Unknown's avatar

About Qeerroo

Welcome to Qeerroo Bilisummaa webiste! We are here to serve Qeerroo generation who are seeking freedom in their new emerging life.We are Hope for Oromians and lead by example. We have a saying, Follow the Kuusaa and do what the Yuubaa says. http://qeerroo.com

Hawwisoon Qeerramsoo Dirree Maal Jedhanii Turanii??

Oduu adda addaa Bitootessa 11, 2017

Aside

Bitootessa 11/2017 Guyyaa Har’aa Mahaalaa Ambootti Uummatni Oromoo Magaalaa Amboo fi Naannoo Isheetiin Sirni Simannaa reeffa Sabboonaa Oromoo Abbaa Seeraa #Hayiluu_Kiflee_Leellisaa gadda guddaa onnee nama tuquun uummatni Oromoo bahee Simate. Sirna awwaalchaa isaa irratti Argamuuf Dargaggootni Oromoo Godina Lixa Shaggar addatti Aanotaa Naannoo Amboo fageenyaa fi dhiyeenyaa irraa irratti argamuuf hedduminaan dirmachuuf socho’aa jiraachuun gabaafame. Magaalaan Amboos kan duriin olitti Waraanaa Wayyaanee Komaandii Poostii humnaa oliin eegamaa fi raafama guddaatu jira. Guutummaa Sirna Gaggeessaa sabboonaa Oromoo Abbaa Seeraa Hayiluu Kifilee guyyaa boruu gaggeeffamuuf jiruu isiniif dhiyeessina.


Continue reading

Dargaggoo Oromoo Abbaa Seeraa Hayiluu Kifilee Waraanaa Koomandii Poostii Wayyaaneen Ajjeefame

Aside

Image may contain: 1 person, closeupBitootessaa 10/2017 Dargaggoo Oromoo Abbaa Seeraa  Hayiluu Kifilee Waraanaa Koomandii Poostii Wayyaaneen Ajjeefamee Bosona Iluu Abbaa Booraa naannoo Mattuutti gatamee Bitootessa 9/2017  kan argamee yoo ta’uu, Baatii lama fuuldura Ukkaanfamee eessa buuteen isaa kan dhabamee ture ta’uu maddeen Qeerroo Bilisummaa Oromoo Magaalaa Amboo gabaasan.

Continue reading

SBO Bitootessa 12,2017. Oduu, Ibsa Koree Hoji-Raawwachiistuu Tumsa Ummatootaa Bilisummaa fi Dimokraasii akkasumas Gabaasa walgahii ABO Torontoo

Aside

SBO Bitootessa 03,2017. Oduu, Ibsa Koree Hoji-Raawwachiistuu Tumsa Ummatootaa Bilisummaa fi Dimokraasii akkasumas Gabaasa walgahii ABO Torontoo

Aside

Ummata Gabrummaa Jala Jiruuf Furmaanni Qabsoo Qofaa dha!

Aside

Baarentuu Gadaa Irraa

Gabrummaa jala jiraachuun du’aan gararraa, jiraan garjallaa akkuma jedhamu san akkaan hammaataa dha. Namni gabrummaa jala jiru; jiruun isaa jiruu jireenyaan gadiiti. Kan kiyya jedhu hin qabaatu, dubbatu kan jalaa dhagahu hin jiru, iyyatu kan mirmatuufis hin jiru. Nama ta’ee osoo jiruu gabroonfattootaan gadootti ilaalama. Abbaa biyyaa ta’ee osoo jiruu akka lammii lammaffaatti itti rorrifama. Qabeenya isaatti halagagaadha. Biyya isaatti Orma. Walumaa galatti nagahaan bahee galuu hin danda’u. Kan ummanni Oromoo barootaaf keessumaa bara bittaa wayyaanee keessa jirus dhugaadhuma akkasiiti. Continue reading

ONN: Nation Building, Recognizing and acknowledging Achievements -by OPG

Aside

The Ethiopian Government Denies Ogaden Somali People Medicine and Food as Cholera Epidemic Daily Kills Hundreds.

Aside

Press Release by PAFD, March 10, 2017

In its Press Release of March 08, 2017, the Ogaden National Liberation Front (ONLF), one of the key PAFD’s founding members, has stated that, between 05 and 08 March 2017 alone, more than 300 people died of unreported and government concealed Cholera epidemic currently rampaging Ogaden Somali region. Coupled with the ongoing and chronic drought and deliberate neglect of the region, the people are severely affected thus dying at an alarming rate. Therefore, the figure could be much higher. This is not the first time when the regime aimed at inflicting serious damage to the Ogadeni Somali people. It has been understood that, Tigray People’s Liberation Front (TPLF) lead Ethiopian regime has in fact committed genocide on several occasions in this region since 1994. Continue reading

SQ: Sagalee Qeerroo Bilisummaa Oromo, Bitootessa 10, 2017

Aside

Dhimma olola OPDOn Afarsituun wal qabatee dhamsa gabaabduu ilmaan Oromoo mirga Oromoo kabachiisuuf kuftanii ka’aa jirtan hundaaf: 

Aside

         Seenessaa Qeerrootiin.
 Yaa Uummataa Oromoo OPDO dhaaba ergamtuu Wayyaanee fi ulee harka mirgaa Wayyaanee qabsoo keetiin irra aantee waan jirtuuf ofitti hin deebisiin!! Amma qabsoon keenyaa inni guddaan mootummaa Wayyaanee afaan qawween Oromiyaa shororkeessa jiruu waliini malee OPDO warraaqsaa keenyaan irraa aannee jirra, Uummatni Oromoo, beektootnii fi jaarmiyaaleen siyaasaa Oromoo injifannoo guddaa qabsoo hadhooftuu ilmaan Oromoo qaaliin itti wareegamaniin galmoofteen OPDOn kuftee maqaa qofaan malee hin jirtu. Kanaaf har’a lubbuu horachuuf waxxifachaa kan jirtuuf. Kanneen duubaa teessaanii Oromiyaa fi qabsoo bilisummaa Oromoo irraa fagoo dhaabbattanii OPDO fayyisuuf wixifachaa jirtaan of eeggadha. Uummatni Oromoo, Qeerroon bilisummaa Oromoo, beektootni fi Actiivistootni Oromoo fi jaarmiyaaleen Qabsoo bilisummaa Oromoo injifannoo diinaa fi ergamtuu diinaa OPDO irratti qabsoon gonfachaa jirru daranuu jabeessinee eeggachuun qabsoo bilisummaa Oromoo jabeessuun mootummaa abbaa irreetti xumura gochuuf yeroon waloo fi gamtaan qabsootti jabaannuu yoomiyyuu caalaatti amma.

Continue reading