Ajjeechaan Karrayyuutti Abbooti Gadaa dabalatee jumala uummataa keenyarratti rawwate Duula Oromoofi duudha isaa balleessuuf PP’n rawwatteedha!
Ibsa Qeerroo Bilisummaa Oromoo!
Sirni Afaan Qawween uummataa Oromoo bulchaa jiru Bilxiginnaan erga angoo biyyatti humnaan qabate agaami inni Oromummaa baleessuuf rawwachaa jiru yeroo yeroon dabalaa akkuma dhufen Uummata Oromoos gatii guddaa kaffalchiisutti argama.
Duudhaafi Aadaa sabaa tokko yoo cabsan salphatti Uummaticha cabsun niidanda’ama PP’nis tooftaa kanaan Uummata Oromoo cabsuuf tarkanfi hadha’a uummaticha irratti fudhachuutti jira.
Uummata Oromoo yeroo adda addatti kutaan gargar qooduuf murni PP waan hin goone hin qabu sanatti milka’uu waan hanqateef Abbooti Oromoo Aadaafi sirna Oromoon qabu dhaloota dhaalchiisutti argaman garaa jabeenya guddaan ajjeessun Duudha , Aadaa Fi Eenyummaa Oromoo balleessuuf akka ta’e Ajjeechaan Karrayyuutti Abbooti Gadaa (Abbaa Bookuu) dabalatee dargaggoota bor Gadaa Micheelle dhaluun Gadaa fudhachuuf abdataman irratti rawwate argisiiftu guddadha.
Sirnoonni yeroo hundaa Oromoo birratti gaddan yaadataman kanneen akka Miniliik, Hayilee Silaasee, Dargii fi EPRDF Duudhaa fi Aadaan Oromoo eenyummaan Oromummaa akka baduuf waan hin goone hin qaban. Continue reading