IBSA EJJENNOO KONYAA ABO Naayiroobi.

IBSA EJJENNOO KONYAA ABO Naayiroobi.
ABO keessatti gantoonni bakkan qaban, warra garaaf maqaa ABOtiin daldalu ni mormina.
Shira gantoota keessaa fi tika mootummaan qindaa’een Bitootessa 13, 2021 Kora Sabaa Hooggantootni, Miseensotni fi Deggertootni Adda Bilisumma Oromoo kamu irraa quban qabne Seera fi Naamusaa dhaaba cabsuun “Kora Sabaa ABO geggeeffanne” jechuun bifaa Ummata Oromoof arrabsoo ta’een gartuun maqaa ABO dhahachuun gad bahun beekamee jira. Gantootni dantaa fi garaaf if gurguran muraasni maqaa dhaabichaa fi galfata kana dura Kora Sabaa 4ffaa irratti itti kenname meeshaa godhachuun gargarsaa murna PP kan aangoo harka qabutiin yakka dhiifaman qabne raawwatani jiru.
Ammas akkuma kaleessaa shirri keessaa fi alaa dhaaba keenya ABO waliin akka jiru ifatti mul’ataa jira. Bu’aa qabsoo dhaabni keenya galmeessaa as ga’e kana dabarsanii diinaaf kennuu fi boodatti deebisuuf murnoonni maqaa “Hooggana dhaabaa” jedhuun diinatti hirkitanii jeequmsa babal’isaa turan, eegumsa isaanitiin waajjira ABO muummee Finfinneetti argamu humna tikaa fi poolisaan cabsanii seenuun, “Kora Sabaa ABO gaggeeffanna” jedhanii as bahan. Kora sabaa miseensonni dhaabatiifi ummanni Oromoo hin beeyne kan heera ala tahe godhun yakka akka tahe ni hubanna.
Dhaaba roorroo ummata Oromoo irra jiru irraa qolatee mirga abbaa biyyummaa isaa gonfachisuuf qabsoo bara dheeraa wareegama qaalii itti kafalee, arrallee qabsoo gubbaa jiru balleessuuf yeroo qondaloonni fi miseensonni isaa hedduun mootummaa kanaan yakka tokko malee hidhamani jiraanitti yeroo maqaa adda addatiin duguuggaan sanyii ummata keenyarraatti baname jirutti gantoota waliitti qabatani tikaa mootummaa wajjiin maqaa ABOtiin Koraa taa’uun gantummaa fi farrummaa isaani ifatti mirkaneessan.
ABOn qabsoo karaa nagaan qabsaa’uuf gara karaa nagaatti kan deebi’e ta’ulee dhaabni PP mootummaa dha ifiin jedhu, hooggantootaa, fi miseesota isaa hidhuun waajjiraalee dhaabichaa cufuu akkuma itti fufetti jira. Mootummaan kun yoo dhuguma biyya kanaaf guddina fi nagaa waaraa barbaade ABO diigu waan hin dandeenyeef isaa keessa OPDO bira baasuu dhiise wantoota dhaabni Oromoo ABO fi KFOn akka furamuuf isaa gaafatan guutuu qaba . Kanaan alaatti waajjira dhaaba cufuu, qondaloota fi miseensota ABO yakka tokko malee hidhuu itti fufa taanaan shira isaa fi gantootan dhaaba keenya fi qabsoo bilisummaa Oromoo irratti gaggeeffamu kamu karaa barbaachisu hundan dura dhaabanna.
Kanaafuu nuti misensonni ABO Konyaa Naayiroobii gochaa seerdhablummaa murni diinaan bitaman kun hojjatee ni balaaleffanna..Ummatni Oromoo kana hubatee akka dura dhaabbatuu fi qabsoo wareegama guddaa itti baase tikfata, kaayyoo gootowwan keenya itti wareegaman xumura akka itti godhatu dhaammanna .
Injifannoo Ummata Oromoof!
Konyaa ABO Naayiroobi !
May be an image of 1 person and tree

 

Leave a Reply

Fill in your details below or click an icon to log in:

WordPress.com Logo

You are commenting using your WordPress.com account. Log Out /  Change )

Twitter picture

You are commenting using your Twitter account. Log Out /  Change )

Facebook photo

You are commenting using your Facebook account. Log Out /  Change )

Connecting to %s