Wareegamtoota keenya yaadachuun, akeeka isaan irratti kufan galmaan gahuuf kutannoo horachuudha!

Qeerroo Bilisummaa Oromoo
Sadaasa 9,2020
Finfinnee Oromiyaa
Qabsootu wareegama gaafata. Wareegama qaalii gootonni saba irraa dhalataniif kaffalantu firii ta’ee sabicha gadadoof waanjoo abbaa irree jalaa baasa. Qabsaa’aan aarsaa dhufu mara ofitti fudhatee qabsootti seena. Aarsaan du’aa, dhiiga fi lafee caccabuu akkasuma hidhaan hiraarfamuu akka jiru beeka.
Dararaaf ajjeechaan akka jiru beekuun qabsoo saba isaaf taasisu irraa duubatti hindeebisu. Waan qabsaa’eef sana dhugoomsuuf, saba isaatti kabajaa horuuf waan irraa eegamu mara nii bahata. Adeemsa qabsoo keessatti wareegamni lubbuu, aarsaan jaallan qabsoo dhabuus namatti dhufa.
Jaallan qabsoo of biraa humna diinaan dhabuun daranuu kutannoon qabsicha galiin gahuuf nama kakaasa. Ilmaan Oromoos addatti dargaggeessi Oromoo biyya abbaa isaa Oromiyaatti kabaja horee birmadduu baasuuf, saba isaa waanjoo halagaa jalaa baasee bilisoomsuuf qooda irraa eegamu bahataa as gahaniiru.
Yaadannoon Saadasa 9 guyyaa wareegamtoota Qeerroo Bilisummaa Oromoo itti yaadannudha. Bara dukkanaa, bara hamtuu Sadaasa 9, 2005 warraaqsa qabsoo karaa nagaa ABO’n labseen hiriira nagaa bahanii jaallan qabsoo aarsaa lubbuu kaffalan irraa eegaluun guyyaa kana yaadanna.
Sadaasa 9 yoggaa yaadannu dargaggoota Oromoo kanneen akka Jaagamaa Badhaanee fi Shamarree Dirribee Jifaar dabalatee qaaliiwwan hedduu bara 2005 asitti aarsaa lubbuu kaffalan yaadanna.
Guyyaan kun kan bara 2005 wixinee ykn bu’uura ka’umsa taasifamee ha yaadatamu malee Qeerroo hanga har’a bara 2020 aarsaa qaalii biyya abbaa isaanii Oromiyaaf Oromummaa isaaniif kaffalaa jiran gootota dargaggoota aarsaa lubbuu kaffalan ittiin yaadanna.

Bara olitti eerame kanatti maqaan ijaarsa dargaggoota Oromoo “Sochii Dargaggoota Biyyoolessaa,Bilisummaa fi Dimokiraasii” jedhama. Qabsoon sun milki qabeessa ta’uu hubachuudhaan, qabsichi furmaata siyaasaa uummata Oromoo ta’uu itti amanuu irraa Addi Bilisummaa Oromoo ABO’n bara 2011 maqaa Sochii Dargaggoota Biyyoolessaa, Bilisummaa fi Dimokiraasii kana Qeerroo Bilisummaa Oromoo jechuun raggaasise. Akkasuma Qeerroo Bilisummaa Oromoo damee jaarmiyaa ABO keessaa isa tokko akka ta’uuf jaarmiyaalee ABO jalatti akka taliigamu murteeffame.
Bara 2011 asittis bu’aa ba’ii hedduu keessa darbuudhaan, diraaf halagaan utuu itti duuluu Qeerroo Bilisummaa Oromoo bifa abdii qabeessa olaanaa ta’een bara 2014 keessa Warraaqsa guddaa guutuu Oromiyaa keessatti dhoose.
Fincilli sun mooraa Jimmaa Yuunibarsiitii keessatti Eebla 11,2014 diddaa Maaster Plaaniin akkasuma ijoo gaaffii Oromoo gaaffii abbaa biyyummaa Oromoo mirkaneessuu fi maqa balleessii Barruun “Inquu” jedhu Oromoo irratti harreessee mooraalee Yuunibarsiitii keessatti raabsame warraaqsa balaaleffatu ture.
Kana keessatti qoodni ABO’n hogganummaadhaan taliigee Warraaqsa Qeerroo Bilisummaa Oromoo sana banbansuu keessatti bahate isa olaanaa ture. Fincilli Ebla 11,2014 Qabsiifamee bifa adda ta’een Sadaasa 12,2015 Ginciitti dhoofamuun qabsoo wal irraa hincinne hiriirri mormii guutuu Oromiyaa dhuunfate.
Qeerroo Bilisummaa Oromoos guyyaa seena qabeessa kana Daawwitii qabsoo bilisummaa Oromoo taasisee fudhata. Guyyaa kana yaadachaa waan darbe waliif qoodanii ka fuulduraaf galma gahiinsa qabsichaaf yeroo itti gamtoominaan qabsaa’an ta’uuttis amana.
Bara kana yaadannoo Saadaasa 9,2020 “Fincila diddaa garbummaa irraa hanga mootummaa Ce’umsaatti” mata duree jedhuun yaadanna. Kunis dargaggoota Fincila Diddaa Garbummaa (FDG) fi Fincila Xumura Garbummaa (FXG) keessatti lubbuu qaalii qabsoo bilisummaa Oromoo tarkaanfachiisuuf dhabaniif kanneen har’a Mootummaa Ce’umsaa hundeen gadi dhaabuuf akkasuma qabsoo bilisummaa Oromootti hirmaatanii humnoota diina Oromoof tumsitoota diinaan ajjeefaman ittiin yaadanna.
Kana malees; Qeerroo Bilisummaa Oromoo guyyaa kana Irbuu haaronfachuun egeree biyya abbaa keenya Oromiyaa fi saba keenya Oromoo irrattis marii barbaachisaaf tarkaanfataa bakkuma jirrutti guyyaa taasifnu ta’uu ibsina.
Hunkurama siyaasaa gaanfa Afrikaa mudatee jiru kunis lolaan isaa akka saba keenya fudhatee hinbadneef tika barbaachisaa lammiilee Oromiyaaf taasisuuf dammaqina saba keenyaa gabbisuuf akka Oromoon of tiksu ciminaan hubachiisuuf wantoota fala ta’an lafa kaawwannee qabsoo itti aanuuf kan of qopheessinu ta’uu ibsanna.
Sadaasa 9 guyyaa yaadannoo Fincila Diddaa Garbummaa bara baraan nii yaadatama. Qolee saba keenyaa cabe, haamilee saba keenyaa laamsha’etti dargaggoota haamilee horanii qabsoo bilisummaa Oromootti lubbuu horanii ofii lubbuu darban oggayyuu yaadataa jiraanna. Qabsaa’ota biyyaaf kufan yaadachuun daandiif xurree isaan irratti kufan itti fufsiisuuf kutannoo horachuuf kan barbaachisu ta’uus dhaamna.
Sadaasa 9 kan bara 2020 kanaa yeroo yaadannee oollu kanattis qabsaa’ota qabsoo sabaaf Mootummaa abbaa irreen ajjeefamanii fi ajjeefamaa jiran akkasumas Bilisummaa sabaaf kanneen mana hidhaatti Mootummaa bara gadaa isaa fixatee afaan qawween dararamaa jiran yaadachaa Mootummaa Cehumsa Biyyoolessa Oromiyaa ABOn labse hundeeffachuufis dirqama dhaabni keenya ABO nutti kenne akka bahachuu qabnu Irbuu haaromsachaa waan nurraa eegamu hunda bahachuuf qophii yoo taanu Mootummaa Cehumsa Biyyoolessa Oromiyaa ijaarrachuuf deeggarsa osoo hin taane dirqama ofitti fudhachuu keenya kan itti mul’isnudha.
Maayii irratti wareegamtoota keenya yaadachuun, akeeka isaan irratti kufan galmaan gahuuf kutannoo horachuudha. Wareegama qabsoo bilisummaa Oromoo yaadachuun qabsoo bilisummaa Oromootti firii gochuuf of kennuudha.
Injifannoon Uummata Oromoof
Qeerroo Bilisummaa Oromoo
Sadaasa 9,2020

Leave a Reply

Fill in your details below or click an icon to log in:

WordPress.com Logo

You are commenting using your WordPress.com account. Log Out /  Change )

Twitter picture

You are commenting using your Twitter account. Log Out /  Change )

Facebook photo

You are commenting using your Facebook account. Log Out /  Change )

Connecting to %s