Unknown's avatar

About Qeerroo

Welcome to Qeerroo Bilisummaa webiste! We are here to serve Qeerroo generation who are seeking freedom in their new emerging life.We are Hope for Oromians and lead by example. We have a saying, Follow the Kuusaa and do what the Yuubaa says. http://qeerroo.com

Haala Yeroo irratti YAADACHIISA Qeerroo Bilisummaa Oromoo irraa kenname.

Yeroo ammaa golee Oromiyaa mara keessatti lammiileen Oromiyaa gamtaan ka’uun hiriira deeggarsaa MCBO fi balaaleffannaa sirna bulchinsa PPtti jiru. Qabsoon barattoota, Qeerroo Bilisummaa Oromoo kun uummata haamilachiisee itti fufinsaan gaggeeffamaa jira. Lammiileen Oromiyaa biyya isaanii keessatti nagaan akka jiraataniif filannoo fakkeessaan dura Mootummaan Cehumsa Biyyoolessa Oromiyaa akka dhaabbatu, hidhamttootni siyaasaa haalduree tokko malee akka hiikaman, haqni ajjeechaa Artist Haacaaluu Hundeessaa qaama walabaan haa qoratamu, ajjeechaa fi gochaaleen sukkanneessaan Oromiyaa keessaa haa dhaabbatu kanneen jedhan gaaffiilee ijoo dha. Hiriirri eegalame guyyaa 8ffaa irratti kan argamu yoo tahu,hanga gaaffiileen gaafataman hundi lakkaa’amanii deebi’anitti itti fufa.
Lammiilee Oromiyaa;
Qabsoo taasisnu keessatti wareegama kaffaluun waan jiraati. Qabsoon Qeerroon Bilisummaa Oromoo taasisu qabsoo karaa nagaa hiriira nagaa bahuuni dha. Ammas kanumaan itti jira. PPn gaaffiilee mirgaa lammiileen Oromiyaa gaafataa jiraniif deebii kennuu irra ammas hidhuu itti fufte. Filannoon haqaa akka jiraatuuf waajjiraaleen dhaaba Oromoo, ABO fi KFO akka banaman, hooggantootnii fi miseensotni dhaabichaa akka hiikaman gaafatamus inumaa miseensota, deeggartootaa fi sabboontota mana hidhaatti guuruun itti fufe. Kanaaf,gochi akkanaa PPn haamilee kutachuu kan agarsiisu tahuu hubachuun qabsoo eegalle karaa namuusa qabuun jabaannee akka itti fufnu yaadachiisaa hiriirri kana boodas tahe amma taasifamaa jiru qaama hiriira deeggarsaa Mootummaa Cehumsa Biyyoolessa Oromiyaa fi mormii sirna bulchinsa PP tahuu jabeessinee hubachiisna.
Qeerroo Bilisummaa Oromoo
Guraandhala 12, 2021

Ibsa Itti fufa hiriira deeggarsaa MCBO fi Mormii sirna bulchinsa PP ilaachisee kenname.

 

 

 

 

Ibsa Itti fufa hiriira deeggarsaa MCBO fi Mormii sirna bulchinsa PP ilaachisee kenname.

Ibsa Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Uummatni biyyi isaa hin kabajamne kabajaa hin qabuuf jecha Oromoon qe’ee isaa kabajsiisuuf, irratti murteessuuf, nagaan bahee galuuf qabsoo hadhooftuu gaggeessaa ture; wareegama qaalii gootota kumaatama itti wareeges kaffale. Dhaabotni Oromoo qabsoo Oromoo kana galmaan gahuuf qabsoo Oromoo hoogganaa turan, ABO fi KFOn akkasumas Jaarmayaalee fi Waldaaleen Oromoo sabboonummaa uummatichaa cimsuun lammiileen Oromiyaa hiree isaanii ofiin akka murteeffataniif dammaqsan. Kana irraa ka’uun bara 2011 ALA/2003 ALHtti Jaarmayaan Qeerroo Bilisummaa Oromoo ifaan labsamee namuusaa fi qajeelfama ABO tiksuun qabsoo Oromoo ceesisuu itti fufe. Qabsoon Qeerroo Bilisummaa Oromoo barattoota Yuunivarsiitii, manneen barnootaa sadarkaa lammaffaa fi 1ffaa keessatti eegale artistoota Oromoo hirmaachisuun uummata Oromoo walii gala dhaqqabe. Uummatni Oromoos gamtaan dammaqee wareegama daa’imaa hanga maanguddoo, qarree fi qeerroon itti wareegame kaffaluun Wayyaanee waliin morma wal hudhe.

Continue reading

Guutummaa Oromiyaa keessatti Fincilli Diddaa Gabrummaa Itti Fufee jira.

Guutummaa Oromiyaa keessatti Fincilli Diddaa Gabrummaa Itti Fufee jira. Guyyoota Muraasa as deeman keessas caalaatti jabaatee bifa adda addaan magaalotaa fi Baadiyyaa Oromiyaatti itti fufa.

May be an image of one or more people, people standing and outdoors

Godina Horroo Guduruu Magaalaa Shaambuutti FXG itti fufee jira.

Godina Horroo Guduruu Wallaggaa ,Magaalaa Shaambuutti FXG itti fufee jira.

May be an image of tree, road, sky and street

IBSA GADDAA- DU’AAN BOQOCHUU OBBO TSAGAYEE YAA’II MALKAA

(Ibsa ABO – Guraandhala 7, 2021)
Obbo Tsagayee Yaa’ii Malkaa du’aan boqochuu isaanii yeroo dhageenyu gadda guddaatu nutti dhgahame.
Sabboonaan Oromoo, qabsaawaan gameessii, jireenya isaa guutuu qabsoo saba Oromoo tiif kan kenne, obboleessi keenya Obbo Tsagaye Yaa’ii Malkaa Gurandhala 5, 2021 adunyaa kanarraa du’an boqotan.
Yaa’ii Malkaa, handhuura Oromiya, Finfinnee keessatti dhalatee kan guddate yeroo tahu, eenyummaa isaa odoo hin dagatin, alagatti odoo hin harkifatin, Oromummaan qaramee kan guddate ta’uun jireenya isaa qabsoof akka wareegu wanneen godhanii dha.

Continue reading

Walisootti hirriiri deeggarsa MCBOf godhamuu fi hidhamtoota keenyaaf lubbuu keenya kennina jedhu gaggeeffamaa jira.

[SQ-Guraandhala 8/2021]
May be an image of one or more people, people walking, people standing, outdoors and crowd sirna pp balaaleffatuu fi MCBO ni tumsina ABO fi KFOn dhaabota keenya hidhamtoonni siyaasaa Oromoo haal duree tokko malee hiikamuu qabu.
Hidhamtoota siyaasaa keenyaaf lubbuu keenya ni kennina PPn diina Oromoo fi lammiilee Oromiyaati kan jedhu hiriirri mormii Kibba Lixa Shaggar Magaalaa Walisoo keessatti barattoota mana barumsaa sadarkaa 2ffaa fi 1ffaan kan eegale hawaasa maaaglichaa hirmaachisuun gaggeeffamaa jira.
Nagaa fi tasgabbii waaraaf MCBO hundeeffannee gara Filannootti akka deemamuuf wabii nageenya keenyaa MCBO kan qaamota hawaasaa hunda hirmaachise haa hundeeffannu.

Harargee Adaboot keessatti hiriirri barattootaan eegale hawaasa hirmaachise

[SQ- Guraandhala 8/2021]
May be an image of one or more people, people sitting, people standing and outdoors mormii sirna pp balaaleffachuun Barattootaan Oromiyaa bakkoota hundatti itti fufe Harargee Asabootiitti hawaasa magaalichaa dabalatee mormii bulchinsi pp nuuf hin taatu jedhu gaggeeffamaa jira.
Hiriira kana irratti hidhamtoota siyaasaa saffisaan Akka hiikaman kan gaafatan yoo tahu paartiileen Oromoo ABO fi KFOn dhaaba ummata Oromoof dhaabbatanidha jechuun tumsa isaaniif qaban dhageesisaa nagaa fi Tasgabbiin akka jiraatuuf filannoo Biyyoolessaa dursa MCBO hundeeffachuun dirqama lammiilee Oromiyaa tahuus dhaamsa dabarfataniiru.

Mi’eessootti hiriirri mormii pp balaaleffatuu fi MCBO tumsu gaggeeffamaa jira.

[SQ- Guraandhala 8/2021]
Harargee lixaa Mi’eessootti Hiriirri sirna abbaa irree pp balaaleffatu kan tumsa MCBOf godhamu barattootaa fi hawaasa naannichaan gaggeeffamaa jira.May be an image of 1 person, standing, outdoors and crowd
Hiriira kana irratti lammiileen Oromiyaa kan qooda fudhatan yoo tahu hidhamtoonni siyaasaa nuuf haa hiikaman , MCBO nuuf haa hundaayu , filannoo dura nageenyi lammiilee mirkanaayuu akka qabu dhaadannoolee hiriirichaati.
Hidhamtoonni siyaasaa lagannaa nyaataa irra jiranis tahe kanneen manni murtii bilisa baasee poolisiin hidhee dararu hatattamaan akka hiikamanii fi qaamota olaantummaa mana murtii tuffatan irrattis akka tarkaanfiin fudhatamu gaafataa sagalee isaanii dhageesisaa jiru

Lixa Oromiyaa Magaalaa Gimbiitti Hiriirri mormii pp barattootaan gaggeefamaa jira.

[SQ-Guraandhala 8/2021]
May be an image of one or more people, people standing and outdoors mormii barattoota mana barumsaa qophaayinaa Amboon Guraandhala 5/2021 kan eegale yeroo amma aoromiyaa hunda keessatti hiriirri kun jabaatee itti fufuun bahaa hanga dhihaa , kaabaa hanga kibbaa oromiyaa keessatti balaaleffannaan sirna pp barattootaan dhohee kan jira.
Haala kanaan guyyaa har’aa guraandhala 8/2021 Oromiyaa lixaa Gimbii fi Mandiittii gaggeeffamaa kan jiru yoo tahu kibba Oromiyattis Boorana Yaaballoottin gaggeeffamaa jira.
akkasumas kibba baha Oromiyaa Arsii keessatti sochiin hiriiraa kun barattootaan gaggeffamaa kan jiru yoo tahu Horroo Guduruu Wallaggaa magaalaa Shaambuuttis sochiin barattootaa kun eegalee jiraachuu gabaasaan arganne ifa godha.
Hiriira kana irratti dhaadannooleen barattootaan gaggeeffamaa jirani:
Hidhamtootni siyaasaa haa hiikaman
MCBO lammiilee Oromiyaaf haa hundeeffamu
Ajjeechaan lammiilee Oromiyaa irratti waraanaan gaggeeffamu haa dhaabbatu
ppn nun bulchitu kan jedhuu fi kanneen biroon dhaadannoolee hiriira kanaati.

Ajjeefamuu Barataa Diqqaa Dabassoo booda hiriirri mormii haalaan dhohe.

May be an image of 2 people, people standing and outdoors[SQ- Guraandhala 8/2021]
Ganama har’aa Godina Booranaa Magaalaa Yaaballootti barattoota karaa nagaa sagalee isaanii dhageesifataa jiran irratti waraanni pp dhukaasa baneen barataa Diqqaa Dabbasoo yoo wareegamu barattoota biraa irra miidhaa qaqqabuun dhagahame.
Barattoota nagaan sagalee isaanii dhageesifataa ture irratti dhukaasa banameen miidhaa qaqqabetti kan mufatan yeroo ammaa dargaggootni magaalaa Yaaballoo barattoota waliin hiriiruun hiriira balaaleffannaa sirna PPn amma itti jiru cimsanii gaggeeffachaa jiru.