
Weellisaa Jaafar Yusuuf walleewwan warraaksaa Oromoo adda addaa hojjechuun kan beekamu yoo ta’u, jijjiirama bara 2018 booda qabsaa’ota gara Oromiyaatti deebi’an keessatti argama. Weellisaan kun erga gara biyyaatti deebi’ee, marsaa shanii oliif kan hidhame yoo ta’u, ajjechaa Artist Hacaaluu Hundeessaa booda marsaa lammaffaaf hidhamuusaa hiriyaasaa kanarraa qulqulleeffanneerra.
Akka hiriyaansaa kun jedhutti, Jaafar Yusuuf yeroo ammaa kana reebicha poolisii humna addaa Oromiyaatiin isarratti raawwatameen miidhama hedduuf saaxilamee jira. Miillisaa cabuudhaan ol jedhee dhaabbachuu kan hin dandeenye yoo ta’u, waldhaansa argachuufillee hayyama dhabee jira.
“Namoonni Jaafar dubbisuuf dhaqan keessaa namni 7 ol Buraayyuutti hidhamanii jiru” kan jedhu hiriyaansaa, “Jaafar Yisuuf yeroo ammaa kana haala Yaaddessaa keessa jiraatus, mana murtiittillee hin dhihaatin jiraaachuu” OMN odeeffateera