Godina Harargee Bahaatti Keessatti Ummanni Waraana Liyuu Poolisii Somaalee Wayyaanee Dura Dhaabbachuu Jabeesse.

Guraandhala 26/2017 Goototni Qeerroon Dargaggootni Oromoo fi Uummatni Oromoo Godina Harargee Bahaa Magaalaa Cinqasaattii Warraaqsii Waraanni maqaa Liiyyuu Poolisii Somaalee jedhuun Wayyaaneen nurratti baneef hin jilbeeffannuu, waraanni duguuginsa sanyii rawwachaa jiruu fi daangaa Oromiyaa cabsee qe’ee keenyarraa nu buqqisaa jiru hatattamaa nurraa ka’uu qaba , Waraanni Koomandii poostii Wayyaanee dabballummaa siyaasa wayyaaneef hiriire Oromiyaa gadhiisee bahuu qaba jechuun Guraandhala 24/2017 Warraaqsaa FXG Finiinsaan.

 Guraandhala 24/2017 Harargee Bahaa Canqasaattii guyyuma Warraaqsii dhohee naannoodhuma sana bakka Baaduu jedhamuun beekamuutti humni Ittisa uummataa waraanaa maqaa LiyuuPoolisii Somaalee jedhamuun uummata keenya fixaa jiruu irratti tarkaanfii haleellaa fudhateen liyuu poolisii irra lama du’aan adabee jira. Naannoo kanatti guyyaa har’aa jechuun Guraandhala 26/2017 mootummaan wayyaanee waraanaa koomaandii Poostii heddumminaan bobbaasuun qaama waraanaa Liyuuhayilii kana ajjeesee baasaa jechuun uummata hiraarsaa jiriti.Akkasumaas Waraannii komaandii poostii hedduminaan Magaalaa Cinqasaa irra qubsiifamuu maddeen Qeerroo Gabaasan.
 Wayyaaneen Sagalee uummataa Ukkamsuuf of ijibbachaa jiraachuu maddeen keenya gabaasan. Gabaasaa baldhaan walitti deebina.

Leave a Reply

Fill in your details below or click an icon to log in:

WordPress.com Logo

You are commenting using your WordPress.com account. Log Out /  Change )

Facebook photo

You are commenting using your Facebook account. Log Out /  Change )

Connecting to %s