Abidda biyya gubu uumuuf ichima ichimaa jiru mootummaan daddaffiin keessa deebi’ee ilaaluu qaba!

Ibsa Qeerroo Bilisummaa Oromoo (Qote Bulaa, Horsiise Bulaa Oromoo ilaalchisee)
Eebla 4,2020
Finfinnee Oromiyaa

Uummati keenya waggoota dheeraaf sanyii orgaaniika ta’ee fi wantoota itti fayyadamu mara keemikaala kan of keessaa hinqabne fayyadamaa ture. Haalli jireenya saba keenyaa osoo keemikaalli garaagaraa biyyattii keessa hintatamsa’in maal akka fakkaatuuf, qilleensi akkam akka bareedu warri beeku beeka. Nageenya isaas tiksachuu fi yoo akkaan itti hammaate malee takkaa rakkoo beelaa osoo hinimatin hawwaasi jiraataa ture, hawwaasi Oromoo madda galii isaa Qonna irraa soorrata isaa of danda’ee midhaan gabaaf dhiyeessuun beekama.

Adeemsi wantoota keemikaala of keessaa qabanitti fayyadamuu qorannaa gahaa fi, barnoota hubannaa gahaa irraa kan maddu ta’uu osoo beekamuu qorannaan lafaaf keemikaalota lafatti biifaman gidduutti osoo haalaan hintaasifamin qorichoonni Aramaa jedhamanii fi Qorichoonni Marga goksan Qote bultootaaf callifamee raabsamuudhaan albuudota lafaa miidhuun itti yaadamee waan lafa uummata Oromoo goksuf taasifamedha jechuun fudhata Qeerroo Bilisummaa Oromoo.

Kana malees hawwaasi Oromoo waggoota dheeraa duraa qabee hanga har’aa Loon horsisuu kan jaallatuuf Loon madda jireenyaa taasifatee kan jiraatu, Qorichoonni Aramaa fi Qorichoonni Marga goksanii Qotiisaaf haala mijeessu jedhaman dhiibbaa isaan beeyladoota akka Loonii, Hoolaa, Re’ee, Gaalaa fi kkf irraan gahan osoo hinqoratamin raabsamuun, dhabamiinsa beeyladaaf sababaa olaanaa ta’eera jennee amanna.

Itti dabalees horsiisa Kanniisaa irratti kan bobba’u hawwaasi keenya, damma oomishuudhaan jireenya fooyyaa’aaf jireenya qananii jiraataa kan ture, erga Qorichoonni Aramaa hawwaasa keessa facaa’anii kanniisa irratti dhiibbaa guddaaf gaaga’ama ulfaataa fiduudhaan, maddi galii dammaa dhibbantaa 70 kan tilmaamuun gadi bu’eera.

Hawwaasi Oromoo hojii idilee isaaf madda galii isaa Qonna taasifatee jiraatu galii isaa waggaatti kan eeggatu yoo ta’u, waggaa gara waggaatti galiin isaa gadi adeemuu fi lafti isaa gogaa adeemuun madda yaaddoo hamaa ta’aa dhufeera. Adeemsi Qorichoota summaa’oo fi Xaa’oo uummataa raabsuu qorannaa gahaan ala ta’uu kan amanu Qeerroon Bilisummaa Oromoo, itti yaadamee akka lafti Qote bulaa midhaan hinbiqilchineef Xaa’oo fi qorichoota keemikaala lafa miidhu qaban lafa sana waliin utuu qorannaa hintaasisin raabsuun akkaan uummata miidhuuf sochii godhame ta’uu hubata. Kana malees lafti Qote bulaa oomisha maaliif mijata, osoo hinjedhin callifamee oomisha lafa sana waliin hindeemne uummata dalagsiisuun, qorannaa gahaan alatti oomisha qote bulaa danqarsuun akka malee mul’ata. Haala kana keessatti akka fakkeenyaatti Qote Bultoota Oromoo Lixa Oromiyaa galiin isaanii dhibbantaa 50% gadi akka bu’e himu. Keessattuu oomishaalee Boqqoolloon wal qabatanii gatii Xaa’oon Boqqoolloo ittiin bitamu deebiisuullee dadhabaa jiraachuuf lafti isaanii Raafuullee of irraa bu’ee biqilchuu didaa jiraachuu himataa jiru. Haala kana keessatti galiin qote bulaa akka malee gadi bu’ee jiraachuuf midhaan nyaataa of danda’uun gaara ol fuudhee baachuu akka itti ta’e himataa jira. Kana malees galii dhuma Qote bulaan kun argatu gabaa gahaa akka hinarganne taasisuudhaan hawwaasni dinagdeen akka of hinijaarre taasisuun ammoo baay’eetti nama dhukkubsa. Bakkoota Kuduraaf Muduraan itti oomishamanitti gabaa Kuduraaf Muduraa hongeessuudhaan tapha dinagdee hawwaasaa kuffisu uummata irratti dalagaa jiraachuu mootummaatu mul’ata. Naannoo hawwaasi Oromoo oomisha Aananii jiraatutti, gabaa aannanii gadi buusuudhaan, kilomeetira xiqqoo irraa fageessanii ammoo gabaan Aananii qaala’aa ta’uudhaan itti yaadamee galii Qote bulaa Oromoo miidhuu irratti hojiin dalagamaa jiru daddaffiin akka furmaata argatu gadi jabeessinee gaafanna.

Dhimmoota hanga ammaa miidiyaaleenis ta’ee dhaabbileen falmitoota hawwaasaa kan bira hingahin rakkoon Qote bulaa Oromoo irra karaa garaa garaa gahu akkaan hammaataa dhufeera. Baasiin mootummaa sadarkaa humna Qote Bulaa ol ta’e keessatti kufaatii hamaaf saaxilamaa jiraachuu bakkaa garaagaraatii Qote Bulaan Oromoo himata. Dhimmoota Liqa Maallaqaan wal qabatee, adeemsa daldalaaf fayyadama liqa maallaqaa maqaa “WLQO (Waldaa Liqaaf Qusannaa Oromiyaa)” jedhu waajjiraalee hedduu hawwaasa Oromoo keessaa kan qabu yoo ta’u, hawwaasa keenyaaf barnoota gahaa dhimma qabiinsa maallaqaa irratti osoo hinlaatiniif qote bultoonni akka maallaqa liqeeffatanii Xaa’oo fi Qorichoota aramaaf Qoricha Margaa bitatan taasisu. Haalli Liqaa kun dhala kan qabu yoo ta’u, Qote bultoonni gatii Xaa’oo isaan ittiin bitan akkaan mi’aa ta’uu fi lafti isaanii akka duraatti haalaan midhaan oomishuu dadhabuu irraa Liqa mootummaa dirqamaan kaffaluun waan irra jiraatuuf sadarkaa Qotiyyoo tokkittii manaa qabu gurguree liqaa mootummaa kaffalu irratti argama. Sababaa Liqaa kanaan namootiin Qotiyyoo mararsiifatan of duraa gurguran lakkoofsaan hedduudha. Erga kiyyoo Liqaa sana keessa seenaniis Liqaa sana keessaa bahuun akkaan kan itti hammaatee, waggaa waggaan akka galiin Qote bulaa gadi adeemu tasisaa jira. Haalli Liqaan wal qabatee adeemu gaarii ta’ee uummataaf barnoota gahaa akkaataa Liqaa sana dachaan dhaluu danda’utti akka itti fayyadamuuf barnoota gahaa laachuu dhabuun akka hawwaasi kun iyyuma gadadoo keessummeessu taasisee jira.

Waan ta’eef Qeerroon Bilisummaa Oromoo ibsa ejjennoo kanaa gadii baasee jira.

1. Qorichoota qilleensa faalan, kanneen lafa uummataa miidhan, akkasuma qorichoota beeyladoota irratti miidhaa geesisan faayiida xiqqaa isaanii ilaaluun uummataaf raabsuun akka dhaabbatu qaama dhimmi ilaalu gaafanna.

2. Barnooti gahaan ogeessa dhimma lafaan barnoota gahaa itti qabuun, siyyaasa irraa walaba nama ta’een uummata keenyaaf akka laatamu gaafanna.

3. Lafa uummata keenya Oromoon wal madaalchifamee oomishaalee ta’uu qaban qorannaadhaan kan gaggeeffaman akka ta’uu qabu, kana dhugoomsuuf dhiibbaan gama uummataanis akka jabaatu hubachiisna.

4. Galiin qote bulaa gabaa gahaa akka argatu, oomishaalee akka addunyaatti qaala’aa ta’an kan uummati keenya oomishu gabaa gahaa akka argatuuf dirqama isaa mootummaan akka bahatu gaafanna, mootummaan itti yaadee galii uummataa gadi qabuu akka dhaabu cimsinee akeekkachiifna

5. Horsise bulaa, daldalaa fi guutuu uummata keenyaaf ilaalcha badaa qabaachuufiin akka uummati kun rakkatuuf itti yaadee gochaa raawwataa jiru mootummaan akka dhaabu asumaan jabeessinee gaafanna.

Walii galatti oomishaaleef hojiilee haala qilleensaaf lafa uummata keenyaan wal hinmadaalle uummataa raabsuniis ta’ee, keemikaalota bu’aa xiqqoofi miidhaan isaanii akkaan hamaa ta’e uummataaf raabsuun daddaffiin akka dhaabbatu gaafanna. Qorichootni ykn keemikaaloti Aramaaf kaan gaafa uummataaf raabsaman qorannaa gahaa fi dhiibbaaf faayidaa isaan laatan madaalamee akka kennamuu qabu hubachiisna. Biqiloota dhiibbaa biyyee irratti akkasuma Bishaan irratti geessisan uummatni akkaataa itti fayyadamuu qabu irratti barnoota gahaa laachuufiin dirqama mootummaati. Kun hafee gaaga’ama faalama qilleensaaf, faalama biyyeen uummata keenyatti dhufuuf mootummaan kan gaafatamuu qabu ta’uu cimsinee hubachiisna. Mootummaan daldala gatii Xaa’oof sanyii irraa argatu qofaaf, bu’aa gurgurtaa keemilaa irraa argatu qofa ilaaluudhaan akkasuma itti yaadee uummata rakkisuuf abidda iyyumaaf gadadoo bor boba’ee uummata dhabamsiisu ichimaa jiraachuu beekee, osoo abiddi ichima kana qabatee rakkoof uummata keenya hinsaaxilin daddaffiin keessa ilaalee akka dhaabuu qabu Qeerroo Bilisummaa Oromoo gaafata. Nuti Qeerroon Bilisummaa Oromoo rakkoo uummata keenyatti dhufu, balaa halaalatti dhufu kan ka’umsa isaa arginu mara uummata keenya irraa qolachuuf uummata keenya beeksisaa adeemuuf dirqama Oromummaa keenyaa kan bahannu ta’uu uummata keenyaaf hubachiifna.

Injifannoon uummata Oromoof
Ibsa Qeerroo Bilisummaa Oromoo
Eebla 4,2020
Finfinnee Oromiyaa

Leave a Reply

Fill in your details below or click an icon to log in:

WordPress.com Logo

You are commenting using your WordPress.com account. Log Out /  Change )

Twitter picture

You are commenting using your Twitter account. Log Out /  Change )

Facebook photo

You are commenting using your Facebook account. Log Out /  Change )

Connecting to %s