,BITOOTESSA 14/ 2021
Korri Sabaa, Shira Diinaa Fi Gantootan Gaggeeffamaa Jiru Beekamtii Seeraa Hin Qabu!
Addi Bilisummaa Oromoo ABOn dhaaba roorroo, cunqursaa fi gidiraa saba Oromoo keessaa dhalatee dha. Oromoo fi Oromiyaan ulfa jaarraa tokkoon booda ilmaan ishee qaqqaaliidhaan
dhaaba ciniinsuu ulfaataa dhaan deessee dha. Kanaaf sabnii oromoo akka dhala dhabaa fi qaroo ija isaatiitti ABO jaalatas, ilaalas.
ABOn guyyaa hundeeffamee rasaasni jalqabaa jaal Elemoo Qilxuun gaarreen Carcar keessatti nyaapha Oromoo tti dhukaafamtee jalqabee hanga guyyaa har’aatti diinni keenya innikaa alaan
dhabamsiisuf yoo shiru, galtoonnii fi gantoonni immoo keessan akka shiraa fi hammeenya diinaa sana dandamatee galma aggammaate san hin geenye dhagaan isaan hin garagalchine hin
jiru. Haa tahu malee ayyaanni fi ekeraan jaallan QBO keessatti irbuu tiksuuf wareegamanii fi jaallan cichoon kaayyoo waliin waan jiran waardiyaa dhaabbatanii waan tiksaniif Kallacha keenyaa ABO akka yaadan dhabamsiisuf takkaa itti hin milkoofne; ammas hin milkaa’an.
Faallaa kaayyoo diinaa kanatti, ABO dhaloota sabboonummaa fi Oromummaan itti habaqaalee, kunuunsuu kudhaama Irbuu fi kaayyoo qabsoon itti dhalatte kudhaammachiisee,diina keenya sadarkaa sadarkaan buqqisuun gantoota keessaa irraayis dandamatee akka galii isaa gahu shakkii hin qabnu.
ABOn jalqabuma gaafa dhalatu irraa kaasee dhaaba of danda’ee gaaffii siyaasaa, diinagdee, Eenyummaa fi walumaa gala biyya abbaa isaa irratti sabni Oromoo ofiin bulee, afaan, aadaa, Continue reading →
Share this:https://www.gofundme.com/8bds2wgk