Maqaa ABO itti moggaasanii muudama kennuu dandahu; kaayyoo fi akeeka ABO dhugaa garuu uummata irraa hanqisuu hin dandahan!

Ibsi Maqaa “Waamicha Qabsoo Qeerroo Bilisummaa Oromoo” kan jedhuun bahee  Facebook irratti daddarbaa jiru ilaalchisee hubachiisa Qeerroo Bilisumaa  Oromoo Irraa Kenname. – Rabira News

Maqaa ABO itti moggaasanii muudama kennuu dandahu; kaayyoo fi akeeka ABO dhugaa garuu uummata irraa hanqisuu hin dandahan!

Ibsa Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Murni PP tibbana ‘mootummaa haaraa hundeessina’ jechuun harcaatota mooraan qabsoo dadhabe maqaa ABOtiin aangoo kennus dhaaba dhiigaa fi lafeen jiraatee as gahe ammas jiraataa jiru ABO fi ummata Oromoo akkasumas Qeerroo Bilisummaa Oromoo bakka hin bu’an.
Qeerroon Bilisummaa Oromoo kaayyoo fi akeeka ABO jalatti heeraa fi seera ABOn taliigamee Oromiyaa walaba ijaaruu, ummatni Oromoo biyya abbaa isaa Oromiyaa irratti hiree isaa mataa isaan akka murteeffatuuf kan irbuu seenee qabsootti jiru malee Itoophiyaa goototaa fi hayyoota Oromoo dabalatee dhaloota kichuu kumaatamaan galaafatte ammas galaafachaa jirtu ijaaruuf miti.
Mooraa Qabsoo Oromoo keessatti namootni faayidaa fi fedhii dhuunfaaf jecha qabsoo qabsaa’otni kumaa kitilli itti kufan ammas kufaa jiran irra tarkaanfatanii hiree fi sadoo isaaniif qabsicha ganan yoomillee qabsoo Oromoo ABOn durfamu akka bakka hin buune gadi jabeessinee ibsaa akkuma turre ammas ni ibsina.
Muudama paartiin PP tibbana harcaatota qabsoo keessaa bahanii ummatnis jibbee Qeerroon Bilisummaa Oromoos balaaleffate, gantoota mooraan Qabsoo Bilisummaa Oromoo baachuu dadhabee harcaase paarlaamaa gogaa waraabessaan ijaarame keessatti kan Dr Abiy maqaa ABOn muudama kenne dhaaba keenya ABO kan bakka hin buunee ta’uu uummannia tolchee hubata jennee amanna. Gocha PPn seerawaa fi dimokiraatawaa of fakkeessuuf maqaa ABO fayyadame Qeerroon Bilisummaa Oromoo cimsee kan balaaleffatudha.
Ummatni Oromoos tahe addatti immoo Qeerroon Bilisummaa Oromoo yeroo ammaa kanatti namas tahe mootummaa filatee bakka buufate hin qabu. Mootummaa ummataan filamee ummataaf dhaabbatu ijaarratee Oromiyaa walabaa gadi dhaabee dimokiraasii dhugaa diriirsuuf immoo qabsoo isaa kallattii hundaan Qeerroon Bilisummaa Oromoo kaayyoo fi akeeka ABO jalatti heeraa fi seera ABOn masakamee qabsoo gaggeessaa wareegama qaalii kaffalaa jira. Murni amma filannoo Impaayera Itiyoophiyaa keessatti beekamtii fi ulaagaa Idil Addunyaa hin guutneen akkasumas dhaabbileen Oromoo ABO fi KFOn filannoo keessaa dhiibamanii bahaniin seerawaa of gochuuf watwaatee ‘mootummaan ijaara’ jedhu keessaa ummatni Oromoos Qeerroon Bilisummaa Oromoos bakka bu’aa hin qabu.
Dhuma irratti, Qeerroon Bilisummaa Oromoo Dhaabni keenya ABO kan filannoo keessaa dhiibamee bahee hoggantootni fi Qondaaltotni dhaabichaa manneen hidhaa adda addaatti dararamaa wayita jiran, waajjiraaleen ABO muummicha Gullallee dabalatee ugguramee wayita jirutti maqaa ABOn daldala siyaasaa oofuuf PPn muudama hoggantoota ABOf kennine jettu kan Ummata Oromoo fi Qeerroo Bilisummaa Oromoo bakka hin buune tahuu hubachuun ummatni keenya har’as akkuma kaleessaa qabsoo keenya dhaaba Keenya ABO jalatti gurmoofnee qabsoo Bilisummaaf godhamuuf xurree qabsaa’otni keenya nuuf baasanii wareegaman irraa osoo hin maqiin akeekaa fi kaayyoo wareegamtootaa galmaan akka geenyu dhaammanna. Mootummaa mataa keenyaa ijaarrachuudhaan biyya keenya dhuunfachuuf qabsoo keenya itti haa fufnu jechaa, murna afaan qawween aangoo isaa tiksachuuf maqaa ABOn daldalu hunda dura dhaabbachuun dirqama qabsoon gaafattu akka ta’e Qeerroo Bilisummaa Oromoo fi uummata keenya hubachiisna.
Qeerroo Bilisummaa Oromoo
Onkoloolessa 9/2021
Finfinnee Oromiyaa
 
 
 
 
 
 
 

1 thought on “Maqaa ABO itti moggaasanii muudama kennuu dandahu; kaayyoo fi akeeka ABO dhugaa garuu uummata irraa hanqisuu hin dandahan!

  1. Pingback: Maqaa ABO itti moggaasanii muudama kennuu dandahu; kaayyoo fi akeeka ABO dhugaa garuu uummata irraa hanqisuu hin dandahan! – Site Title

Leave a Reply

Fill in your details below or click an icon to log in:

WordPress.com Logo

You are commenting using your WordPress.com account. Log Out /  Change )

Twitter picture

You are commenting using your Twitter account. Log Out /  Change )

Facebook photo

You are commenting using your Facebook account. Log Out /  Change )

Connecting to %s