubbuu baafata. Risaan kan qabate gad dhisee hin beeku. kanaafuu fagooti akka sodaatamu tahe. Corofeen garuu sinbra fakkaatee sinbira keessa oolti.  Utuu sinbiroon tokko quba hin qabaatiin of bukkee dhaa buttee bocoqsuu itti kaati. Diina ofii yoo beekan fagootti of irraa eegu.  Amma danda’an of irraa facisanii yoo namaaf game jalaa baqatu malee tasa daaraa hin taan. Qaroo Oromoo hunda tasa daaraa godhee kan raawwate diina alaa utuu hin taane diina keessaa ti. Dhiiga lalistuu qarree fi qeerroo Oromoo kan dhangalaasaa ture fi jiru diina nu keessa jiru. Nuyi garuu diina isa alaa qufatti quba qabu feena.

Diinni  uummata Oromoo amma nutti of beeknu caala jabbinaa fi laafina keenya gadi fageesse  beeka. Ummatni Oromoo humna tokkoon yoo ka’e diinni isa dura dhaabatuu danda’u akka hin jirre beekamaa dha.  Saba Oromoo  cabsuufis tahe erga cabee bituuf diinni kan dhimmi itti bahe  Oromoota  afshaala, qaraa fi jabaa tahan qabachuudhaan akka saba isaani irratti bobani gochuun tooftaa isa duraa  ti. Bara Minilkii kaase amma bara Dargiitti namoota Oromoo  jajjaboo tahan  dhuunfaan akka uummata Oromoo caccabsanii diinaaf bitamu gochisiisuu dha. Continue reading

ONN- Ijoo Dubbii TV “GAADDISA DHUGAA” Gurraadhala 25,2017

Aside

Godina Harargee Bahaatti Keessatti Ummanni Waraana Liyuu Poolisii Somaalee Wayyaanee Dura Dhaabbachuu Jabeesse.

Aside

Guraandhala 26/2017 Goototni Qeerroon Dargaggootni Oromoo fi Uummatni Oromoo Godina Harargee Bahaa Magaalaa Cinqasaattii Warraaqsii Waraanni maqaa Liiyyuu Poolisii Somaalee jedhuun Wayyaaneen nurratti baneef hin jilbeeffannuu, waraanni duguuginsa sanyii rawwachaa jiruu fi daangaa Oromiyaa cabsee qe’ee keenyarraa nu buqqisaa jiru hatattamaa nurraa ka’uu qaba , Waraanni Koomandii poostii Wayyaanee dabballummaa siyaasa wayyaaneef hiriire Oromiyaa gadhiisee bahuu qaba jechuun Guraandhala 24/2017 Warraaqsaa FXG Finiinsaan.

Continue reading

Mother Oromia Artist Ilfee Qannoo ” Ani Abdii Hin Kutadhu Sabboonaa Ganamaa”

Aside

Godina Arsii Aanaa Kofalee magaalaa Kofalee fi Aanaa Seeruu Magaalaa Seeruu Keessatti Dargaggoonni Oromoo Olola Ergamtoota TPLF Dura Dhaabbatan.

Aside

Gurraandhala 25,2017

Godina Arsii Aanaa Kofalee magaalaa Kofalee keessatti Guyyaa har’aa Sanbata Ergamtoonni OPDO dargaggoota walitti qabdee hojii isinii uumna jechuun itti kijibaa oolte,Dargaggoonni wal gahicharratti argamanis erga baajanni ramadamee baajata kana kan ramade Mootummaa Naannoo Oromiyaa erga jettanii hojii dhabdoonni hojiin uumamuuf ilmaan Oromoo qofa mo?  Sabaaf sablammiin Oromiyaa keessa jiraatus irratti hirmaata? Biyya takka ijaarra jettanii kunoo sumaalenis ummata keenna Daangaa isii irratti argaman akka ilmoo waraabessaatti lafarraa duguugaa jirti kanaaf Dhaabni keessan maaf ummata keenna cinaa hin dhaabanne,waraanni raayyaa ittisa biyyaa maaf sumaalee cinaa dhaabbate jechuun kaabinoota mootummaa mataa gara galchaa ooluun dhagayameera. Continue reading

SBO Gurraandhala 26,2017. Oduu, Gaaffii fi deebii Art.Eebbisaa Solomoon waliin godhame kutaa 3ffaa fi Gabaasa

Aside

Wallee Artist Qabsaawaa Goticha Kadir Martuu/Yaa Obboleeyyan Koo?

Aside

Sagalee Qeerroo Bilisummaa Oromo (SQ) Gur 24, 2017

Aside

SBO: Gurraandhala 24 bara 2017. Oduu, Haala Baqattoota Oromoo Suudaan keessaa irratti gaaffi fi deebii gabaabaa baqataa Oromoo magaalaa Kaartuum jiraatu waliin taasifamee fi Gaaffii fi deebii Artiist Eebbisaa Solomoon -Kutaa 2ffaa.

Aside