Qeerroo Bilisummaa Oromoo
Sadaasa 9,2020
Finfinnee Oromiyaa
Dararaaf ajjeechaan akka jiru beekuun qabsoo saba isaaf taasisu irraa duubatti hindeebisu. Waan qabsaa’eef sana dhugoomsuuf, saba isaatti kabajaa horuuf waan irraa eegamu mara nii bahata. Adeemsa qabsoo keessatti wareegamni lubbuu, aarsaan jaallan qabsoo dhabuus namatti dhufa.
Jaallan qabsoo of biraa humna diinaan dhabuun daranuu kutannoon qabsicha galiin gahuuf nama kakaasa. Ilmaan Oromoos addatti dargaggeessi Oromoo biyya abbaa isaa Oromiyaatti kabaja horee birmadduu baasuuf, saba isaa waanjoo halagaa jalaa baasee bilisoomsuuf qooda irraa eegamu bahataa as gahaniiru.
Yaadannoon Saadasa 9 guyyaa wareegamtoota Qeerroo Bilisummaa Oromoo itti yaadannudha. Bara dukkanaa, bara hamtuu Sadaasa 9, 2005 warraaqsa qabsoo karaa nagaa ABO’n labseen hiriira nagaa bahanii jaallan qabsoo aarsaa lubbuu kaffalan irraa eegaluun guyyaa kana yaadanna.
Sadaasa 9 yoggaa yaadannu dargaggoota Oromoo kanneen akka Jaagamaa Badhaanee fi Shamarree Dirribee Jifaar dabalatee qaaliiwwan hedduu bara 2005 asitti aarsaa lubbuu kaffalan yaadanna.
Guyyaan kun kan bara 2005 wixinee ykn bu’uura ka’umsa taasifamee ha yaadatamu malee Qeerroo hanga har’a bara 2020 aarsaa qaalii biyya abbaa isaanii Oromiyaaf Oromummaa isaaniif kaffalaa jiran gootota dargaggoota aarsaa lubbuu kaffalan ittiin yaadanna.

Jaafar Yusuuf waajjira poolisii Bulchiinsa magaalaa Buraayyuutti kan hidhamee jiru yoo ta’u, reebicha isarratti raawwatameen ol jedhee dhaabbachuullee hin danda’u jechuun hiriyaan isa OMN-tti hime.
seenaa qabeessi Warraaqsi FDG Sadaasa 9 bara 2005 waamicha Qabsoo karaa nagaa ABO uummata Oromoo hundaaf godheen qabsiifame keessatti dargaggootni Oromoo, Barattootni Oromoo fi qonnaan bultootni bifa qindaa’ee fi İjaarameen itti hirmachuun wareegama qaalii baasuun mootummaa abbaa irree boqonnaa dhorkuun bilisummaa ofiifi walabummaa biyya jecha bara Oromoon gamtaan waamicha godhameef simatee falmachuutti jabaate dha.