Ibsa Ejjennoo Miseensota ABO Konyaa Washington, DC

Murna ABO keessaa of baasee Seer-dhablummaan afaan faajjii uummaa jiru irratti
Bitootessa 16, 2021
Oromoon akkuma biyyoota addunyaa irraa motummaa, bulchinsaa fi aadaa mataa isaa qaba ture. Garuu jaarraa tokkoo fi walakkaa dura qawwee koloneeffataan cabee haqa isaa kana dhabee hacuuccaa hangana hin jedhamineen gidiraa argaa jira. Hacuuccaan akkasii kuni Oromoo bara dheeraaf lafa isaa irraa fudhatee; akka hinbarannee fi afaan isaatiin hin dubbanne daangessee; lafuma isaarratti hidhaa fi ajjeesaa ture. Waanjoo gabrummaa kana saba isaaniirraa buqqisanii gatuuf ijaaramanii qabsaa’un barbachisaa ta’uu warri itti mul’ate ABO bu’uressuun qabsoo eegalani. ABOnis heeraa fi seera qabsoo ittiin geggeessu baafachuun, imaammataa fi kaayyoo dhaan masakamuun qabsoo hadhooftuu geggeessaa turee, har’as itti jira. Adeemsi wal’aansoo kanaas rakkoo malee hintuurre. Oromiyaan diinaaf galaana qurxummii keessaa qabatani, boba’a keessaa waraabbatani fi madda jalisii jireenya gaarii waan taateef hanganuma ciniinatani nu lolaa jiru. Lolli kunis nu qabuu, hidhuu fi ajjeesuu duwwaa osoo hintaane numa keessaa namootaa burjaajjoftuu, dantaadhaa fi qarshidhaan salphaatti bitaman qabachuun qabsoon keenya hanga yoona akka galma hin geenye gochuun bara gidiraa Oromoo dheeressaa jiru. Ammas akkuma baratan murna harcaatuu tokko baasuuf kan yaalaa jiran fakkaata.

Continue reading

Ibsa Ejjannoo Gamtaa Qeerroo Bilisummaa Oromoo Shaallaa Irraa Kenname :

Akkuma beekamu dhaabni Adda Bilisummaa Oromoo ABOn” Dhaaba woreegama qaalii kafalee Ijaarame kiyyoo Diinaa Baay’ee Injifatee Osoo Diinni Ilkee Itti Qaratu Badhinnaaf Dhiphinna Hunda Dandamachuu Dhaan Ciniinnatee Ardha Gahe “Ta’uu Diinnis Firris Sirritti Beeka. ABOn Kaayyoof Akeeka Bilisummaa Oromoo fi Oromiyaa Irrati Gootota Daangaa Hin Qabne Gabbarree Aarsaa Gurguddaa Kafalee Ardha Gahee Jira. Ammas Kafaluu Irratti Argama.
Addi Bilisummaa Oromoo Qabsoo Woggoottan Hedduun Dura Geggeefamaa tureen dhiigaaf Lafee Cabsee Karaa Adda Addaatiin Geggeessaa Turuu Ilma Oromoos Ta’ee Diinnis Tolchee Beeka.
Ciniinsuu Bara Rakkoo San Tarkaanfatee Dhiphinna Hunda Obsee Haga Guyyaa Ardhaa Jiruu Ofafoos Itti Fufee Jiraatudha.
Haaluma Kanaan Diinonni Jibbiinsa Dhaaba Guddicha Onnee Ummata Oromoo Keessatti Dagaagee Ijaarame Kana diiguuf tana Duras yaalaa turanii harkatti fashalaa’ee jennaan Tibba Kanas Yaalii Ijjibbaataa Gochuu Irratti Argamu. Kanuma Sababeefachuun Nuti Gamtaan Qeerroo Shaallaa Ibsa Ijjannoo Diinota Ummata Oromoo fi Dhaaba Guddicha Kana Jibban Kana Akeekachiisu Baasuuf Erga Marii Goonee Booda Qabxiilee Asii Gadii Kana Irratti Woliif Gallee Jirra :
_______

Continue reading

IBSA EJJENNOO MISEENSOTA ABO KONYAA OSLO

Kora sabaa seeraan ala maqaa ABOtiin waajira Mummee ABO Gulalleetti gaggeeffame ni mormina.

Hookkarri gantoota keessaa fi tika mootummaan qindaa’e guddatee guyya Bitootessa 13, 2021 Kora Sabaa Hooggantooti, Miseensotni fi Deggertootni Adda Bilisumma Oromoo kamuu irraa quba hin qabne “Kora Sabaa ABO geggeeffanne” jechuun bifaa Ummata Oromoof arrabsoo ta’een gartuun armaan ol maqaa dha’ame gad ba’u isaa  beekameera. Gantootni dantaa fi garaaf of gurguran muraasni maqaa dhaabichaa fi galfata kana dura Kora Sabaa 4ffaa irrattis itti kenname meeshaa godhachuun tika mootummaa PPtti hirkachuun gantummaa dhiifama hin qabne raawwataniiru.

Ammas akkuma kaleessaa shirri keessaa fi alaa dhaaba keenya waliin akka jiru ifatti mul’ataa jira. Bu’aa qabsoo dhaabni keenya galmeessaa as ga’e kana dabarsanii diinaaf kennuu fi boodatti deebisuuf murnoonni maqaa “Hooggana dhaabaa” jedhuun diinatti hirkitanii jeequmsa babal’isaa turan, waajjira ABO muummee Finfinneetti argamu humna tikaa fi poolisaan cabsanii seenuun, darbees isaanumaan eegamaa “Kora Sabaa ABO gaggeeffanna” jedhanii as bahan. Kun hedduu saalfachiisaa fi qaanessaa ta’uu isaa hubanna. Continue reading

Lola ABO Irratti Banameef Akeeka pp | KELLO MEDIA (Bitootessa 17,2021)

https://youtu.be/riR0yzmEmlA

Ibsa Ejjennoo QBO Magaalaa Finfinnee fi Naannawaa finfinnee Irraa Kenname.

“Maal haa Baasuuf Dhama Raasuu?”

Bitootessa 18/2021
Addi Bilisummaa Oromoo Haqa oromoof falma taasisuun Eenyummaa fi Kaayyoo jabaa ilma namaatti hore. ABOn dhaaba sabichaaf daandii qabsoo ta’ee mul’atedha. Haala rakkisaa fi wal xaxaa hedduu keessatti, wayita hin mijannee fi gammoojjii hamaa keessatti bakka oromoo hundaa bu’uun dhaaba Gaachana Oromoo ta’uun qabsoo hadhooftuu gaggeessaa turee; har’a gahedha. Adda Bilisummaa Oromoo Balleessuuf haalotni hedduun xaxamaa fi kiyyeeffamaa turaniiru; garuu itti hin milkoofne. Sababiin isaa dhugaan hawaasa oromoo ABO keessaan mul’ataa ture; jira. Addi Bilisummaa Oromoo miidhamaa fi rakkoo Saba oromoo akkasumas saboota cunqurfamoof falma haqaa gaggeessaa ture, itti jira.
ABOn dharraa Aangoo fi Badhaadhina jireenya dhuunfaaf osoo hin taane rakkoo jireenya hawaasaa, haala biyyaa fi fuulduree saba keenyaaf fageessee hubachuun dhaaba qabsoo Bilisummaa Gaggeessudha.
Addi Bilisummaa Oromoo Bilisummaa haqaa malee bilisummaa raqaa/garaaf, waan dhuunfaa fi yeroof bakka kennee adeemuu hin amaleeffanne. ABOn Dimokiraasii dhugaa hawaasni ittiin dhimma bahu akka jiraatuuf yeroo hunda gaaffiin uummataa akka deebii argatu tumsa. Qabsoon Bilisummaa oromoo milkiin akka goolabamuuf wareegama barbaachisuun itti ture; har’as itti jira.
Waan Gantoonni maqaa ABO tiin kora Sabaa taasisne jedhanii burjaajjii uuman ilaalchisee ibsa ejjannoo QBO Finfinnee fi Naannawaa ishee irraa kenname:-

Continue reading

Must Read–Dhibbaa Chaartera keessaa ABO dhiibee baase

Dhibbaa Chaartera keessaa ABO dhiibee baase
Qalbeessaa Dhangi’aatiin
May be an image of 1 person and text– Bara Chaarteraa rakkoof gaaga’ama ABO irra gahe.
– Bakkaaf yeroo miseensotaaf uummata irratti yakki ajjeechaa raawwate!
– Haala waajjirri ABO bara Chaarteraa itti ugguramaa ture!
Hubachiisa: Barruu kana dubbistee xumuruu baannaan hineegalin!
Dhalachuu WBO tiin Oromiyaan jiraate! Bu’aa Ba’ii qabsoo WBO aarsaa gati jabeessa uummata Oromoo yaadachiisuuf qophii qindaa’e. Qabsoo haqaa moggaasa maqaa biyya Oromoo: kan kaan biyya Gurraachotaa, Biyya Ormaaniyaa, Lafa Oromoo jedhee waamaa ture gara Oromiyaatti moggaasuutti ceesise. Akkasuma uummatni Oromoo daangaan lafa isaa sararamee, nagaaf tasgabbiin isaa akka eegamuuf qabsoo haqaa taasifame. Bu’aa ba’iin miseensa isaa mudatu illee waan qabsaa’eef uummati isaa Oromoon afaan isaan dubbatee, afaan isaan baratee akka of ta’ee ofitti boonee jiraatuuf qabsoo bilisummaa ABO’n taasifame qophii hubachiisu. Aarsaa lubbuu qaalii WBO’n saba isaa Oromoof, biyya abbaa isaa Oromiyaaf hanga guyyaa har’aatti kaffalaa jiru haqa WBO diinota Oromoon dabsamaa hanga har’aatti itti jiru uummati Oromoo akka hubatuuf qophii itti yaadamee qophaa’edha. Hanga dhuma sagantaa kanaatti akka nu faana turtan kabajaan isin gaafanna!
“Dhabama Oromummaaf Oromiyaa irra dhabama Lubbuu filachuu” Ejjennoo jedhu qabatee hundeeffama isaa qabee hanga har’aatti qabsoo haqaa bilisummaa Oromoo irratti cichee kan jiru Waraanni Bilisummaa Oromoo Waardiyyaa amanamaa uummata Oromoo fi biyya abbaa keenya Oromiyaati.

Continue reading