
Goototni Oromoo wareegama qaalii gootummaan hiriiruun lubbuu deebitee bakka buusaa hin qabne kennuun saba isaaniif falmachuun mooraa Qabsoo Bilisummaa Oromoo ABO durfamu biyya keessatti gadi jabeessuun uummata gidduu jiraachisuu danda’uu irra darbee Qeerroo Bilisummaa Oromoo har’a bifa jaarmiyaan ijaaramee qabsich bifa qindaa’een gaggeessuun sochii FDG irraa gara Sochii warraaqsaa Biyyoolessa Oromiyaa FXGtti tarkaanfachiisuun qabsoo hadhaawaa gaggeeffameen Mootummaa Mataa keenyaa fi biyya mataa keenyaa akka qabaannuuf abbaa irreetti xummura gochuufi Uummata Oromoo balbala Bilisummaa irraan gahee jiruuf bu’uura kana buusuun danda’amedha.
Kanaaf goototni qabsicha adda durummaan itti hirmaachuun wareegama yeroo yaadannuu gaddi guddaan utuu nutti dhagaa’amuu Wareegama gootummaa kan jijjiramaa fi bu’uura bilisummaa waan kanfalaniif guyyuu kan ittin boonnuu fi kaayyoo isaan irratti wareegamaan galiin ga’uun wareegama fakkataa baasaa uummata keenya dammaqsuu,ıjaaruufi tokkoomsuun falmaa gita hin qabne gaggeessa bakka amma irra geenyee jirru irra dhaabbatne guyyicha bifa adda ta’een yaadachaa fi kabajachaa abbaa irreetti xummura gochuuf uummatni Oromoo bal’aan falmaa irratti yeroo argamnu kanatti jaallan keenya kaleessa qabsoof wareegaman ammas wareegamaa jiran bakka mana fi yeroo kamuu keessatti yaadachuun dirqama Oromummaati.